Iyyaasuu 7:1-26

  • Israaʼel Aayitti ni moʼame (1-5)

  • Kadhannaa Iyyaasuu (6-9)

  • Cubbuu Israaʼel akka moʼamu godhe (10-15)

  • Akaan saaxilamee dhagaadhaan tumame (16-26)

7  Haa taʼu malee, Akaan+ ilmi Kaarmii, ilmi Zaabdii, ilmi Zeeraa inni gosa Yihudaa keessaa taʼe wanta guutummaatti balleeffamuu qabu irraa waan fudhateef,+ Israaʼelonni wanta guutummaatti balleeffamuu qabuu wajjin haala wal qabateen amanamoo utuu hin taʼin hafaniiru. Yeroo kanatti dheekkamsi Yihowaa Israaʼelota irratti ni bobaʼe.+  Achiis Iyyaasuun, “Ol baʼaatii biyyattii basaasaa” jedhee Yerikoo irraa gara Aay+ ishii Beet Aween biratti, Beetel+ irraa immoo kallattii bahaatiin argamtutti namoota erge. Kanaafuu, namoonni sun ol baʼanii Aayiin ni basaasan.  Achiis gara Iyyaasuutti deebiʼanii, “Namoonni hundi ol baʼuun isaan hin barbaachisu. Aayiin moʼuuf namoonni gara kuma lamaa yookiin kuma sadii taʼan ni gaʼu. Namoonni achi jiraatan baayʼee muraasa waan taʼaniif, namoonni kun hundi achi akka dhaqan gochuudhaan isaan hin dhamaasin” isaan jedhan.  Kanaafuu, namoonni gara 3,000 taʼan achitti ol ni baʼan; taʼus, isaan namoota Aay jalaa ni baqatan.+  Namoonni Aayis namoota 36 ni ajjeesan; bakka karra magaalattiidhaa alatti argamuu jalqabee hamma Shebaarimitti* isaan ariʼanii irraan gadee sana irratti isaan haleelan. Kanaafuu, onneen sabichaa baqee akkuma bishaanii dhangalaʼe.  Yeroo kanatti Iyyaasuun uffata isaa tarsaasee hamma galgalaatti adda isaatiin Taabota Yihowaa duratti ni gombifame; innii fi jaarsoliin Israaʼel akkanuma ni godhan; mataa isaanii irrattis awwaara ni firfirsan.  Iyyaasuunis akkana jedhe: “Wayyoo, yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, nuti akka balleeffamnuuf harka warra Amoorotaatti dabarsitee nu kennuuf saba kana Yordaanosiin ceesistee kan fidde maaliifi? Achuma Yordaanos gamatti* utuu hafneerra taʼee nuu wayya ture!  Yaa Yihowaa, dhiifama naa godhiitii, Israaʼel diinota isaa duraa erga baqatee* amma maal jechuun dandaʼa ree?  Kanaʼaanonnii fi jiraattonni biyyattii hundi kana yommuu dhagaʼan nutti marsanii maqaa keenya lafa irraa haxaaʼanii ni balleessu; ati hoo maqaa kee isa guddaa eeguuf maal goota ree?”+ 10  Yihowaanis Iyyaasuudhaan akkana jedhe: “Kaʼi, adda keetiin kan gombifamte maaliifi? 11  Israa’el cubbuu hojjeteera. Isaan kakuu koo isa akka eeganiif ani isaan ajaje cabsaniiru.+ Wanta guutummaatti balleeffamuu qabu hatanii+ fudhachuudhaan+ qabeenya isaanii gidduu dhokfataniiru.+ 12  Kanaan kan kaʼes, Israaʼelonni diinota isaanii dura dhaabbachuu hin dandaʼan. Isaan wanta guutummaatti balleeffamuu qabu waan taʼaniif, duubatti garagalanii diinota isaanii jalaa ni baqatu. Ammas isin wanta guutummaatti balleeffamuu qabu+ of gidduudhaa yoo balleessitan malee ani deebiʼee isinii wajjin hin taʼu. 13  Kaʼiitii sabicha qulqulleessi!+ Akkana isaaniin jedhi: ‘Boruuf of qulqulleessaa; Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Yaa Israaʼel, wanti guutummaatti balleeffamuu qabu si gidduu jira. Wanta guutummaatti balleeffamuu qabu of gidduudhaa yoo balleessitan malee diinota keessan dura dhaabbachuu hin dandeessan. 