Iyyoob 24:1-25
24 “Inni Hundumaa Dandaʼu yeroo kan hin ramadne maaliifi?+
Warri isa beekan guyyaa isaa* kan hin argine maaliifi?
2 Namoonni mallattoo daangaa iddoo isaatii ni siqsu;+Bushaayeewwan oofaniis gara iddoo dheedichaa isaaniitti ni geeffatu.
3 Ijoollee abbaa hin qabne jalaa harree oofanii fudhatu,Liqiidhaaf qabsiisa godhaniis dubartii abbaan manaa irraa duʼe jalaa qotiyyoo fudhatu.+
4 Warra hiyyeeyyii humnaan daandii gadhisiisu;Namoonni lafa irraa warri gargaarsa hin qabne isaan jalaa ni dhokatu.+
5 Hiyyeeyyiin akka harree bosonaa lafa onaa+ keessa jiruutti nyaata barbaaddatu;Isaan lafa onaa keessatti ijoollee isaaniitiif nyaata barbaadu.
6 Maasii nama kan biraa keessaa midhaan sassaabu,*Maasii wayinii hamootaa keessaas qaarmii funaannatu.
7 Uffata malee qullaa isaanii bulu;+Qorraafis wanta of irra buusan hin qaban.
8 Isaan bokkaa gaaraatiin tortoraniiru;Bakka itti dheessan waan dhabaniif qarsaa hammatu.
9 Mucaan abbaa hin qabne harma irraa butamee fudhatameera;+Uffanni hiyyeeyyiis liqiidhaaf qabsiisa godhamee fudhatameera;+
10 Uffata malee qullaa isaanii akka deeman isaan dirqisiisu,Bissii midhaanii utuma baatanii jiraniis ni beelaʼu.
11 Isaan guyyaa saafaa daagaawwan gidduu dhamaʼu;*Wayinii ni cuunfu, garuu ni dheebotu.+
12 Warri duʼuu jala gaʼan magaalaa keessatti aadu;Warri akka malee madaaʼanis* gargaarsaaf ni iyyu,+Waaqayyo garuu waaʼeen kanaa isa hin yaaddessu.*
13 Warri ifa irratti fincilan jiru;+Isaan karaawwan isaa hin hubatan,Daandiiwwan isaa duukaas hin buʼan.
14 Namni nama ajjeesu ganama barii kaʼa;Isa gargaarsa hin qabnee fi isa hiyyeessa ni ajjeesa,+Galgala galgala immoo hanna irratti hirmaata.
15 Ejjituun, ‘Eenyu iyyuu na hin argu!’ jedhee,+Dimimmisa eeggata,+Fuula isaas ni haguuggata.
16 Dukkana keessa mana cabsanii* seenu;Guyyaa immoo cufatanii mana keessa taaʼu.
Ifni isaaniif keessummaa dha.+
17 Sababiin isaas, ganamni isaaniif akkuma dukkana cimaa ti;Sodaan dukkana cimaa isaaniif haaraa miti.
18 Taʼus isaan saffisaan bishaaniin ni fudhatamu.*
Lafti qooda isaanii taʼe abaaramaa taʼa.+
Isaan maasiiwwan wayinii isaaniitti hin deebiʼan.
19 Akkuma ongeenii fi hoʼi cabbii baqe fudhatee deemutti,Awwaallis* warra cubbuu hojjechaa turan ni fudhata!+
20 Haati isaa* isa irraanfatti; raammoon hamma quuftutti isa nyaatti.
Inni kana booda hin yaadatamu.+
Jalʼinnis akkuma mukaatti ni cabsama.
21 Inni dubartii dhabduu* riphee eeggata,Dubartii abbaan manaa irraa duʼes ni miidha.
22 Waaqayyo* warra jajjaboo balleessuuf jabina isaatti fayyadama;Isaan yoo ol jedhan iyyuu jireenya amansiisaa hin qaban.
23 Waaqayyo* amanannaa fi nageenya akka qabaatan isaaniif ni heyyama,+Ijji isaa garuu wanta isaan hojjetan hundumaa irra* jira.+
24 Yeroo muraasaaf ol ni kaafamu, booda garuu ni badu.+
Gad ni buufamu,+ akkuma namoota kaaniis walitti ni qabamu;Akkuma mataa midhaanii ni kutamu.
25 Egaa, sobduu akkan taʼe mirkaneessuu,Yookiin dubbiin koo dogoggora taʼuu isaa mulʼisuu kan dandaʼu eenyu?”
Miiljaleewwan
^ Jechuunis, guyyaa murtii isaa.
^ Ykn tarii, “maasii keessaa gafara sassaabu.”
^ Ykn tarii, “Isaan daagaawwan gidduutti zayitii cuunfu.”
^ Ykn., “Lubbuuwwan warra madaaʼaniis.”
^ Ykn tarii, “Waaqayyo eenyuun iyyuu balleessaadhaan hin gaafatu.”
^ Kal., “qotanii.”
^ Kal., “Inni bishaan gubbaa ni fiiga.”
^ Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Kal., “Gadameessi.”
^ Ykn., “maseena.”
^ Kal., “Inni.”
^ Kal., “Inni.”
^ Kal., “karaawwan isaanii irra.”