Iyyaasuu 9:1-27

  • Gibeʼononni abshaala taʼan nagaa uuman (1-15)

  • Gowwoomsaan Gibeʼonotaa ni saaxilame (16-21)

  • Gibeʼononni qoraanii fi bishaan fidu (22-27)

9  Mootonni warri Yordaanos irraa kallattii dhihaatiin argaman+ hundi, warri naannoo gaarotaa keessa, Shefelaa keessa, akkasumas guutummaa qarqara Galaana Guddaa*+ fi Libaanon fuullee jiraatan, jechuunis Heetonni, Amooronni, Kanaʼaanonni, Pheriizonni, Hiiwwonnii fi Yebuusonni+ wanta taʼe yommuu dhagaʼan,  Iyyaasuu fi Israaʼeliin waraanuuf tokkummaa uuman.+  Jiraattonni Gibeʼonis+ wanta Iyyaasuun Yerikoo+ fi Aay+ irratti raawwate ni dhagaʼan.  Kanaafuu, abshaalummaadhaan kakaʼanii galaa isaanii korojoo moofaa keessa erga kaaʼanii booda, qalqalloo moofaa tarsaʼee fi erbamee wajjin harree isaaniitti feʼan;  kana malees, kophee moofaa suphame ni kaaʼatan; uffata moofaʼe ni uffatan. Daabboon galaadhaaf qabatan hundis goggogee fi caccabee ture.  Isaanis gara Iyyaasuu isa buufata Gilgaalitti+ argamu keessa jiruu dhufanii, isaa fi namoota Israaʼeliin, “Nuti biyya fagoodhaa dhufne. Nuu wajjin kakuu galaa” jedhan.  Namoonni Israaʼel garuu Hiiwota+ sanaan, “Tarii isin nutti dhihoo jiraattu taʼa. Maarree, akkamitti isinii wajjin kakuu galuu dandeenya?”+ jedhan.  Isaanis, “Nuti tajaajiltoota* kee ti” jedhanii Iyyaasuudhaaf deebisan. Iyyaasuunis, “Isin eenyu? Eessaa dhuftan?” isaaniin jedhe.  Yeroo kanatti akkana isaan jedhan: “Nuti tajaajiltoonni kee kabaja maqaa Waaqa kee Yihowaatiif qabnuun kan kaʼe biyya fagoodhaa dhufne;+ sababiin isaas, nuti waaʼee beekamummaa isaa fi wanta inni biyya Gibxii keessatti raawwate hundumaa dhageenyeerra;+ 10  akkasumas, wanta inni mootota Amoorotaa lamaan warra Yordaanos gamatti* argaman, jechuunis Sihoon+ mootii Heshboonii fi Oog+ mootii Baashaan isa Ashtaarot keessa ture irratti raawwate hundumaa dhageenyeerra. 11  Kanaafuu, jaarsoliin keenyaa fi jiraattonni biyya keenyaa hundi, ‘Karaadhaaf galaa qabadhaa isaan bira dhaqaatii, “Nuti tajaajiltoota keessan ni taana;+ nuu wajjin kakuu galaa”+ isaaniin jedhaa’ nuun jedhan. 12  Daabboon galaa keenya akka taʼuuf qabanne kun guyyaa nuti as gara keessan dhufuuf manaa baanetti hoʼaa ture. Amma garuu kunoo akka goggogee fi akka caccabe ilaaluu dandeessu.+ 13  Qalqalloon wayinii kunis yeroo itti guuttannetti haaraa ture; amma garuu tarsaʼeera.+ Karichi baayʼee fagoo waan taʼeef, uffanni keenyaa fi kopheen keenya dhumeera.” 14  Yeroo kanatti namoonni Israaʼel galaa isaanii irraa muraasa ni fudhatan;* haa taʼu malee, isaan Yihowaa hin gaafanne.+ 15  Kanaafuu, Iyyaasuun isaanii wajjin nagaa uume;+ lubbuudhaan akka isaan dhiisus isaanii wajjin kakuu gale; geggeessitoonni yaaʼichaas isaaniif kakatan.+ 16  Isaanii wajjin kakuu galanii guyyaa sadii booda, namoonni kun naannoo isaanitti dhihoo jiru keessa akka jiraatan dhagaʼan. 17  Achiis Israaʼelonni baʼanii guyyaa sadaffaatti gara magaalota isaanii ni dhufan; magaalonni isaaniis, Gibeʼon,+ Kefiiraa, Beʼeerotii fi Qiriyaat Yeʼariim+ turan. 18  Haa taʼu malee, geggeessitoonni yaaʼichaa maqaa Yihowaa Waaqa Israaʼeliin isaaniif kakatanii+ waan turaniif, Israaʼelonni isaan hin rukunne. Kanaan kan kaʼes, guutummaan yaaʼichaa geggeessitoota sana irratti gungumuu jalqabe. 19  Yeroo kanatti geggeessitoonni hundi guutummaa yaaʼichaatiin akkana jedhan: “Maqaa Yihowaa Waaqa Israaʼeliin waan isaaniif kakanneef, akka isaan miinu nuuf hin heyyamamu. 20  Akkana goona: Kakaa isaaniif kakanneen kan kaʼe dheekkamsi akka nu irratti hin dhufneef isaan hin ajjeesnu.”+ 21  Geggeessitoonni sun itti dabaluudhaan, “Lubbuudhaan haa jiraatan; garuu guutummaa yaaʼichaatiif warra qoraan funaananii fi bishaan waraaban haa taʼan” jedhan. Waadaan geggeessitoonni sun isaaniif galan kana ture. 22  Yeroo kanatti Iyyaasuun isaan waamee akkana isaaniin jedhe: “Isin as nu gidduu utuma jiraattanii, ‘Bakka isin irraa fagoo taʼe tokko irraa dhufne’ jettanii maaliif nu gowwoomsitan?+ 23  Ammaa jalqabee isin abaaramoo dha;+ yeroo hundumaas garboota taatanii mana Waaqa kootiif qoraan ni funaantu, bishaanis ni waraabdu.” 24  Isaanis akkana jedhanii Iyyaasuudhaaf deebisan: “Akkana kan goone, nuti tajaajiltoonni kee Waaqni kee Yihowaan tajaajilaa isaa kan taʼe Museen guutummaa biyyattii akka isiniif kennu, akkasumas jiraattota ishii hundumaa isin duraa haxaaʼee akka balleessu+ isa ajajuun isaa waan nutti himameefi. Kanaafuu, isiniin kan kaʼe lubbuu keenyaaf ni sodaanne;+ akkana kan goones kanaafi.+ 25  Ammas harka kee keessa jirra. Wanta gaarii fi sirrii taʼee sitti mulʼate akkamii iyyuu nu irratti raawwadhu.” 26  Innis akkanuma isaan irratti godhe; harka Israaʼelotaa irraa isaan ni oolche; Israaʼelonnis isaan hin ajjeesne. 27  Haa taʼu malee, Iyyaasuun guyyaa sanatti guutummaa yaaʼichaatiif, akkasumas iddoo aarsaa Yihowaa isa bakka inni filatutti+ argamuuf warra qoraan funaananii fi bishaan waraaban akka taʼan ni godhe;+ isaanis hamma harʼaatti hojii kana hojjechaa jiru.+

Miiljaleewwan

Jechuunis, Meditiraaniyaa.
Ykn., “garboota.”
Jechuunis, kallattii bahaatti.
Ykn., “ni qoratan.”