Iyyoob 25:1-6

  • Dubbii Bildaad isa sadaffaa (1-6)

    • ‘Namni akkamitti Waaqayyo duratti qulqulluu taʼuu dandaʼa?’ (4)

    • Namni amanamaa taʼuun isaa gatii akka hin qabne dubbate (5, 6)

25  Bildaad+ Shuʼaatichi akkana jedhee deebise:   “Bulchiinsii fi jabinni sodaachisaan kan isaa ti;Inni samii* keessatti nagaa ni hundeessa.   Loltoonni isaa lakkaaʼamuu ni dandaʼuu? Ifni isaa kan hin ifne eenyu irratti?   Maarree, namni duʼu akkamitti Waaqayyo duratti qajeelaa taʼuu dandaʼa?+ Yookiin namni dubartii irraa dhalate akkamitti qulqulluu taʼuu dandaʼa?+   Ija isaa duratti addeessi illee hin iftu,Urjiileenis qulqulluu miti;   Egaa namni duʼu inni gatii hin qabne,Ilmi namaa inni raammoo taʼes hammam haa xinnaatu ree!”

Miiljaleewwan

Kal., “ol kaʼiinsa isaa.”