Iyyaasuu 4:1-24

  • Dhagoota yaadannoodhaaf tajaajilan (1-24)

4  Guutummaan sabichaa Yordaanosiin akkuma ceʼeen Yihowaan Iyyaasuudhaan akkana jedhe:  “Tokkoon tokkoon gosaa keessaa nama tokko tokko godhiitii sabicha keessaa namoota 12 fudhadhu;+  achiis, ‘Yordaanos walakkaa keessaa, jechuunis bakka miilli lubootaa dhaabbatee ture+ irraa dhagoota 12 fuudhaa geessaatii bakka bultan sana isaan dhaabaa’+ jedhii isaan ajaji.”  Kanaafuu, Iyyaasuun namoota 12n warra tokkoon tokkoon gosaa keessaa nama tokko godhee Israaʼelota keessaa muudee ture sana ni waame;  achiis akkana isaaniin jedhe: “Taabota Waaqa keessan Yihowaa dura buʼaatii gara Yordaanos walakkaatti seenaa; tokkoon tokkoon keessanis akka lakkoofsa gosoota Israaʼelotaatti dhagaa tokko tokko fuudhaatii gateettii keessan irratti baadhaa;  innis isin gidduutti mallattoo taʼee ni tajaajila. Yeroo booda ijoolleen* keessan, ‘Dhagoota kana as kan keessan maaliifi?’+ jedhanii yoo isin gaafatan,  akkana jedhaa isaanitti himaa: ‘Akkana kan goone, bishaan Yordaanos taabota+ kakuu Yihowaa duratti waan dhaabbateefi. Taabotichi Yordaanosiin yommuu ceʼetti, bishaan Yordaanos ni dhaabbate. Dhagoonni kunis saba Israaʼeliif yaadannoo* dhaabbataa taʼanii tajaajilu.’”+  Israaʼelonnis akkuma Iyyaasuun ajaje ni godhan. Isaan akkuma Yihowaan Iyyaasuu ajajee turetti lakkoofsa gosoota Israaʼelotaa wajjin haala wal gituun walakkaa Yordaanos keessaa dhagoota 12 ni fudhatan. Dhagoota sanas bakka bulan sanatti geessanii achi isaan dhaaban.  Iyyaasuunis Yordaanos walakkaa bakka miilli luboota taabota kakuu baatan sanaa dhaabbatee ture+ dhagoota 12 ni dhaabe; dhagoonni kunis hamma harʼaatti achi jiru. 10  Wanta Museen Iyyaasuu ajaje hundumaa wajjin haala wal simuun, wanti Yihowaan sabichi akka godhu akka isaanitti himu Iyyaasuu ajaje hundi hamma raawwatamutti, luboonni Taaboticha baatan Yordaanos walakkaa dhaabbatanii turan. Yeroo kana hundumaatti sabichi hatattamaan ni ceʼe. 11  Guutummaan sabichaa ceʼee akkuma xumureen, Taabonni Yihowaa fi luboonni utuma sabichi isaan ilaaluu ni ceʼan.+ 12  Ruubenonni, Gaadonnii fi walakkaan gosa Minaasee akkuma Museen isaan ajajetti+ waraanaaf tarree galanii+ Israaʼelota kaan dura ceʼan. 13  Loltoonni waraanaaf hidhatanii fi gara 40,000 taʼan Yihowaa duratti gara gammoojjii Yerikootti ceʼan. 14  Guyyaa sanatti Yihowaan guutummaa Israaʼel duratti Iyyaasuu ol ni qabe;+ isaanis akkuma Museedhaaf ulfina guddaa kennaa turanitti+ umurii isaa guutuu ulfina guddaa isaaf ni kennan.* 15  Achiis Yihowaan Iyyaasuudhaan akkana jedhe: 16  “Luboonni taabota+ Dhugaa Baatuu baatan sun Yordaanos keessaa akka baʼan isaan ajaji.” 17  Kanaafuu Iyyaasuun, “Yordaanos keessaa as baʼaa” jedhee luboota ajaje. 18  Luboonni taabota+ kakuu Yihowaa baatan walakkaa Yordaanosii yommuu baʼanii fi faanni miila isaanii lafa gogaa irra yommuu ejjetutti, bishaan Yordaanos akkuma duraanii deebiʼee yaaʼuu fi guutee dhangalaʼuu jalqabe.+ 19  Sabichis jiʼa isa jalqabaa keessaa guyyaa kurnaffaatti Yordaanosii baʼee Gilgaal+ ishii kallattii bahaatiin daangaa Yerikootti argamtu keessa buufate. 20  Iyyaasuunis dhagoota 12n warra isaan Yordaanos keessaa baasan sana Gilgaal keessa ni dhaabe.+ 21  Achiis Israaʼelotaan akkana jedhe: “Gara fuulduraatti ijoolleen keessan, ‘Dhagoonni kun maali dha?’ jedhanii yommuu isin gaafatan,+ 22  akkana jedhaatii ijoollee keessaniif ibsaa: ‘Israaʼel lafa gogaa+ irra Yordaanosiin ni ceʼe; 23  Waaqni keessan Yihowaan hamma nuti ceenutti bishaan Yordaanos nu duratti ni gogse; Waaqni keessan Yihowaan hamma isaan ceʼanitti galaanicha gogsuudhaan akkuma Galaana Diimaa irratti godhe+ sana nuufis ni godhe. 24  Inni kana kan godhe, saboonni lafa irraa hundi harki Yihowaa hammam jabaa akka taʼe akka beekaniif,+ akkasumas isin yeroo hunda Waaqa keessan Yihowaa akka sodaattaniifi.’”

Miiljaleewwan

Kal., “ilmaan.”
Ykn., “yaadachiisa.”
Kal., “isa ni sodaatan.”