Iyyoob 33:1-33
33 “Yaa Iyyoob, amma maaloo dubbii koo dhagaʼi,Wantan jedhu hundumaas dhaggeeffadhu.
2 Maaloo na dhaggeeffadhu, afaan koo nan banadha,Arrabni koo* haa dubbatu.
3 Dubbiin koo qajeelummaa garaa kootii ni labsa,+Afaan koos wantan beeku qulqullummaadhaan ni hima.
4 Hafuura Waaqayyootu na tolche,+Hafuura Isa Hundumaa Dandaʼu sanaatu gara jireenyaatti na fide.+
5 Yoo dandeesse deebii naaf kenni;Falmii kee na duratti dhiheeffadhu, iddoo kee qabadhu.
6 Kunoo, Waaqa dhugaa duratti anis akkuma kee ti;Anis suphee irraan tolfame.+
7 Kanaafuu, na sodaattee hin jeeqamin,Dhiibbaan ani si irratti godhus abdii si hin kutachiisin.
8 Ati garuu utuma ani si dhagaʼuu dubbatteetta,Eeyyee, ani dubbii kana yeroo baayʼee dhagaʼeera:
9 ‘Ani qulqulluu dha, balleessaa hin qabu;+Ani qulqulluu dha, dogoggora hin qabu.+
10 Waaqayyo garuu na mormuuf sababa barbaada;Akka diina isaatti na ilaala.+
11 Miila koo jirma gidduu galcha;Daandii koo hundumaas of eeggannoodhaan qora.’+
12 Garuu kana jechuun kee sirrii miti; kanaafuu, ani akkana jedheen siif deebisa:
Waaqayyo nama duʼu irra guddaa ni caala.+
13 Isa irratti kan gungumtu maaliifi?+
Inni dubbii kee hundumaatiif deebii waan hin kennineefii?+
14 Waaqayyo irra deddeebiʼee ni dubbata,Garuu namni xiyyeeffannaa kennu hin jiru,
15 Abjuudhaan, mulʼata halkaniitiinis,+Yeroo namoonni hirriba cimaa keessa jiranitti,Utuma isaan siree isaanii irra ciisaa jiranii ni dubbata.
16 Gurra isaanii ni bana,+Qajeelfama isaas isaan hubachiisa,*
17 Kanas kan godhu, dogoggora irraa nama deebisuuf,+Boonuu irraas nama eeguufi.+
18 Waaqayyo lubbuu* isaa boolla* irraa,+Jireenya isaas goraadeedhaan* baduu irraa ni oolcha.
19 Kana malees namni dhukkubbii siree isaa irratti isatti dhagaʼamuun,Dhiphina utuu wal irraa hin citin lafee isaa irra gaʼuunis ni adabama,
20 Kanaan kan kaʼes, eenyummaan isaa* soorata ni balfa,Inni* nyaata gaarii illee ni jibba.+
21 Foon isaa ija namaa duraa badeera,Lafeen isaa inni dhokatee tures amma alatti baʼeera.*
22 Lubbuun* isaa boollatti,*Jireenyi isaas warra duʼa fidanitti dhihaateera.
23 Wanta qajeelaa taʼe namatti akka himuuf,Ergamaan* tokko,Kumaatama keessaas abukaatoon tokko utuu jiraatee,
24 Silaa Waaqayyo isa deggeree akkana jedha ture:‘Gara boollaatti* gad buʼuu irraa isa oolchi!+
Ani furii isaaf argadheera!+
25 Foon isaa isa yeroo dargaggummaa isaa caalaa haa haaromu;*+Jabina bara dargaggummaa isaatti qabuttis haa deebiʼu.’+
26 Inni Waaqa ni kadhata,+ innis ofitti isa simata,Ililchuudhaanis fuula isaa ni arga,Waaqayyos qajeelummaa isaa nama duʼuuf deebisee ni kenna.
27 Namichis akkana jedhee namootaaf labsa:*‘Ani cubbuu hojjedheera,+ wanta sirrii taʼes jalʼiseera,Garuu wanta naaf malu hin arganne.*
28 Gara boollaatti* akka gad hin buune inni lubbuu* koo oolcheera,+Jireenyi koos ifa ni arga.’
29 Dhuguma iyyuu Waaqayyo, siʼa lama, siʼa sadiisWantoota kana hundumaa namaaf godheera,
30 Kanas kan godhe inni ifa jireenyaatiin akka gammaduufBoolla* keessaa isa* baasuuf jedhee ti.+
31 Yaa Iyyoob, xiyyeeffannaadhaan na dhaggeeffadhu!
Calluma jedhi, anis dubbachuu koo ittan fufa.
32 Wanta dubbattu yoo qabaatte naaf deebisi.
Sirrii taʼuu kee mirkaneessuu waanan barbaaduuf dubbadhu.
33 Wanta dubbattu hin qabdu taanaan na dhaggeeffadhu;Calluma jedhi, anis ogummaa sin barsiisa.”
Miiljaleewwan
^ Kal., “Arrabni koo laagaa koo wajjin.”
^ Kal., “irratti chaappaa godha.”
^ Ykn., “jireenya.”
^ Ykn., “awwaala.”
^ Ykn., “meeshaa waraanaatiin (meeshaa waraanaa furguggifamuun).”
^ Ykn., “Lubbuun isaa.”
^ Kal., “jireenyi isaa.”
^ Ykn., “saaxilameera.”
^ Ykn., “Jireenyi.”
^ Ykn., “awwaalatti.”
^ Ykn., “Maleekaan.”
^ Ykn., “awwaalaatti.”
^ Ykn., “fayya buleessa haa taʼu.”
^ Kal., “faarfata.”
^ Ykn tarii, “Kun na hin fayyadne.”
^ Ykn., “awwaalaatti.”
^ Ykn., “jireenya.”
^ Ykn., “Awwaala.”
^ Ykn., “lubbuu isaa.”