Iyyaasuu 22:1-34

  • Gosoonni gara bahaa biyya isaaniitti deebiʼan (1-8)

  • Iddoo aarsaa Yordaanos biratti ijaarame (9-12)

  • Sababa iddoon aarsaa itti ijaarame ibsan (13-29)

  • Walitti buʼiinsi furmaata argate (30-34)

22  Achiis Iyyaasuun Ruubenota, Gaadotaa fi walakkaa gosa Minaasee waamee  akkana isaaniin jedhe: “Isin wanta Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe isin ajaje hundumaa raawwattaniittu;+ wanta ani isin ajaje hundumaas ajajamtaniittu.+  Yeroo kana hundumaatti, hamma harʼaatti obboloota keessan hin dhiisne;+ ajaja Waaqa keessan Yihowaa wajjin haala wal qabateen dirqama isin irra jirus eegdaniittu.+  Amma Waaqni keessan Yihowaan akkuma waadaa isaaniif galetti obboloota keessaniif boqonnaa kenneera.+ Kanaafuu, amma gara dunkaanota keessan warra biyya Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe akka dhaaltaniif Yordaanos gamatti* isiniif kenne keessa jiranitti deebiʼuu dandeessu.+  Haa taʼu malee, Waaqa keessan Yihowaa jaallachuudhaan,+ daandiiwwan isaa hundumaa irra deddeebiʼuudhaan,+ ajajawwan isaa eeguudhaan,+ isatti maxxanuudhaan,+ akkasumas garaa keessan guutuu fi lubbuu* keessan guutuudhaan+ isa tajaajiluudhaan,+ ajajaa fi Seera Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe isiniif kenne+ of eeggannoodhaan hojii irra oolchuu hin dagatinaa.”  Achiis Iyyaasuun erga isaan eebbisee booda isaan geggeesse; isaanis gara dunkaanota isaaniitti deebiʼan.  Museen walakkaa gosa Minaaseetiif Baashaan+ keessatti dhaala kennee kan ture yeroo taʼu, Iyyaasuun immoo Yordaanos irraa kallattii dhihaatiin+ obboloota isaanii wajjin walakkaa gosa Minaasee isa hafeef lafa ni kenne. Kana malees, Iyyaasuun yeroo gara dunkaana isaaniitti isaan geggeessetti isaan eebbisee,  “Qabeenya hedduu, horiiwwan hedduu, meetii fi warqii, sibiila diimaa fi sibiila, akkasumas uffata baayʼee hedduu taʼe fudhadhaatii gara dunkaanota keessaniitti deebiʼaa.+ Wanta diinota keessan irraa boojitan fudhadhaatii obboloota keessanii wajjin hiradhaa”+ isaaniin jedhe.  Sana booda Ruubenonni, Gaadonnii fi walakkaan gosa Minaasee Israaʼelota kaan biraa, jechuunis Shiiloo ishii biyya Kanaʼaan keessatti argamtu irraa kaʼanii gara biyya Giiliyaad+ ishii dhaala isaanii taatee fi ajaja Yihowaan Museedhaaf kenneen keessa buufatanii turanitti deebiʼan.+ 10  Gara naannoo Yordaanos isa biyya Kanaʼaan keessatti argamuu yommuu dhufanis, Ruubenonni, Gaadonnii fi walakkaan gosa Minaasee Yordaanos biratti iddoo aarsaa guddaa fi dinqisiisaa taʼe tokko ni ijaaran. 11  Boodas Israaʼelonni kaan, “Kunoo, Ruubenonni, Gaadonnii fi walakkaan gosa Minaasee daangaa biyya Kanaʼaan irratti naannoo Yordaanos keessa daangaa kan Israaʼelotaa taʼe irratti iddoo aarsaa ijaaraniiru” yommuu jedhamu ni dhagaʼan.