14  Isin ganama gosa gosaan ni dhihaattu, gosti inni Yihowaan filatus+ gara fuulduraatti ni dhihaata; achiis maatii maatiidhaan ni dhihaattu, maatiin Yihowaan filatus gara fuulduraatti ni dhihaata; achiis akka mana manaatti ni dhihaattu, manni Yihowaan filatus gara fuulduraatti ni dhihaata; achiis dhuunfaa dhuunfaatti ni dhihaattu. 15  Namni wanti guutummaatti balleeffamuu qabu isa biratti argame kakuu Yihowaa waan cabseef,+ akkasumas Israaʼel keessatti gocha salphinaa waan raawwateef, innis taʼe wanti kan isaa taʼe hundi ibiddaan ni gubama.”’”+ 16  Kanaafuu, Iyyaasuun guyyaa itti aanutti bariidhaan kaʼee Israaʼel gosa gosaan akka dhihaatu ni godhe; achiis gosti Yihudaa ni filatame. 17  Innis maatiiwwan Yihudaa akka dhihaatan ni godhe; achiis maatiin Zeeraatotaa+ ni filatame, sana booda maatiin Zeeraatotaa dhuunfaa dhuunfaatti akka dhihaatan ni godhe, achiis Zaabdiin ni filatame. 18  Dhuma irrattis maatiin Zaabdii dhuunfaa dhuunfaatti akka dhihaatan ni godhe; achiis Akaan ilmi Kaarmii, ilmi Zaabdii, ilmi Zeeraa inni gosa Yihudaa keessaa tokko taʼe ni filatame.+ 19  Achiis Iyyaasuun Akaaniin, “Yaa ilma koo, maaloo, Yihowaa Waaqa Israaʼeliif ulfina kenni; cubbuu kees isatti himadhu. Maaloo, wanta goote natti himi. Na hin dhoksin” jedhe. 20  Akaanis akkana jedhee Iyyaasuudhaaf deebise: “Dhugaa dubbachuuf Yihowaa Waaqa Israaʼel irratti cubbuu kan hojjete ana; wanti ani godhes kana dha. 21  Wantoota boojiʼaman sana keessatti uffata gaarii fi bareedaa Shinaar+ irraa dhufe, meetii sheeqilii* 200 fi warqii battee sheeqilii 50 madaalu nan arge; waanan hawweefis nan fudhadhe. Ammas wantoonni sun dunkaana koo keessa lafa keessa awwaalamanii jiru; maallaqichis isaan jala jira.” 22  Iyyaasuunis yeruma sana ergamtoota erge; isaanis gara dunkaanichaatti fiigan; uffatichis achi dunkaana isaa keessatti awwaalamee ture; maallaqichis isa jala jira ture. 23  Kanaafuu, isaan wantoota kana dunkaana keessaa fuudhanii gara Iyyaasuuttii fi gara Israaʼelota hundumaatti fidanii Yihowaa dura isaan kaaʼan. 24  Iyyaasuunii fi guutummaan Israa’el warri isaa wajjin turanis Akaan+ ilma Zeeraa, meeticha, uffata gaarii sanaa fi warqii battee sana,+ ijoollee dhiiraa isaa, ijoollee durbaa isaa, qotiyyoo isaa, harree isaa, bushaayee* isaa, dunkaana isaa fi wanta kan isaa taʼe hundumaa wajjin fuudhanii gara Sulula* Akooritti+ isaan geessan. 25  Iyyaasuunis, “Maaliif badiisa* nu irratti fidde?+ Yihowaanis harʼa badiisa si irratti fida” isaan jedhe. Yeroo kanatti guutummaan Israaʼel dhagaadhaan isa tuman;+ sana booda ibiddaan isaan guban.+ Akka kanaan hunduma isaanii dhagaadhaan ni tuman. 26  Achiis tuullaa dhagaa guddaa isa irra ni tuulan; tuullaan kunis hamma harʼaatti jira. Yeroo kanatti dheekkamsi Yihowaa inni bobaʼu ni qabbanaaʼe.+ Maqaan iddoo sanaas hamma harʼaatti Sulula Akoor* jedhamee kan waamamu kanaafi.

Miiljaleewwan

“Kaabaa Dhagaa” jechuu dha.
Jechuunis, kallattii bahaatti.
Ykn., “dugda garagalfatee.”
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”
Bushaayeen hoolaa fi reʼee argisiisa.
Ykn., “rakkina; jibba.”
“Badiisa; Jibba” jechuu dha.