Iyyaasuu 12:1-24

  • Mootota baha Yordaanositti moʼaman (1-6)

  • Mootota dhiha Yordaanositti moʼaman (7-24)

12  Mootonni biyyattii warri Israaʼelonni moʼan, warri Israaʼelonni biyya isaanii isa Yordaanos irraa kallattii bahaatiin argamu, Sulula* Arnoon+ irraa jalqabee hamma Gaara Hermoonitti,+ akkasumas guutummaa Arabaa isa gara bahaatiin argamu+ dhaalaan jalaa fudhatan sun kanneen kana dha:  Mootii Amoorotaa kan taʼe Sihoon+ isa Heshboon keessa jiraachaa turee fi Aroʼer+ ishii qarqara Sulula* Arnoonitti+ argamtu, walakkaa sululichaa fi walakkaa Giiliyaad irraa hamma Sulula* Yaaboq isa daangaa Amoonotaa taʼetti bulchaa ture.  Akkasumas, inni Arabaa kallattii bahaatiin hamma Galaana Kinereetitti,*+ akkasumas hamma Galaana Arabaa, jechuunis Galaana Soogiddaa* isa Beet Yeshiimoot irraa kallattii bahaatiin argamuutti, kallattii kibbaatiin immoo hamma naannoo irraan gadee Phisgaa+ jalatti argamuutti bulchaa ture.  Kana malees, naannoo Oog+ mootii Baashaan isa namoota Refaayim+ warra dhumaa keessaa tokko turee fi Ashtaarotii fi Edraay keessa jiraachaa ture  isa Gaara Hermoon, Saalekaa fi guutummaa Baashaan+ keessatti hamma daangaa Geeshurotaa fi Maʼaakaatotaatti,+ akkasumas walakkaa Giiliyaad hamma naannoo Sihoon mootii Heshboonitti+ bulchaa ture sanaa.  Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼee fi Israaʼelonni isaan ni injifatan;+ sana booda Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe biyya isaanii Ruubenotaaf, Gaadotaa fi walakkaa gosa Minaaseetiif dhaalaan ni kenne.+  Mootonni biyyattii warri Yordaanos irraa kallattii dhihaatti argaman, warri Baʼaal Gaad+ isa Sulula Libaanon+ keessatti argamu irraa hamma Gaara Halaaq+ isa gara Seʼiiritti+ ol baʼu keessa jiraatan, warri Iyyaasuunii fi Israaʼelonni moʼan kanneen kana dha; sana booda Iyyaasuun biyya isaanii akka qooda qooda isaaniitti gosoota Israaʼeliif dhaalaan ni kenne;+  kana malees, mootota naannoo gaarotaa keessa, Shefelaa keessa, Arabaa keessa, irraan gadeewwan irra, lafa onaa keessaa fi Negeeb+ keessa, jechuunis biyya Heetotaa, biyya Amoorotaa,+ biyya Kanaʼaanotaa, biyya Pheriizotaa, biyya Hiiwotaa fi biyya Yebuusotaa+ keessa jiran ni moʼan; mootonni sunis kanneen kana dha:   Mootii Yerikoo,+ tokko; mootii Aay+ ishii Beetel bira turtee, tokko; 10  mootii Yerusaalem, tokko; mootii Kebroon,+ tokko; 11  mootii Yaarmut, tokko; mootii Laakiish, tokko; 12  mootii Egloon, tokko; mootii Geezer,+ tokko; 13  mootii Deebir,+ tokko; mootii Geeder, tokko; 14  mootii Hoormaa, tokko; mootii Aaraad, tokko; 15  mootii Libnaa,+ tokko; mootii Adulaam, tokko; 16  mootii Maaqedaa,+ tokko; mootii Beetel,+ tokko; 17  mootii Taaphuʼaa, tokko; mootii Hefeer, tokko; 18  mootii Afeeq, tokko; mootii Laashaaron, tokko; 19  mootii Maadon, tokko; mootii Hazoor,+ tokko; 20  mootii Shimroon Meroon, tokko; mootii Akshaaf, tokko; 21  mootii Taʼaanaak, tokko; mootii Megidoo, tokko; 22  mootii Qeedesh, tokko; mootii Yoqneʼaam+ ishii Qarmeelos keessatti argamtuu, tokko; 23  mootii Door ishii tulluuwwan Door+ irratti argamtuu, tokko; mootii Gooyim ishii Gilgaal keessatti argamtuu, tokko; 24  mootii Tirzaa, tokko; walumaa galatti mootota 31 turan.

Miiljaleewwan

Ykn., “Laga Gogaa.”
Ykn., “Laga Gogaa.”
Ykn., “Laga Gogaa.”
Jechuunis, Galaana Duʼaa.
Jechuunis, haroo Genesaarex ykn Galaana Galiilaa.