+ 12  Israaʼelonnis yommuu kana dhagaʼan, guutummaan yaaʼii Israaʼelotaa dhaqanii isaan waraanuuf Shiilootti+ walitti qabaman. 13  Achiis Israaʼelonni Finahaas+ ilma Eleʼazaar lubichaa gara Ruubenotaatti, gara Gaadotaattii fi gara walakkaa gosa Minaasee warra Giiliyaad keessa jiraniitti ergan; 14  geggeessitoonni kudhanis isaa wajjin jiru turan; manneen abbootii gosoota Israaʼel hundumaa keessaa geggeessaan tokko tokko jira ture; tokkoon tokkoon isaaniis Israaʼelota kumaan lakkaaʼaman* keessatti dura buutota mana abbootii isaanii turan.+ 15  Isaan gara Ruubenotaa, gara Gaadotaa fi gara walakkaa gosa Minaasee warra biyya Giiliyaad keessatti argaman sanaatti dhufanii akkana isaaniin jedhan: 16  “Guutummaan yaaʼii Yihowaa akkana jedha: ‘Gochi amanamummaa dhabuu+ isin Waaqa Israaʼel irratti raawwattan kun maali dha? Isin ofii keessaniif iddoo aarsaa ijaaruu fi Yihowaa irratti fincila kaasuudhaan harʼa Yihowaa duukaa buʼuu irraa garagaltaniittu.+ 17  Cubbuun Pheʼoritti raawwatame nutti hanqatee? Yaaʼii Yihowaa irratti dhaʼichi kan dhufe taʼus, nuti hamma harʼaatti isa irraa of hin qulqulleessine.+ 18  Harʼas isin Yihowaa duukaa buʼuu irraa deebitaniittu! Isin harʼa Yihowaa irratti yoo finciltan, inni immoo boru guutummaa yaaʼii Israaʼelitti ni dheekkama.+ 19  Kana kan gootan biyyi isin dhaaltan xurooftuu waan taateef yoo taʼe, gara biyya dhaala Yihowaa+ isa godoo qulqulluun Yihowaa keessa jiruutti+ ceʼaatii nu gidduu jiraadhaa; garuu Yihowaa irratti hin fincilinaa; isin iddoo aarsaa Waaqa keenya Yihowaa malees iddoo aarsaa ofii keessanii ijaaruudhaan finciltoota nu hin godhinaa.+ 20  Akaan+ ilmi Zeeraa wanta guutummaatti balleeffamuu qabuu wajjin haala wal qabateen amanamaa utuu hin taʼin yeroo hafetti, guutummaa yaaʼii Israaʼel irratti dheekkamsi hin dhufnee?+ Balleessaa inni raawwateen kan duʼe isa qofa hin turre.’”+ 21  Yeroo kanatti Ruubenonni, Gaadonnii fi walakkaan gosa Minaasee dura buutota kumaa* Israaʼeliif akkana jedhanii deebisan:+ 22  “Yihowaan Waaqa waaqolii ti! Yihowaan Waaqa waaqolii ti!+ Inni beeka, Israaʼelis ni beeka. Nuti fincilleerra yoo taʼee fi Yihowaadhaaf amanamoo utuu hin taʼin hafneerra yoo taʼe harʼa nu hin dhiisinaa. 23  Nuti iddoo aarsaa kan ijaarranne Yihowaa duukaa buʼuu irraa garagaluuf, akkasumas aarsaawwan gubaman, aarsaawwan midhaanii fi aarsaawwan gamtaa achi irratti dhiheessuuf yoo taʼe Yihowaan nu adaba.+ 24  Nuti akkana kan goone wanti nu yaaddesse kan biraan waan jiruufi; akkana jennee yaanne: ‘Gara fuulduraatti ilmaan keessan, ilmaan keenyaan akkana jedhu: “Isin Yihowaa Waaqa Israaʼelii wajjin walitti dhufeenya maalii qabdu? 