Iyyaasuu 10:1-43

  • Israaʼel Gibeʼoniin oolche (1-7)

  • Yihowaan Israaʼeliif lole (8-15)

    • Cabbii guguddaa diinota irratti roobe (11)

    • Aduun bakkuma jirtu dhaabbatte (12-14)

  • Mootonni waraana banan shanan ni ajjeefaman 16-28)

  • Magaalonni kibbaa ni qabaman (29-43)

10  Adonii Zedeq mootiin Yerusaalem Iyyaasuun akkuma Yerikoo fi mootii ishii+ irratti godhetti Aayii fi mootii ishii+ irratti gochuudhaan Aayiin qabachuu isaa fi guutummaatti ishii balleessuu isaa, akkasumas jiraattonni Gibeʼon akkamitti Israaʼelii wajjin nagaa uumanii+ isaan gidduu akka jiran akkuma dhagaʼeen  baayʼee ni sodaate;+ sababiin isaas, Gibeʼon magaalota mootiidhaan bulan keessaa akka ishii tokkootti magaalaa guddoo turte. Ishiin Aay caalaa guddoo turte;+ dhiironni ishii hundis loltoota turan.  Kanaan kan kaʼes, Adonii Zedeq mootiin Yerusaalem Hohaam mootii Kebroonitti,+ Piraam mootii Yaarmutitti, Yaafiʼaa mootii Laakiishittii fi Deebir mootii Egloonitti+ akkana jedhee dhaamsa erge:  “Gibeʼon Iyyaasuu fi Israaʼelotaa wajjin nagaa waan uumteef, kottaa na gargaaraa, ishii haa rukunnu.”+  Yeroo kanatti mootonni Amoorotaa+ shanan, jechuunis mootiin Yerusaalem, mootiin Kebroon, mootiin Yaarmut, mootiin Laakiishii fi mootiin Egloon raayyaawwan waraanaa isaanii wajjin walitti qabamanii irratti duuluudhaan ishii waraanuuf Gibeʼonitti marsan.  Achiis namoonni Gibeʼon, “Tajaajiltoota kee hin dhiisin.*+ Dafii kottu! Nu oolchi, nu gargaaris! Mootonni Amoorotaa warri naannoo gaarotaa irraa dhufan hundi nu waraanuuf walitti qabamaniiru” jedhanii gara Iyyaasuu isa buufata Gilgaalitti+ argamu keessa jiruutti dhaamsa ergan.  Kanaafuu, Iyyaasuun loltoota jajjaboo fi loltoota kaan hundumaa wajjin Gilgaal irraa kaʼee ol ni baʼe.+  Yihowaanis Iyyaasuudhaan, “Ani harka keetti dabarsee waanan isaan kenneef,+ isaan hin sodaatin.+ Tokkoon isaanii illee si dura dhaabbachuu hin dandaʼan”+ jedhe.  Achiis Iyyaasuun Gilgaal irraa kaʼee halkan guutuu deemaa bulee akkuma tasaa isaanitti dhufe. 10  Yihowaanis Israaʼelota duratti akka burjaajaʼan godhe;+ isaanis Gibeʼonitti isaan ni fixan; daandii gara Beet Hooronitti ol baasuun isaan duukaa buʼanii, hamma Azeeqaa fi hamma Maaqedaatti isaan haleelan. 11  Yeroo isaan Israaʼel jalaa baqachaa fi Beet Hooron irraa gad buʼaa turanitti Yihowaan hamma Azeeqaatti samii irraa cabbii guguddaa isaan irratti roobse; isaanis ni dhuman. Warra goraadee Israaʼelotaatiin duʼan irra warra cabbii sanaan duʼantu caala ture. 12  Yeroo Yihowaan Israaʼelota duratti Amoorota injifatetti Iyyaasuun Israaʼelota duratti Yihowaadhaan akkana jedhe: “Yaa aduu, Gibeʼon+ irratti dhaabbadhu!+ Yaa addeessaa, Sulula* Ayiloon irratti dhaabbadhu!” 13  Kanaafuu, sabichi diinota isaa irratti hamma haaloo baʼutti aduun bakkuma jirtu ni dhaabbatte; addeessis iddoo ishiitii hin sochoone. Kun kitaaba Yaashaar+ irratti barreeffameera mitii? Aduun samii walakkaa bakkuma jirtu ni dhaabbatte; gara guyyaa tokkootiifis lixuudhaaf hin ariifanne. 