Iyyaasuu 14:1-15

  • Lafa dhiha Yordaanos jiru hihiruu (1-5)

  • Kaaleb Kebrooniin dhaale (6-15)

14  Lafti Israaʼelonni biyya Kanaʼaan keessatti dhaalaan fudhatan inni Eleʼazaar lubichi, Iyyaasuun ilmi Nuunii fi dura buutonni manneen abbootii gosoota Israaʼel akka dhaalaniif isaaniif kennan kana dha.+  Akkuma Yihowaan karaa Musee ajajee turetti dhaalli isaanii gosoota sagalii fi walakkaadhaaf+ carraadhaan ni hirame.+  Museen gosoota lamaa fi walakkaa warra hafaniif Yordaanos gamatti* dhaala kennee ture;+ Leewwotaaf garuu isaan gidduutti dhaala hin kennine.+  Sanyiiwwan Yoseef akka gosa lamaatti ilaalamu turan;+ isaanis Minaasee fi Efreemi;+ isaan biyyattii keessatti Leewwotaaf qooda hin kennine; kanaa mannaa kan isaaniif kennan, magaalota+ keessa jiraatanii fi iddoowwan dheedichaa horiiwwan isaanii fi qabeenya isaaniitiif taʼu qofa ture.+  Kanaafuu, Israaʼelonni akkuma Yihowaan Musee ajajee turetti biyyattii ni hihiran.  Achiis namoonni Yihudaa Gilgaal+ keessatti gara Iyyaasuu ni dhufan; Kaaleb+ ilmi Yofunee Qeenizichaas akkana isaan jedhe: “Yihowaan Qaadesh Barneʼaatti+ sii fi anaan ilaalchisee wanta Musee isa nama Waaqa dhugaa taʼe+ sanaan jedhe+ akka gaariitti ni beekta.  Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe biyyattii+ akkan basaasuuf yommuu Qaadesh Barneʼaadhaa na ergetti umuriin koo waggaa 40 ture; anis gabaasa sirrii taʼe* fidee dhufeera.+  Obboloonni koo warri anaa wajjin ol baʼanii turan sabicha kan sossodaachisan* taʼus, ani garaa koo guutuudhaan* Waaqa koo Yihowaa duukaa buʼeera.+  Museenis guyyaa sanatti, ‘Ati garaa guutuudhaan Waaqa koo Yihowaa duukaa waan buuteef, biyyi faanni kee irra deeme, sii fi ilmaan keetiif dhaala dhaabbataa ni taʼa’+ jedhee naaf kakate. 10  Ammas akkuma waadaa galetti,+ Yihowaan waggoota 45f lubbuudhaan na turseera;+ kunis yeroo Yihowaan Museedhaaf waadaa kana gale irraa, jechuunis yeroo Israaʼel lafa onaa keessa deemaa ture irraa jalqabee ti;+ kunoo ani harʼa nama umurii waggaa 85 ti. 11  Ani harʼas akkuma guyyaa Museen na erge sanaatti cimaa dha. Waraana irrattis taʼe sochiiwwan kan biroo irratti hirmaachuuf humni koo akkuma yeroo sanaa cimaa dha. 12  Kanaafuu, naannoo gaarotaa isa Yihowaan guyyaa sanatti waadaa naaf gale sana naaf kenni. Ati Anaaqiim+ magaalota guguddaa dallaa dhagaa qaban+ keessa akka jiran guyyaa sanatti kan dhageesse taʼus, Yihowaan dhugumaan naa wajjin jira;*+ akkuma Yihowaan waadaa galetti anis isaan nan ariʼa.”+ 13  Kanaafuu, Iyyaasuun Kaaleb ilma Yofunee erga eebbisee booda Kebrooniin dhaalaan isaaf ni kenne.+ 14  Kebroon hamma harʼaatti dhaala Kaaleb ilma Yofunee Qeenizichaa kan taate kanaafi; sababiin isaas, inni garaa guutuudhaan Yihowaa Waaqa Israaʼel duukaa buʼeera.+ 15  Maqaan Kebroon sana dura Qiriyaat Arbaa+ jedhama ture (Arbaan Anaaqiim gidduutti nama guddaa ture). Biyyattiinis waraana irraa boqonnaa argatte.+

Miiljaleewwan

Jechuunis, kallattii bahaatti.
Kal., “dubbii akkuma garaa koo taʼe.”
Kal., “garaan sabichaa akka baqu kan godhan.”
Kal., “guutummaatti.”
Ykn., “kan jiru fakkaata.”