Iyyaasuu 16:1-10

  • Dhaala sanyii Yoseef (1-4)

  • Dhaala Efreem (5-10)

16  Biyyi carraadhaan+ sanyii Yoseefiif+ kenname Yordaanos isa Yerikoo biratti argamu irraa hamma burqaa isa baha Yerikootti argamuu yeroo taʼu, lafa onaa isa Yerikoodhaa ol baʼu keessa darbee gara naannoo gaarotaa Beetelitti qajeela.+  Achiis Beetel ishii kan Luuz taate irraa kaʼee hamma daangaa Arkootaa isa Ataarot biratti argamuutti itti fufa;  achiis karaa dhihaatiin gara daangaa Yaafleetotaatti, hamma daangaa Beet Hooron+ Ishii Gadiittii fi hamma Geezeritti+ gad buʼee galaanicha bira dhaabbata.  Kanaafuu, sanyii Yoseef+ kan taʼan Minaasee fi Efreem biyya isaanii dhaalaan ni fudhatan.+  Daangaan sanyii Efreem akka maatii maatii isaaniitti kan armaan gadii ti: Karaa bahaatiin daangaan dhaala isaanii Ataarot Adaarii+ hamma Beet Hooron Ishii Oliitti+ yeroo taʼu,  daangaan sunis galaanicha bira gaʼa. Karaa kibbaatiin daangaan sun Mikmetaat+ yeroo taʼu, karaa bahaatiin naannaʼee gara Taʼaanaat Shiilootti qajeela; achi irra darbees karaa bahaatiin gara Yaanoʼaatti qajeela.  Achiis Yaanoʼaadhaa gara Ataarotii fi Naʼaaraatti gad buʼee Yerikoo+ bira gaʼuudhaan hamma Yordaanositti qajeela.  Achiis Taaphuʼaa+ irraa kaʼee karaa dhihaatiin gara Laga Gogaa Qaanaatti itti fufee galaanicha biratti dhaabbata.+ Dhaalli gosa Efreemiif akka maatii maatii isaaniitti kenname kana dha;  sanyiiwwan Efreem dhaala Minaasee+ gidduutti magaalota kan biroos qabu turan; magaalonni sun hundii fi gandeen isaanii kan isaanii turan. 10  Haa taʼu malee, isaan Kanaʼaanota warra Geezer+ keessa jiraachaa turan hin ariine; Kanaʼaanonnis hamma harʼaatti Efreem gidduu jiraachuu isaanii itti fufaniiru;+ hojii dirqamaas hojjechaa jiru.+

Miiljaleewwan