14  Sana duras taʼe sana booda, akka guyyaa sanaatti guyyaan Yihowaan sagalee namaa itti dhagaʼe+ hin jiru; sababiin isaas, Yihowaan Israaʼeliif lolaa ture.+ 15  Sana booda Iyyaasuun guutummaa Israaʼelii wajjin gara buufata isa Gilgaalitti+ argamutti deebiʼe. 16  Yeroo kanatti mootonni shanan baqatanii holqa Maaqedaatti+ argamu keessa dhokatan. 17  Achiis, “Mootonni shanan holqa Maaqedaatti+ argamu keessa dhokatanii jiru” jedhamee Iyyaasuutti himame. 18  Kanaafuu Iyyaasuun akkana jedhe: “Dhagoota guguddaa gara afaan holqa sanaatti gangalchaa; akka isaan eeganiifis namoota ramadaa. 19  Warri kaan garuu hin dhaabbatinaa. Diinota keessan duukaa buʼaatii duubaan isaan rukutaa.+ Waaqni keessan Yihowaan harka keessanitti dabarsee waan isaan kenneef, gara magaalota isaaniitti akka seenan isaaniif hin heyyaminaa.” 20  Iyyaasuunii fi Israaʼelonni isaan keessaa namoota hedduu fixan; namoota baqatanii gara magaalota dallaa dhagaa qabanitti seenan muraasa irraan kan hafe hunduma isaanii haxaaʼanii balleessan. 21  Sana booda guutummaan sabichaa gara Iyyaasuu isa buufata Maaqedaatti argamu keessa jiruutti nagaadhaan ni deebiʼe. Eenyu iyyuu Israaʼelotatti waan tokko illee dubbachuuf* hin onnanne. 22  Achiis Iyyaasuun, “Afaan holqa sanaa banaatii mootota shanan holqicha keessaa baasaa natti fidaa” jedhe. 23  Isaanis mootota shanan kana, jechuunis mootii Yerusaalem, mootii Kebroon, mootii Yaarmut, mootii Laakiishii fi mootii Egloon+ holqa sana keessaa baasanii gara isaatti fidan. 24  Mootota kana gara isaatti yommuu fidanis, Iyyaasuun dhiirota Israaʼel hundumaa waamee ajajjoota loltootaa warra isaa wajjin deemanii turaniin, “Gara fuulduraatti kottaa. Karaa duubaatiin morma mootota kanaa irra ejjedhaa” jedhe. Isaanis gara fuulduraatti dhufanii karaa duubaatiin morma mootota sanaa irra ni ejjetan.+ 25  Achiis Iyyaasuun, “Hin sodaatinaa yookiin hin jeeqaminaa.+ Yihowaan diinota keessan warra isin loltan hundumaa irratti akkana waan godhuuf, onnadhaa; cimaas”+ isaaniin jedhe. 26  Achiis Iyyaasuun rukutee erga isaan ajjeesee booda muka shan irratti isaan fannise; isaanis hamma galgalaatti muka irratti akkuma fannifamanitti turan. 27  Yeroo aduun lixxuttis Iyyaasuun muka irraa buufamanii+ holqa isa keessa dhokatanii turan sana keessatti akka gataman ajaje. Achiis afaan holqichaa irra dhagoonni guguddaan ni kaaʼaman; isaan kunis hamma harʼaatti achuma jiru. 28  Guyyaa sanatti Iyyaasuun Maaqedaa+ qabatee goraadeedhaan ishii ni rukute. Mootii ishii fi namoota* ishii keessa turan hundumaa guutummaatti ni balleesse; nama tokko illees hin hambisne.+ Akkuma mootii Yerikoo irratti godhetti, mootii Maaqedaa+ irrattis ni godhe. 29  Achiis Iyyaasuun guutummaa Israaʼelii wajjin Maaqedaadhaa gara Libnaa dhaqee Libnaa+ waraane. 