Iyyoob 2:1-13

  • Seexanni ammas kakaʼumsa Iyyoob irratti gaaffii kaase (1-5)

  • Seexanni qaama Iyyoob madaadhaan akka rukutu heyyamameef (6-8)

  • Haati manaa Iyyoob, “Waaqa arrabsiitii duʼi!” jette (9, 10)

  • Michoonni Iyyoob sadan gara isaa dhufan (11-13)

2  Sana booda guyyaan ilmaan Waaqa dhugaa*+ Yihowaa dura dhaabbachuuf itti seenan ni gaʼe;+ Seexannis Yihowaa dura dhaabbachuuf isaan gidduu ni seene.+  Achiis Yihowaan, “Eessaa dhufte?” jedhee Seexana gaafate. Seexannis, “Lafa irra naannaʼee, ishii irras asii fi achi deemeen dhufe”+ jedhee Yihowaadhaaf deebise.  Yihowaanis Seexanaan, “Tajaajilaa koo Iyyoob hubattee ilaalteettaa?* Lafa irra namni akka isaa tokko iyyuu hin jiru. Inni nama qajeelaa fi amanamaa*+ dha; akkasumas nama Waaqa sodaatuu fi wanta hamaa taʼe irraa fagaatu dha. Ati sababa tokko malee akkan isa balleessu* na kakaasuuf kan yaalte taʼus,+ inni amma iyyuu amanamummaa isaa cimsee akkuma qabatetti jira”+ jedhe.  Haa taʼu malee, Seexanni akkana jedhee Yihowaadhaaf deebise: “Gogaan qooda gogaa ti. Namni lubbuu isaatiif jedhee wanta qabu hundumaa ni kenna.  Garuu, mee harka kee diriirsiitii lafee fi foon isaa rukuti; dhugumaan inni ijuma kee duratti si arrabsa.”+  Achiis Yihowaan Seexanaan, “Kunoo, inni harka kee keessa* jira! Lubbuu isaa garuu akka hin balleessine!” jedhe.  Kanaafuu, Seexanni Yihowaa* duraa baʼee deemee faana miila isaatii jalqabee hanga gubbee mataa isaatti dhullaa nama dhukkubsuun* Iyyoobiin ni rukute.+  Iyyoobis of hooquuf qiraacii tokko ni fudhate; daaraa keessas ni taaʼe.+  Dhuma irrattis haati manaa isaa, “Ati amma iyyuu akkuma amanamummaa kee cimsitee qabattetti jirtaa? Waaqa arrabsiitii duʼi!” isaan jette. 10  Inni garuu, “Ati akkuma dubartii hubannaa hin qabnetti dubbatta. Nuti Waaqa dhugaa irraa wanta gaarii taʼe qofa fudhannaa? Wanta hamaa taʼe hoo fudhachuu hin qabnuu?”+ ishiidhaan jedhe. Kun hundi kan isa irra gaʼe taʼus, Iyyoob afaan isaatiin cubbuu hin dubbanne.+ 11  Michoonni Iyyoob* sadan rakkina Iyyoob irra gaʼe hundumaa dhagaʼanii tokkoon tokkoon isaanii iddoo isaaniitii ni dhufan; isaanis Eliifaaz+ Temaanicha, Bildaad+ Shuʼaatichaa+ fi Zofaar+ Naʼaamaaticha turan. Isaan Iyyoobiin jajjabeessuu fi isaaf gadduu isaanii argisiisuuf waliin taʼanii gara isaa dhaquuf walii galan. 12  Isaan yommuu fagoodhaa isa argan isa beekuu hin dandeenye. Achiis sagalee isaanii ol kaasanii booʼuu fi uffata isaanii tarsaasuu jalqaban; qilleensa keessattii fi mataa isaanii irrattis awwaara bittinneessan.+ 13  Achiis guyyaa torbaa fi halkan torbaaf isaa wajjin lafa taaʼan. Dhukkubni isaa baayʼee cimaa akka taʼe waan arganiif, isaan keessaa eenyu iyyuu jecha tokko illee isatti hin dubbanne.+

Miiljaleewwan

Jechama Afaan Ibrootaa maleekota ilmaan Waaqayyoo taʼan argisiisuuf itti hojjetamu dha.
Kal., “garaa kee irra keesseettaa?”
Ykn., “nama balleessaa hin qabnee fi qajeelaa.”
Kal., “liqimsu.”
Ykn., “toʼannaa kee jala.”
Kal., “fuula Yihowaa.”
Ykn., “madaa baayʼee cimaa taʼeen.”
Ykn., “Namoonni Iyyoobiin beekan.”