Iyyoob 11:1-20

  • Dubbii Zofaar isa jalqabaa (1-20)

    • Iyyoob dubbii gatii hin qabne akka dubbatu ibse (2, 3)

    • Hammina akka of irraa fageessu Iyyoobitti dubbate (14)

11  Zofaar+ Naʼaamaatichi akkana jedhee deebise:   “Jechoonni kun hundi deebii argachuu hin qabanii? Yookiin namni tokko dubbii baayʼisuun isaa sirrii isa godhaa?*   Dubbiin kee inni gatii hin qabne namoonni akka callisan ni godhaa? Qoosaa ati dubbattuuf namni si ifatu hin jiruu?+   Sababiin isaas ati, ‘Barumsi koo qulqulluu dha,+Anis ija kee duratti qulqulluu dha’ jetteetta.+   Garuu utuu Waaqayyo dubbatee,Utuu afaan isaas si irratti saaqqatee gaarii ture!+   Silaa iccitiiwwan ogummaa siif ni ibsa ture,Sababiin isaas, ogummaan akaakuu hedduu qaba. Yeroo sanatti Waaqayyo balleessaa kee keessaa muraasa akka siif irraanfate ni hubatta turte.   Wantoota Waaqayyoo warra gad fagoo bira gaʼuu,Yookiin waaʼee Isa Hundumaa Dandaʼuu guutummaatti bira gaʼuu* ni dandeessaa?   Inni samii caalaa ol fagoo dha. Ati maal raawwachuu dandeessa ree? Inni Awwaala* caalaa gad fagoo dha. Ati maal beekuu dandeessa ree?   Inni lafa caalaa dheeraa,Galaana caalaas balʼaa dha. 10  Inni utuu darbuu nama tokko qabee murtiitti yoo dhiheesse,Eenyutu isa dhowwuu dandaʼa? 11  Sababiin isaas, inni namoonni yommuu gowwoomsan beeka. Yommuu wanta hamaa taʼe argu xiyyeeffannaa hin kennuu? 12  Namni sammuun isaa duwwaa taʼe garuu kan hubatu,Yoo harreen bosonaa nama dhaluu dandeesse* qofa dha. 13  Maal taʼa garaa kee utuu qopheeffattee,Harka kees utuu gara isaatti diriirsitee! 14  Harki kee wanta dogoggora taʼe raawwachaa jira taanaan dogoggora sana raawwachuu kee dhiisi,Dunkaanota kee keessas jalʼinni akka jiraatu hin heyyamin. 15  Sana booda mataa kee qaanii malee ol qabachuu ni dandeessa;Sodaa malee jabaattee dhaabbachuus ni dandeessa. 16  Sana booda rakkina kee ni irraanfatta;Akkuma bishaan si bira darbee deemeettis deebitee isa hin yaadattu. 17  Jireenyi kee guyyaa saafaa caalaa ifaa ni taʼa;Dukkanni isaa illee akkuma ganamaa ni taʼa. 18  Abdiin waan jiruuf amanannaa ni qabaatta,Naannoo kee ilaallattees yaaddoo malee ni ciista. 19  Homtuu utuu si hin sodaachisin ni ciista,Namoonni hedduunis gaarummaa kee ni barbaadu. 20  Ijji hamootaa garuu ni bada;Isaan iddoo itti baqatan hin argatan,Abdiin isaaniis duʼa* qofa dha.”+

Miiljaleewwan

Ykn., “namni of jaju sirrii ni taʼaa?”
Ykn., “daangaa Isa Hundumaa Dandaʼuu beekuu.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Yoo hardiidni nama dhalte.”
Ykn., “duʼa lubbuu.”