Iyyoob 28:1-28

  • Iyyoob albuudota lafaa ogummaa wajjin wal bira qabee ibse (1-28)

    • Carraaqqii namni albuuda baasuuf godhu (1-11)

    • Ogummaan callee gatii guddaa qabu irra ni caala (18)

    • Ogummaa dhugaan Yihowaa sodaachuu dha (28)

28  “Bakki meetii itti baasan,Bakki warqiin itti qulqulleeffamus jira;+   Sibiilli lafa keessaa baafama,Sibiilli diimaanis qarsaa keessaa baafama.*+   Namni dukkana ni injifata;Albuuda* argachuufisDukkanaa fi dukkana cimaa keessa hamma dhumaatti barbaada.   Bakka namoonni jiraatan irraa fagaatee,Iddoowwan irraanfatamanii fi namoonni keessa hin deddeemnetti funyoo gad buusa;Namoonni muraasnis gad buʼanii irratti rarraʼanii sosochoʼu.   Lafa irratti midhaan ni biqila;Jalli ishii garuu akkuma waan ibiddaan taʼeetti ni unkurama.*   Achitti dhagoota keessa safiroos* jira,Biyyoonis warqii of keessaa qaba.   Allaattiin adamsee nyaatu karaa achitti geessu hin beeku;Ijji culullee gurraattiis isa hin argine.   Bineensonni bosonaa sodaachisoo taʼan isa irra hin ejjenne;Leenci saafellis achitti hin riphne.   Namni qarsaa jabaa harka isaatiin ni rukuta;Gaarotas hundee isaaniitii ni garagalcha. 10  Qarsaa keessatti boʼoowwan bishaanii ni baasa;+Ijji isaas wanta gatii guddaa qabu hundumaa irra ni buʼa. 11  Maddawwan lageenii irratti hidha ni tolcha,Wanta dhokatee jirus ifatti baasa. 12  Ogummaan garuu eessaa argamuu dandaʼa?+ Maddi hubannaa hoo eessa dha?+ 13  Namni gatii isaa hubatu hin jiru,+Biyya namoota jiraatoo keessattis argamuu hin dandaʼu. 14  Bishaan gad fagoon, ‘Inni na keessa hin jiru!’ jedha. Galaannis, ‘Na bira hin jiru!’ jedha.+ 15  Warqii qulqulluudhaan bitamuu hin dandaʼu;Ittiin jijjiiruufis meetiin isaaf madaalamuu hin dandaʼu.+ 16  Warqii Ofiiriin+ bitamuu hin dandaʼu,Oniiksii* fi safiroos warra gatii guddaa qabaniinis bitamuu hin dandaʼu. 17  Warqii fi burcuqqoon isaan wal gituu hin dandaʼan;Miʼa warqii gaariittis* isa jijjiiruun hin dandaʼamu.+ 18  Elellaa fi kiristaaliin isaa wajjin wal bira hin qabaman,+Sababiin isaas, ogummaan callee* qalqalloo tokko guutuu irra ni caala. 19  Tophaaziyoniin*+ Kuush isaa wajjin wal hin gitu;Warqii qulqulluudhaan illee bitamuu hin dandaʼu. 20  Ogummaan garuu eessaa argama? Maddi hubannaa hoo eessa dha?+ 21  Ija uumama jiraataa hundumaa jalaa dhokateera,+Simbirroota samii jalaas dhokfameera. 22  Badiisnii fi duuti akkana jedhu:‘Nuti kan dhageenye oduu isaa qofa dha.’ 23  Waaqayyo karaa inni itti argamu ni hubata;Iddoo inni jiru kan beeku isa qofa dha;+ 24  Sababiin isaas, inni andaara lafaa ni ilaala,Wanta samii jala jiru hundumaas ni arga.+ 25  Yommuu inni bubbeedhaaf humna* kennetti,+Yommuu bishaanota safaretti,+ 26  Yommuu bokkaadhaaf dambii,+Obomboleettiidhaafis duumessaa fi kakawwee isaa wajjin daandii qopheessetti,+ 27  Yeroo sanatti inni hojii isaa keessatti ogummaa ni arge, ni ibses;Cimsee isa ni dhaabe, ni qores. 28  Namaanis akkana jedhe: ‘Kunoo, Yihowaa sodaachuun ogummaa dha,+Wanta hamaa irraa deebiʼuunis hubannaa dha.’”+

Miiljaleewwan

Kal., “dhangalaafama.”
Kal., “Dhagaa.”
Hojii albuuda baasuu kan argisiisu taʼuu hin oolu.
Ykn., “qulqulleeffamettis.”
Dhagaa gatii guddaa qabuu fi qaama qurxummii tokko tokko keessaa argamu.
Kal., “ulfaatina.”