Iyyaasuu 15:1-63

  • Dhaala Yihudaa (1-12)

  • Intalli Kaaleb lafa argatte (13-19)

  • Magaalota Yihudaa (20-63)

15  Biyyi gosa Yihudaatiif akka maatii maatii isaaniitti carraadhaan hihirame+ hamma daangaa Edoom,+ jechuunis lafa onaa Ziin, akkasumas hamma qarqara Negeeb karaa kibbaatiin argamuutti kan fagaatu dha.  Daangaan isaanii inni kibbaa qarqara Galaana Soogiddaa*+ irraa, jechuunis galoo galaanaa isa kallattii kibbaatti garagalee jiru irraa jalqaba.  Achiis kallattii kibbaatiin tabba Aqraabiim+ qabatee Ziin bira ni darba; itti fufuudhaanis kallattii kibbaa irraa gara Qaadesh Barneʼaatti+ ol baʼee Hesroonitti ceʼee gara Adaar erga deemee booda gara Qaarqaatti naannaʼa.  Achiis gara Azmoonitti+ darbee hamma Laga Gogaa* Gibxiitti+ itti fufa; daangaan isaas Galaanicha* biratti dhaabbata. Karaa kibbaatiin daangaan isaanii kana dha.  Daangaan inni karaa bahaa Galaana Soogiddaa* irraa hamma dhuma Yordaanos gaʼa ture; qarqara kaabaatiin daangaan sun galoo galaanichaa, jechuunis dhuma Yordaanos taʼa.+  Daangaan sun hamma Beet Hoglaatti+ ol baʼee kaaba Beet Arabaa+ bira darba; achiis gara dhagaa Boohaan+ ilma Ruubenitti ol ni baʼa.  Achiis gara Deebir ishii Sulula* Akooritti+ argamtutti ol baʼee gara kaabaatti garagalee gara Gilgaal+ ishii daandii Adumiimitti ol baasu isa kibba laga gogaatti argamu fuuldura jirtutti qajeela; achiis bishaan Een Shemeesh+ bira darbee Een Rogeel+ biratti dhaabbata.  Achiis gara Sulula* Ilma Hinoomitti,+ karaa kibbaatiin gara irraan gadee Yebuusichaatti,+ jechuunis gara Yerusaalemitti+ ol ni baʼa; achiis gara fiixee gaarichaa isa karaa dhihaatiin Sulula Hinoom fuulleetti, karaa kibbaatiin immoo andaara Sulula Refaayimitti argamutti ol ni baʼa.  Daangaan sun fiixee gaarichaa irraa jalqabee hamma burqaa bishaanii Neftoʼaatti,+ akkasumas hamma magaalota Gaara Efroonitti mallattoon itti godhamee ture; achiis hamma Baʼaalaatti, jechuunis hamma Qiriyaat Yeʼariimitti+ mallattoon itti godhamee ture. 10  Achiis Baʼaalaa irraa gara dhihaatti naannaʼee gara Gaara Seʼiiritti qajeelee, karaa kaabaatiin irraan gadee Gaara Yeʼariim, jechuunis Kesaalon bira ni darba; achiis gara Beet Sheemeshitti+ gad buʼee Timnaa+ bira ni darba. 11  Daangaan sun karaa kaabaatiin irraan gadee Eqroon+ bira ni gaʼa; achiis Shikeroonitti mallattoon itti godhamee, Gaara Baʼaalaa bira erga darbee booda Yaabneʼel bira ni gaʼa; achiis galaanicha biratti dhaabbata. 12  Daangaan karaa dhihaa Galaana Guddaa*+ fi qarqara isaa ti. Daangaan sanyii Yihudaa akka maatii maatii isaaniitti kallattii hundumaatiin kana ture. 13  Innis Kaaleb+ ilma Yofuneetiif akkuma Yihowaan Iyyaasuu ajajetti sanyii Yihudaa gidduutti qooda ni kenne; kunis Qiriyaat Arbaa (Arbaan Abbaa Anaaq ture), jechuunis Kebrooni.+ 14  Kanaafuu, Kaaleb ilmaan Anaaq+ sadan, jechuunis Sheshaay, Ahimaanii fi Taalmaay+ warra sanyii Anaaq taʼan achii ni ariʼe. 15  Sana booda achii kaʼee jiraattota Deebir waraanuu deeme.+ (Maqaan Deebir duraan Qiriyaat Seefer jedhama ture.) 16  Achiis Kaaleb, “Nama Qiriyaat Seefer rukutee ishii qabatuuf intala tiyya Aksaa isatti nan heerumsiisa” jedhe. 17  Otniʼel+ ilmi Qeenaazis+ biyyattii ni qabate; Qeenaaz obboleessa Kaalebi. Kanaafuu, Kaaleb intala isaa Aksaa+ isatti heerumsiise. 18  Ishiinis utuu gara manaa deemaa jirtuu, abbaan ishii maasii akka isaaf kennu akka gaafatu abbaa manaa ishiitti himte. Achiis harree ishii irraa ni buute.* Kaalebis, “Maal barbaadda?”+ jedhee ishii gaafate. 