Iyyaasuu 6:1-27

  • Dallaan Yerikoo ni jige (1-21)

  • Rahaabii fi maatiin ishii ni oolan (22-27)

6  Yerikoon Israaʼelotaan kan kaʼe akka gaariitti cufamtee waan turteef eenyu illee ishii keessaa baʼuus taʼe ishiitti seenuu hin dandaʼu ture.+  Yihowaanis Iyyaasuudhaan akkana jedhe: “Kunoo, ani Yerikoo, mootii ishii fi loltoota ishii warra jajjaboo harka keetti dabarsee kenneera.+  Dhiironni loltoota taatan hundi siʼa tokko magaalattiitti marsaa naannaʼaa. Guyyaa jaʼaaf akkana godhaa.  Luboonni torbas xurumbaa* torba qabatanii Taaboticha dura akka buʼan godhaa. Guyyaa torbaffaatti garuu, siʼa torba magaalattiitti marsaatii naannaʼaa; luboonnis xurumbaa sana haa afuufan.+  Xurumbaan sun yeroo afuufamutti, sagalee* xurumbaa sanaa akkuma dhageessaniin, guutummaan sabichaa guddisee iyya waraanaa haa dhageessisu. Achiis dallaan magaalattii ni jiga;+ namoonni sunis ol baʼanii, tokkoon tokkoon isaanii kallattiidhaan gara fuulduraatti ni qajeelu.”  Kanaafuu, Iyyaasuun ilmi Nuun luboota walitti qabee, “Taabota kakuu sana fuudhaa; luboonni torbas xurumbaa torba qabatanii Taabota Yihowaa dura haa buʼan”+ isaaniin jedhe.  Achiis sabichaan, “Deemaatii magaalattiitti marsaa naannaʼaa; loltoonni hidhatanis+ Taabota Yihowaa dura buʼanii haa deeman” jedhe.  Akkuma Iyyaasuun sabichatti dubbatettis luboonni torba warri Yihowaa duratti xurumbaa torba qabatanii turan gara fuulduraatti deemanii xurumbaa sana ni afuufan; taabonni kakuu Yihowaas isaan duubaan ni deema ture.  Loltoonni hidhatan luboota warra xurumbaa afuufaa turan dura buʼanii ni deeman; loltoonni duubaan turanis yeroo xurumbaan sun walitti aansee afuufamaa turetti Taaboticha duukaa ni buʼan. 10  Achiis Iyyaasuun, “Hin iyyinaa, sagalee keessanis hin dhageessisinaa. Hamman, ‘Iyyaa’ isiniin jedhutti sagaleen tokko illee afaan keessan keessaa hin baʼin. Sana booda iyyaa” jedhee sabicha ajaje. 11  Innis Taabonni Yihowaa siʼa tokko magaalattiitti marsee akka naannaʼu ni godhe; sana booda isaan gara buufatichaatti deebiʼanii achi bulan. 12  Guyyaa itti aanutti Iyyaasuun ganamaan ni kaʼe; luboonnis Taabota+ Yihowaa ni baatan; 13  luboonni torba warri xurumbaa torba qabatan sunis utuu wal irraa hin kutin xurumbaa sana afuufaa Taabota Yihowaa dura deeman. Loltoonni hidhatan isaan dura deemaa kan turan yeroo taʼu, loltoonni duubaan turan immoo yeroo xurumbaan sun walitti aansee afuufamaa turetti Taabota Yihowaa duukaa ni buʼu turan. 14  Guyyaa lammaffaattis siʼa tokko magaalattiitti marsanii erga naannaʼanii booda gara buufatichaatti deebiʼan. Guyyaa jaʼaaf akkanuma godhan.+ 15  Guyyaa torbaffaatti akkuma lafti bariʼeen ganama bariidhaan kaʼanii, siʼa torba haaluma kanaan duraatiin magaalattiitti marsanii naannaʼan. Siʼa torba magaalattiitti marsanii kan naannaʼan guyyaa kanatti qofa ture.