30  Yihowaanis Libnaa fi mootii ishii+ harka Israaʼelitti dabarsee ni kenne; isaanis ishii fi namoota* ishii keessa jiran hundumaa goraadeedhaan ni rukutan; nama tokko illees ishii keessatti hin hambisne. Isaan akkuma mootii Yerikoo+ irratti godhan, mootii ishii irrattis ni godhan. 31  Sana booda Iyyaasuun guutummaa Israaʼelii wajjin Libnaadhaa gara Laakiish+ deemee achi erga buufatee booda ishii ni waraane. 32  Yihowaanis Laakiishiin harka Israaʼelitti dabarsee kenne; guyyaa lammaffaattis ishii qabatan. Akkuma Libnaa irratti godhanittis, ishii fi namoota* ishii keessatti argaman hundumaa goraadeedhaan ni rukutan.+ 33  Achiis Horaam mootiin Geezer+ Laakiishiin gargaaruuf ol baʼe; Iyyaasuun garuu nama tokko illee utuu hin hambisin isas taʼe namoota isaa ni rukute. 34  Sana booda Iyyaasuun guutummaa Israaʼelii wajjin Laakiishii gara Egloon+ deemee achi erga buufatee booda ishii waraane. 35  Isaanis guyyuma sanatti ishii qabatanii goraadeedhaan ishii rukutan. Akkuma Laakiish irratti godhanittis, guyyuma sanatti namoota* ishii keessa jiran hundumaa guutummaatti ni balleessan.+ 36  Sana booda Iyyaasuun guutummaa Israaʼelii wajjin Egloonii gara Kebroonitti+ ol baʼee ishii waraane. 37  Isaanis ishii qabatan; achiis nama tokko illee utuu hin hambisin ishii, mootii ishii, magaalota ishii fi namoota* ishii keessa jiran hundumaa goraadeedhaan ni rukutan. Akkuma Egloon irratti godhettis, ishii fi namoota* ishii keessa jiran hundumaa guutummaatti ni balleesse. 38  Dhuma irrattis Iyyaasuun guutummaa Israaʼelii wajjin gara Deebiritti+ garagalee ishii waraane. 39  Innis ishii, mootii ishii fi magaalota ishii hundumaa ni qabate; isaanis nama tokko illee utuu hin hambisin+ namoota* ishii keessa jiran hundumaa goraadeedhaan rukutanii guutummaatti balleessan.+ Akkuma Kebroon, Libnaa fi mootii ishii irratti godhetti, Deebirii fi mootii ishii irratti ni godhe. 40  Iyyaasuun guutummaa biyyattii, jechuunis naannoo gaarotaa, Negeeb, Shefelaa+ fi irraan gadeewwan, akkasumas mootota isaanii hundumaa ni moʼe; nama tokko illees lubbuudhaan hin hambisne; akkuma Yihowaan Waaqni Israaʼel ajajee turettis+ wanta hafuura baafatu hundumaa guutummaatti ni balleesse.+ 41  Iyyaasuunis Qaadesh Barneʼaa+ irraa hamma Gaazaatti,+ akkasumas guutummaa biyya Gooshen,+ achiis hamma Gibeʼonitti+ isaan ni moʼe. 42  Israaʼeliif lolaa kan ture Yihowaa Waaqa Israaʼel waan taʼeef, Iyyaasuun mootota kana hundumaa fi guutummaa biyya isaanii yeruma tokkotti ni qabate.+ 43  Sana booda, Iyyaasuun guutummaa Israaʼelii wajjin gara buufata isa Gilgaal+ keessatti argamuutti ni deebiʼe.

Miiljaleewwan

Kal., “Tajaajiltoota kee irraa harka kee hin buusin.”
Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”
Kal., “arraba isaa qarachuuf.”
Ykn., “lubbuuwwan.”
Ykn., “lubbuuwwan.”
Ykn., “lubbuuwwan.”
Ykn., “lubbuuwwan.”
Ykn., “lubbuuwwan.”
Ykn., “lubbuuwwan.”
Ykn., “lubbuuwwan.”