Iyyoob 30:1-31
30 “Namoonni quxisuu koo taʼan,Warri ani abbootiin isaanii saroota kooWarra bushaayee koo eeganii wajjin akkataʼan gochuu dide sun natti kolfan.+
2 Humni harka isaanii maal na fayyada?
Jabinni isaanii badeera.
3 Rakkinaa fi beelaan kan kaʼe bututaniiru;Isaan wanta lafa goge,Isa mancaʼee fi one irraa argatan ni alanfatu.
4 Baala soogidda soogidda jedhu tusii* irraa funaannatu;Nyaanni isaaniis hidda dhandhansaa ti.
5 Isaan hawaasicha keessaa ariʼamaniiru;+Namoonnis akkuma hattuutti iyyanitti isaanitti iyyu.
6 Ededa sululawwanii* irra,Boollawwan lafaa fi qarsaawwan keessa jiraatu.
7 Tusii gidduudhaa ni iyyu,Doobbii gidduuttis walitti ni tuutaʼu.
8 Isaan akkuma ilmaan hubannaa fi maqaa hin qabneetti,Biyyattii keessaa ariʼamaniiru.*
9 Amma garuu sirba isaaniitiin illee natti qoosu;+Anis isaan biratti kanan tuffatamu* taʼeera.+
10 Na jibbanii na irraa fagaataniiru;+Fuula kootti tufuu irraa duubatti hin jedhan.+
11 Waaqayyo meeshaa waraanaa waan na hiiksiseef,* waan gad na qabeefis,Isaan na duratti akkuma barbaadan taʼu.*
12 Karaa mirgaa kootiin akka tuuta badiitti ni kaʼu;Akkan baqadhu ni godhu,Na balleessuufis daandii koo ni cufu.
13 Daandiiwwan koo ni diigu,Rakkina koos natti hammeessu,+Kan isaan dhowwus* hin jiru.
14 Isaan akka waan qaawwa balʼaa dallaa keessa darbaniitti ni dhufan;Bakka diigamettis fiiganii seenan.
15 Naasuun na liqimseera;Ulfinni koo akka bubbeetti na irraa fudhatameera,Fayyinni koos akka duumessaatti badeera.
16 Ani duʼuufan jedha;*+Guyyoonni rakkinaa+ na qabataniiru.
17 Dhukkubbiin halkan lafeewwan koo ni waraana;*+Waraansi cimaanis matumaa na irraa hin citu.+
18 Uffanni koo humna guddaadhaan micciirameera;*Inni akkuma kollettaa uffata kootiitti na hudha.
19 Waaqayyo dhoqqee keessatti na gateera;Anis biyyoo fi daaraa taʼeera.
20 Gargaarsaaf gara keetti nan iyya, ati garuu naaf hin deebistu;+Nan kaʼa, ati garuu callistee na ilaalta.
21 Gara jabinaan na irratti kaate;+Guutummaa jabina harka keetiitiinis na haleelte.
22 Ol na kaastee bubbeen akka na fudhatu goote;Achiis obomboleettii keessatti asii fi achi na daddarbatte.*
23 Sababiin isaas, akka ati gara duʼaatti,Gara mana namni jiraataa taʼe hundi itti wal gaʼutti akka gad na buustu beeka.
24 Haa taʼu malee, yeroo rakkina isaatti yommuu inni gargaarsaaf iyyu,Namni nama caccabe* rukutu tokko illee hin jiru.+
25 Ani warra rakkina keessatti kufaniif hin boonyee?
Hiyyeessaaf hoo hin gaddinee?+
26 Wanta gaarii kanan abdadhe taʼus, wanta hamaatu dhufe;Ifa kanan eeggadhe taʼus, dukkanatu dhufe.
27 Jeequmsi keessa koo jiru hin dhaabbatu;Guyyoonni rakkinaa natti dhufaniiru.
28 Dukkana keessa asii fi achi nan deema;+ ifni aduus hin jiru.
Yaaʼii keessatti kaʼee gargaarsaaf nan iyya.
29 Ani obboleessa sardiidotaa nan taʼe,Michuu guchiilees nan taʼe.+
30 Gogaan koo gurraachaʼee na irraa quncaʼeera;+Lafeen koos hoʼaan* kan kaʼe gubateera.
31 Baganaan koo gaddaaf,Ululleen* koos sagalee booʼichaatiif qofa fayyada.
Miiljaleewwan
^ Jechuunis, muka gaggabaabaa gobbatee biqilu.
^ Ykn., “lageen gogaa.”
^ Kal., “garafamanii ariʼamaniiru.”
^ Kal., “mammaaksa.”
^ Kal., “wadaroo iddaa kootii waan laaffiseef.”
^ Ykn., “luugama hiikkatu.”
^ Ykn tarii, “Kan isaan gargaarus.”
^ Ykn., “Lubbuun koo duʼuuf jetti.”
^ Kal., “Lafeewwan koo halkan urataniiru.”
^ Ykn tarii, “Rakkinni koo cimaa taʼuu isaatiin kan kaʼe bifa koo balleesseera.”
^ Ykn tarii, “caccabsitee na bulleessite.”
^ Kal., “tuullaa diiggaa.”
^ Ykn tarii, “dhaqna gubaadhaan.”
^ Ykn., “Faaggaan.”