19  Ishiinis, “Kan naa laatte lafa xinnoo gara kibbaatti* argamtu waan taʼeef, maaloo na eebbisi; Guuloot Maayimiinis* naaf kenni” isaan jette. Kanaafuu, inni Guuloot Isa Olii fi Guuloot Isa Gadii ishiidhaaf ni kenne. 20  Gosti Yihudaa akka maatii maatii isaaniitti dhaalli isaanii kana ture. 21  Magaalonni andaara gosa Yihudaa warri kallattii kibbaatiin gara daangaa Edoomitti+ argaman kanneen kana dha: Qaabzeʼel, Edeer, Yaagur, 22  Qinaa, Dimoonaa, Adaadaa, 23  Qeedesh, Hazoor, Yitnaan, 24  Ziif, Teleem, Baʼaalot, 25  Hazoor Hadaataa fi Qeriyoot Hezroon, jechuunis Hazoor, 26  Amaam, Sheemaa, Molaadaa,+ 27  Hazaar Gaadaa, Heshmoon, Beet Paalet,+ 28  Hazaar Shuʼaal, Ber Sheebaa,+ Biziyootiyaa, 29  Baʼaalaa, Iiyim, Eezem, 30  Eeltoolaad, Kesiil, Hoormaa,+ 31  Siqlaag,+ Maadmaanaa, Saansaanaa, 32  Lebaaʼot, Shilhiim, Aayinii fi Rimoon;+ walumaa galatti magaalota 29 fi gandeen isaanii. 33  Shefelaa+ keessa kan turan immoo kanneen kana dha: Eeshtaaʼol, Zoraa,+ Ashnaa, 34  Zaanoʼaa, Een Gaaniim, Taaphuʼaa, Eenaam, 35  Yaarmut, Adulaam,+ Sookoo, Azeeqaa,+ 36  Shaʼaaraayim,+ Aditaayim, Gederaa fi Gederotaayim;* magaalota 14 fi gandeen isaanii. 37  Zenaan, Hadaashaa, Migdaal Gaad, 38  Dilʼaan, Misphee, Yoqteʼel, 39  Laakiish,+ Bozqaat, Egloon, 40  Kaaboon, Laahmaam, Kitliish, 41  Gederoot, Beet Daagon, Naʼaamaa fi Maaqedaa;+ magaalota 16 fi gandeen isaanii. 42  Libnaa,+ Eetar, Ashaan,+ 43  Iftaa, Ashnaa, Neziib, 44  Qeyilaa, Akziibii fi Maareshaa; magaalota sagalii fi gandeen isaanii. 45  Eqroonii fi magaalota ishii jalatti* argaman, akkasumas gandeen ishii; 46  Eqroon irraa gara dhihaatti, warra Ashdood biratti argaman hundumaa fi gandeen isaanii. 47  Ashdood,+ magaalota ishii jalatti* argamanii fi gandeen ishii; Gaazaa,+ magaalota ishii jalatti argamanii fi gandeen ishii hamma Laga Gogaa Gibxiitti, hamma Galaana Guddaattii* fi hamma naannoo qarqara galaanichaatti argamutti.+ 48  Naannoo gaarotaa keessatti kan argamanis kanneen kana dha: Shaamiir, Yaatir,+ Sookoo, 49  Daanaa, Qiriyaat Saanaa, jechuunis Deebir, 50  Anaab, Eeshtemoo,+ Aniim, 51  Gooshen,+ Hoolonii fi Giloo;+ magaalota 11 fi gandeen isaanii. 52  Arab, Duumaa, Eeshʼan, 53  Yaanum, Beet Taaphuʼaa, Afeeqaa, 54  Humtaa, Qiriyaat Arbaa, jechuunis Kebroonii+ fi Ziʼoor; magaalota sagalii fi gandeen isaanii. 55  Maaʼon,+ Qarmeelos, Ziif,+ Yuutaa, 56  Yezriʼel, Yoqdeʼaam, Zaanoʼaa, 57  Qeeyin, Gibeʼaa fi Timnaa;+ magaalota kudhanii fi gandeen isaanii. 58  Halhuul, Beet Zuur, Geedor, 59  Maʼaaraat, Beet Aanootii fi Eelteeqoon; magaalota jaʼaa fi gandeen isaanii. 60  Qiriyaat Baʼaal, jechuunis Qiriyaat Yeʼariimii+ fi Raabaa; magaalota lamaa fi gandeen isaanii. 61  Lafa onaa keessa kan turan kanneen kana dha: Beet Arabaa,+ Miidin, Sekaakaa, 62  Nebshaan, Magaalaa Soogiddaa fi Een Gedii;+ magaalota jaʼaa fi gandeen isaanii. 63  Namoonni Yihudaa Yebuusota+ warra Yerusaalem+ keessa jiraachaa turan ariʼuu hin dandeenye;+ kanaafuu, Yebuusonni hamma harʼaatti namoota Yihudaa wajjin Yerusaalem keessa jiraachuu isaanii itti fufaniiru.

Miiljaleewwan

Jechuunis, Galaana Duʼaa.
Jechuunis, Galaana Guddaa, Meditiraaniyaa.
Jechuunis, Galaana Duʼaa.
Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”
Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”
Jechuunis, Meditiraaniyaa.
Ykn tarii, “harree irra teessee harka ishii walitti rukutte.”
Ykn., “Negeebitti.”
“Miʼawwan (Saaniiwwan) Bishaanii” jechuu dha.
Ykn tarii, “Gederaa fi golawwan hoolaa ishii.”
Ykn., “naannoo ishiitti.”
Ykn., “naannoo ishiitti.”
Jechuunis, Meditiraaniyaa.