Iyyaasuu 20:1-9

  • Magaalota itti baqatan 1-9)

20  Achiis Yihowaan Iyyaasuudhaan akkana jedhe:  “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Magaalota itti baqatan+ warran waaʼee isaanii karaa Musee dubbadhe ofii keessaniif filadhaa;  namni utuu itti hin yaadin yookiin akka tasaa* nama ajjeese* achitti ni baqata. Isaanis bakka nama haaloo baʼu+ jalaa itti baqattan isiniif ni taʼu.  Namni kun magaalota kana keessaa gara ishii tokkootti baqatee,+ karra magaalattii+ dura dhaabbatee dhimma isaa jaarsolii magaalattiitti haa himatu. Isaanis magaalattiitti isa galchanii iddoo jireenyaa isaaf haa kennan; innis isaanii wajjin ni jiraata.  Namni haaloo baʼu isa hordofee yoo dhufe, isaan nama haaloo baʼu sanatti dabarsanii isa kennuu hin qaban; sababiin isaas, inni namicha kan ajjeese akkuma tasaa ti,* akkasumas sana dura nama sanaaf jibba hin qabu ture.+  Innis hamma yaaʼicha+ duratti murtiidhaaf dhihaatutti magaalattii keessa haa taaʼu; lubni ol aanaan inni yeroo sanatti tajaajilaa jiru hamma duʼuttis+ achuma haa turu. Achiis namni nama ajjeese sun magaalaa keessaa baqatetti deebiʼee, gara magaalaa isaattii fi gara mana isaatti seenuu dandaʼa.’”+  Kanaafuu, isaan Galiilaa ishii naannoo gaarotaa Niftaalemitti argamtu keessatti Qeedeshiin,+ naannoo gaarotaa Efreem keessatti Sheekemiin,+ akkasumas naannoo gaarotaa Yihudaa keessatti Qiriyaat Arbaa,+ jechuunis Kebrooniin kaayyoo kanaaf ni murteessan.*  Naannoo Yordaanos keessatti baha Yerikootiin, gosa Ruuben keessaa lafa onaa isa lafa diriiraa* irratti argamu keessatti Beezeriin,+ gosa Gaad keessaa Giiliyaad keessatti Raamotiin,+ akkasumas gosa Minaasee+ keessaa Baashaan keessatti Goolaaniin+ ni filatan.  Namni utuu itti hin yaadin nama* ajjeese kam iyyuu akka itti baqatuuf,+ akkasumas yaaʼicha duratti murtiidhaaf dhihaachuu isaa dura+ nama haaloo baʼu sanaan akka hin ajjeefamnetti, magaalonni Israaʼelota hundumaa fi nama biyya ormaa isaan gidduu jiraatuuf ramadaman kanneen kana turan.

Miiljaleewwan

Ykn., “utuu hin beekin.”
Ykn., “lubbuu rukute.”
Ykn., “utuu hin beekini.”
Ykn., “ni qulqulleessan.”
Ykn., “pilaatoo.”
Ykn., “lubbuu.”