25  Yihowaan nuu fi isin warra Ruubenotaa fi Gaadota taatan gidduu Yordaanosiin akka daangaatti kaaʼeera. Isin Yihowaa biraa qooda hin qabdan.” Ilmaan keessanis ilmaan keenya Yihowaa akka hin waaqeffanne* ni dhowwu.’ 26  “Kanaafuu, akkana jennee yaanne: ‘Kottaa iddoo aarsaa tokko ijaaruudhaan tarkaanfii haa fudhannu; iddoo aarsaa kana kan ijaarru garuu aarsaawwan gubaman yookiin aarsaawwan kan biroo irratti dhiheessuuf miti. 27  Kanaa mannaa, aarsaawwan gubaman, aarsaawwan kan biroo fi aarsaawwan gamtaa+ keenyaan Yihowaadhaaf tajaajila dhiheessuuf mirga akka qabnu isinii fi nu gidduutti,+ akkasumas sanyiiwwan* keenya warra nu booda dhufan gidduutti ragaa akka taʼuufi; kunis, gara fuulduraatti ilmaan keessan ilmaan keenyaan, “Isin Yihowaa biraa qooda hin qabdan” akka hin jenneefi.’ 28  Kanaafuu, akkana jennee yaanne: ‘Isaan gara fuulduraatti nuunis taʼe sanyiiwwan* keenyaan akkana yoo jedhan, nuti immoo, “Mallattoo iddoo aarsaa Yihowaa isa abbootiin keenya aarsaawwan gubamaniif yookiin aarsaawwan kan birootiif utuu hin taʼin, isinii fi nu gidduutti ragaa akka taʼuuf ijaaran kana ilaalaa” isaaniin jenna.’ 29  Iddoo aarsaa Waaqa keenya Yihowaa isa godoo qulqulluu fuuldura jiru irratti malee,+ aarsaawwan gubaman, aarsaawwan midhaanii fi aarsaawwan kan biroo irratti dhiheessuuf iddoo aarsaa kan biraa ijaaruudhaan, Yihowaa irratti finciluunis taʼe harʼa Yihowaa duukaa buʼuu irraa garagaluun+ nuuf wanta hin yaadamne dha!” 30  Finahaas lubichi, geggeessitoonni yaaʼichaa fi dura buutonni kumaa* Israaʼel warri isaa wajjin turan, wanta sanyiiwwan Ruuben, Gaadii fi Minaaseen dubbatan yommuu dhagaʼan ni gammadan.+ 31  Kanaafuu, Finahaas ilmi Eleʼazaar lubichaa sanyiiwwan Ruuben, Gaadii fi Minaaseetiin, “Isin Yihowaa irratti gocha amanamummaa dhabuu kana waan hin raawwanneef, harʼa Yihowaan nu gidduu akka jiru beekneerra. Amma isin Israaʼelota harka Yihowaa irraa oolchitaniittu” jedhe. 32  Achiis Finahaas ilmi Eleʼazaar lubichaa fi geggeessitoonni sun Ruubenotaa fi Gaadota warra biyya Giiliyaad keessatti argaman irraa gara biyya Kanaʼaanitti deebiʼanii wanta taʼe sana Israaʼelota kaanitti ni himan. 33  Israaʼelonnis wanta dhagaʼanitti ni gammadan. Achiis Israaʼelonni Waaqayyoon ni jajatan; sana booda dhaqanii  Ruubenotaa fi Gaadota waraanuudhaan biyya isaan keessa jiraatan balleessuu ilaalchisee waan tokko illee hin dubbanne. 34  Kanaafuu, Ruubenonnii fi Gaadonni, “Yihowaan Waaqa dhugaa taʼuu isaatiif kun nu gidduutti ragaa dha” jechuudhaan iddoo aarsichaatiif maqaa ni moggaasan.*

Miiljaleewwan

Jechuunis, kallattii bahaatti.
Ykn., “qomoowwan Israaʼel.”
Ykn., “qomoowwan.”
Kal., “hin sodaanne.”
Kal., “dhalootawwan.”
Kal., “dhalootawwan.”
Ykn., “qomoowwan.”
Ibsa kenname irraa hubachuun akka dandaʼamutti, iddoon aarsaa kun Ragaa jedhamee kan moggaafame fakkaata.