Iyyaasuu 3:1-17

  • Israaʼel Yordaanosiin ceʼe (1-17)

3  Achiis Iyyaasuun Israaʼelota* hundumaa wajjin ganamaan kaʼee Shitiim+ keessaa baʼee gara Yordaanos dhufe. Isaanis ceʼuu isaanii dura achuma bulan.  Geggeessitoonnis+ guyyaa sadii booda guutummaa buufatichaa keessa darbanii  akkana jedhanii sabicha ajajan: “Leewwonni luboota taʼan taabota kakuu Waaqa keessan Yihowaa baatanii akkuma argitaniin,+ iddoo keessanii kaʼaatii isa duukaa buʼaa.  Haa taʼu malee, gara dhundhuma 2,000* isa irraa fagaadhaa; isin kanaan dura karaa kana irra deemtanii waan hin beekneef, karaan irra deemuu qabdan isa kam akka taʼe beekuu akka dandeessaniif, kana caalaa itti hin dhihaatinaa.”  Achiis Iyyaasuun sabichaan, “Boru Yihowaan isin gidduutti wantoota dinqisiisoo waan raawwatuuf+ of qulqulleessaa”+ jedhe.  Sana booda Iyyaasuun lubootaan, “Taabota+ kakuu fuudhaatii sabicha dura darbaa” jedhe. Kanaafuu, isaan taabota kakuu sana fuudhanii sabicha dura ni deeman.  Achiis Yihowaan Iyyaasuudhaan akkana jedhe: “Akkuman Musee wajjin ture+ sii wajjinis akkan taʼu+ akka beekaniif, guyyaa kanatti guutummaa Israaʼel duratti ol sin qaba.+  Luboota taabota kakuu baatanis, ‘Yommuu qarqara laga Yordaanos geessan, achuma Yordaanos keessa dhaabbadhaa’+ jedhii ajaji.”  Iyyaasuunis Israaʼelotaan, “As kottaatii dubbii Waaqa keessan Yihowaa dhagaʼaa” jedhe. 10  Itti fufuudhaanis akkana jedhe: “Isin Waaqni jiraataan isin gidduu akka jiru,+ akkasumas mamii tokko malee Kanaʼaanota, Heetota, Hiiwota, Pheriizota, Girgaashota, Amoorotaa fi Yebuusota isin duraa akka ariʼu kanaan ni beektu.+ 11  Kunoo, taabonni kakuu Gooftaa guutummaa lafaa gara Yordaanositti seenuuf isin dura darbee deemaa jira. 12  Amma gosoota Israaʼel keessaa, tokkoon tokkoon gosaatiif nama tokko godhaatii namoota 12 fudhadhaa;+ 13  faanni miila luboota Taabota Yihowaa isa Gooftaa guutummaa lafaa taʼee baatan sanaa bishaan Yordaanos akkuma tuqeen,* bishaan Yordaanos inni gubbaadhaa yaaʼaa ture yaaʼuu isaa ni dhiisa; bishaanichis akkuma hidha lagaatti* ni dhaabbata.”+ 14  Kanaafuu, sabichi Yordaanosiin ceʼuu isaa dura yommuu dunkaana isaa keessaa baʼee deemuu jalqabetti, luboonni warri taabota+ kakuu baatan sabicha dura buʼanii deeman. 15  Luboonni warri Taaboticha baatan Yordaanos bira gaʼanii miilli isaanii qarqara bishaanichaatti akkuma lixeen (Yordaanos guutummaa yeroo makaraatti guutee ni dhangalaʼa ture),+ 16  bishaan gubbaadhaa yaaʼaa ture sun bakkuma jirutti ni dhaabbate. Bishaanichi baayʼee fagaatee magaalaa Addaam ishii Zaaretaan biratti argamtutti akka hidha lagaatti* kaʼee ni dhaabbate; bishaan Galaana Arabaatti, jechuunis Galaana Soogiddaatti* gad yaaʼu immoo ni goge. Bishaanichi ni dhaabbate; sabichis bakka fuullee Yerikoo jirutti ni ceʼe. 17  Yeroo luboonni warri taabota kakuu Yihowaa baatan hamma guutummaan sabichaa Yordaanosiin ceʼutti laga Yordaanos walakkaa lafa gogaa irra dhaabbatanii+ turanitti, Israaʼelonni hundi lafa gogaa+ irra ni ceʼan.

Miiljaleewwan

Kal., “ilmaan Israaʼel.”
Gara 890 m. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “keessa akkuma boqoteen.”
Ykn., “girgiddaatti.”
Ykn., “girgiddaatti.”
Jechuunis, Galaana Duʼaatti.