+ 16  Siʼa torbaffaattis luboonni xurumbaa ni afuufan; Iyyaasuunis sabichaan akkana jedhe: “Yihowaan magaalattii waan isinii kenneef iyyaa!+ 17  Magaalattiinis taate wanti ishii keessa jiru hundi guutummaatti haa balleeffaman;+ guutummaan magaalattii kan Yihowaa ti. Rahaab+ ishiin sagaagaltuun namoota nuti ergine waan dhoksiteef,+ ishii fi warra ishii wajjin manicha keessa jiran hundumaa qofatu lubbuudhaan oola. 18  Haa taʼu malee, isin wanta guutummaatti balleeffamuu qabu keessaa waan tokko hawwitanii akka hin fudhanneef,+ akkasumas Israaʼel irratti badiisa* fiduudhaan+ wanta guutummaatti balleeffamuu qabu akka isa hin gooneef, wanta guutummaatti balleeffamuu qabu irraa fagaadhaa.+ 19  Meetiin, warqiin, miʼawwan sibiila diimaa fi miʼawwan sibiilaa hundi garuu Yihowaadhaaf kan qulqulleeffamani dha.+ Gara mana qabeenyaa+ Yihowaatti galfamuu qabu.” 20  Achiis yeroo xurumbaan afuufametti sabichi ni iyye.+ Sabichi sagalee xurumbaa akkuma dhagaʼeen, akkasumas akkuma iyya waraanaa dhageessiseen dallichi ni jige.+ Sana booda namoonni sun ol baʼanii, tokkoon tokkoon isaanii kallattiidhaan gara fuulduraatti qajeelanii magaalattii qabatan. 21  Achiis wanta magaalattii keessa jiru, jechuunis dhiiraa fi dubartii, ijoollee fi maanguddoota, qotiyyoo, hoolaa fi harree hundumaa guutummaatti goraadeedhaan ni balleessan.+ 22  Iyyaasuunis namoota lamaan warra biyyattii basaasanii turan sanaan, “Gara mana dubartii sagaagaltuu sanaa dhaqaatii, akkuma ishiidhaaf kakattanitti+ ishii fi wanta kan ishii taʼe hundumaa gad baasaa” jedhe. 23  Kanaafuu, dargaggoonni basaastota taʼan sun ol seenanii Rahaabiin, abbaa ishii, haadha ishii, obboloota ishii fi wanta kan ishii taʼe hundumaa, jechuunis guutummaa maatii ishii gad ni baasan;+ achiis gara iddoo buufata Israaʼel irraa ala taʼe tokkootti nagaadhaan isaan geessan. 24  Sana booda magaalattii fi wanta ishii keessa jiru hundumaa ibiddaan ni guban. Meetii, warqii, miʼawwan sibiila diimaa fi miʼawwan sibiilaa sana garuu mana qabeenyaa mana Yihowaatiif ni kennan.+ 25  Iyyaasuun utuu hin balleessin kan dhiise, Rahaab ishii sagaagaltuu, maatii abbaa ishii fi wanta kan ishii taʼe hunda qofa ture;+ ishiin ergamtoota Iyyaasuun Yerikoo akka basaasan ergee ture sana waan dhoksiteef,+ hamma harʼaatti Israaʼel keessa jiraachaa jirti.+ 26  Yeroo sanatti Iyyaasuun kakaa kana ni labse:* “Namni magaalaa Yerikoo kana deebisee ijaaru Yihowaa duratti abaaramaa haa taʼu. Yeroo inni buʼuura magaalattii kaaʼutti ilmi isaa inni angafaa ni duʼa; yeroo inni balbaloota ishii dhaabutti immoo ilmi isaa inni quxisuun ni duʼa.”+ 27  Yihowaan Iyyaasuu wajjin ture;+ innis guutummaa lafaa irratti beekamaa taʼe.+

Miiljaleewwan

Ykn., “fiinoo.” Kal., “gaanfa korbeessa hoolaa.”
Ykn., “sagalee dheeraa.”
Ykn., “rakkina; jibba.”
Ykn tarii, “kakaa kana sabicha ni kaksiise.”