Iyyoob 21:1-34
21 Iyyoob akkana jedhee deebise:
2 “Wantan dubbadhu sirriitti dhaggeeffadhaa;Jajjabinni isin naaf kennitan kana haa taʼu.
3 Yeroon dubbadhu naaf obsaa;Ergan dubbadhee booda natti qoosuu dandeessu.+
4 Komiin koo nama irratti kan dhihaate dhaa?
Utuu akkana taʼee, obsa koo hin fixadhun turee?*
5 Na ilaalaa, ajaaʼibsiifannaadhaan fajajaa na ilaalaa;Afaan keessan qabadhaa.
6 Waaʼee kanaa yommuun yaadu nan jeeqama,Guutummaan qaama kootiis ni hollata.
7 Namoonni hamoon lubbuudhaan kan jiraatan,+Dulluma bira kan gaʼanii fi kan badhaadhan* maaliifi?+
8 Ijoolleen isaanii yeroo hunda isaanii wajjin jiru,Sanyii isaaniis ni argu.
9 Manni isaanii amansiisaa dha, isaan sodaa irraa bilisa dha,+Waaqayyos ulee isaatiin isaan hin adabu.
10 Qotiyyoowwan isaanii yeroo hunda ni rimeessu;Saawwan isaanii ni dhalu, hin gatatanis.
11 Ilmaan isaanii akkuma bushaayeetti* dirree keessa ni fiigu,Ijoolleen isaaniis asii fi achi ni burraaqu.
12 Isaan dibbee fi baganaadhaan ni sirbu,Sagalee ululleetiinis* ni gammadu.+
13 Bara isaanii gammachuudhaan dabarsu,Nagaadhaanis* gara Awwaalaatti* gad buʼu.
14 Haa taʼu malee, Waaqa dhugaatiin akkana jedhu: ‘Nu dhiisi!
Daandiiwwan kee beekuuf fedhii hin qabnu.+
15 Akka isa tajaajilluuf Inni Hundumaa Dandaʼu eenyu?+
Isaa wajjin wal baruudhaan maal arganna?’+
16 Taʼus isaan badhaadhina isaanii akka hin toʼanne ani beeka.+
Yaanni* hamootaa ana irraa fagoo jira.+
17 Ibsaan hamootaa siʼa meeqa dhaame?+
Rakkinni siʼa meeqa isaan irra gaʼe?
Waaqayyo aarii isaatiin siʼa meeqa isaan balleesse?
18 Isaan bubbee duratti akka galabaa,Akka habaqii obomboleettiidhaan fudhatamuus taʼanii beekuu?
19 Waaqayyo adaba namaa ilmaan isaatiif ni kaaʼa.
Haa taʼu malee, innis akka beekuuf Waaqayyo akka hojii isaatti isaaf haa deebisu.+
20 Ijumti isaa badiisa isaa haa argu,Dheekkamsa Isa Hundumaa Dandaʼu sanaa irraa kan dhugus isuma haa taʼu.+
21 Sababiin isaas, lakkoofsi jiʼoota isaa yoo gabaabbate,*+Inni wanta isa booda mana isaa irratti raawwatamuuf dantaa hin qabaatu.
22 Inni isa warra hunda caalan irratti murtii kennu waan taʼeef,+Waaqayyoof beekumsa kennuu* kan dandaʼu jiraa?+
23 Namni tokko humni isaa guutuu akkuma taʼetti ni duʼa,+Utuma tasgabbii guddaa qabuu fi utuma itti tolee jiraatuu,+
24 Utuma tafni isaa coomaan guutamee jiruu,Utuma lafeen isaa cimaa taʼee jiruus* ni duʼa.
25 Namni kan biraan immoo, matumaa wanta gaarii dhandhamatee utuu hin beekin,Akkuma baayʼee dhiphatetti* duʼa.
26 Isaan walumaan biyyoo keessa ni ciisu,+Raammoonis lamaan isaanii iyyuu ni uwwisa.+
27 Kunoo, ani wanta isin yaadaa jirtan,Haxxummaa na miidhuuf* qopheessitanis sirriittan beeka.+
28 Sababiin isaas isin, ‘Manni nama beekamaa taʼe sanaa,Dunkaanni namni hamaan keessa jiraachaa ture sun meerre?’ jettu.+
29 Isin imaltoota hin gaafannee?
Yaada* isaan kennan hoo of eeggannoodhaan hin qorannee?
30 Namni hamaan guyyaa rakkinaatti akka oolfamu,Guyyaa dheekkamsaattis akka baraaramu hin qorannee?
31 Daandii isaa ilaalchisee kan isa mormu,Wanta raawwateefis akka hojii isaatti kan isaaf deebisu eenyu?
32 Inni gara iddoo awwaalchaatti yommuu geeffamu,Awwaalli isaa ni eegama.
33 Bungulloon lafaa sulula* keessa jiru isatti ni miʼaawa,+Akkuma namoota hedduu isa dura jiraniitti,Ilmaan namootaa hundis isa duukaa ni buʼu.*+
34 Maarree, isin jajjabina hiika hin qabne maaliif naa kennitu?+
Deebiin keessan gowwoomsaa malee homaa of keessaa hin qabu!”
Miiljaleewwan
^ Kal., “hafuurri koo obsa hin fixatu turee?”
^ Ykn., “kan ciman.”
^ Bushaayeen hoolaa fi reʼee argisiisa.
^ Ykn., “faaggaatiinis.”
^ Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “Takkaatti,” jechuunis, duʼa hatattamaa dhiphina hin qabne.
^ Ykn., “Gorsi; Haxxummaan.”
^ Ykn., “bakka lamatti yoo cite.”
^ Ykn., “Waan akkamii iyyuu Waaqayyoon barsiisuu.”
^ Kal., “Utuma dhukni lafee isaa keessa jiru jiidhaa taʼee jiruu.”
^ Ykn., “jireenyi itti hadhaaʼetti.”
^ Ykn tarii, “humnaan tarkaanfii na irratti fudhachuuf.”
^ Kal., “Mallattoo.”
^ Ykn., “laga gogaa.”
^ Kal., “Inni ilmaan namootaa hunda of duubaan ni harkisa.”