Iyyoob 39:1-30

  • Uumamni bineensotaa namni wallaalaa taʼuu isaa argisiisa (1-30)

    • Reʼoota gaaraa fi gadamsa (1-4)

    • Harree bosonaa (5-8)

    • Gafarsa (9-12)

    • Guchii (13-18)

    • Farda (19-25)

    • Coroffee fi risaa (26-30)

39  “Yeroo reʼoonni gaaraa itti dhalan beektaa?+ Gadamsi yommuu ilmoolee ishii dhaltu argitee beektaa?+   Jiʼoota isaan rimaa taʼanii dabarsan ni lakkooftaa? Yeroo isaan itti dhalan hoo beektaa?   Isaan yommuu ilmoolee isaanii dhalanitti ni quphanu,Achiis ciniinsuun isaanii ni xumurama.   Ilmooleen isaanii ni cimu, dirree keessattis ni guddatu;Isaan biraa ni deemu; gara isaaniittis hin deebiʼan.   Harree bosonaa* bilisa kan baase eenyu?+ Wadaroo kan isa irraa hiike hoo eenyu?   Ani gammoojjii duwwaa mana isaa,Lafa soogiddaas iddoo jireenyaa isaa nan godhe.   Waca magaalaa ni tuffata,Iyya warra horii oofaniis hin dhagaʼu.   Bakka dheedichaa barbaacha,Biqiltuu magariisa akaakuu hundumaas barbaaddachaa tabba irra joora.   Gafarsi si tajaajiluuf fedhii qabaa?+ Gola fardeenii* kee keessa hoo ni bulaa? 10  Gafarsi sararaan akka siif qotutti wadaroodhaan isa ni hiitaa? Yookiin si hordofee sulula keessa ni qotaa?* 11  Jabina isaa isa guddaatti amanamteeHojii kee isa ulfaataa akka siif hojjetu ni gootaa? 12  Oomisha* kee akka siif fidu isa ni abdattaa? Gara oobdii keetti hoo oomisha kee ni sassaabaa? 13  Qoochoon* guchii gammachuudhaan walitti ni rukutama,Garuu qoochoo fi baalleen ishii kan allaattii awwaannisaa+ wajjin wal gituu dandaʼaa? 14  Ishiin hanqaaquu ishii lafa irratti buusti,Akka itti hoʼuufis biyyoo keessa keessi. 15  Miilli tokko isaan buruqsuu akka dandaʼuYookiin bineensi bosonaa irra ejjechuu akka dandaʼu ni dagatti. 16  Akka waan isaan kan ishii hin taanetti cuucota ishiitti garaa jabaatti;+Dhamaatiin koo lafatti baduu dandaʼa jettee hin yaaddoftu. 17  Sababiin isaas, Waaqayyo ogummaa ishii dhowwateera,*Hubannaa irraas qooda akka qabaattu hin goone. 18  Taʼus, yommuu kaatee qoochoo ishii walitti rukuttu,Fardaa fi abbaa fardaatti kolfiti. 19  Fardaaf jabina kan kenne siʼii?+ Gama* hurgufamuun morma isaa ni uwwistaa? 20  Akka awwaannisaatti akka utaalu hoo gochuu ni dandeessaa? Simboon himimsa isaa baayʼee nama sodaachisa.+ 21  Inni sulula keessatti laficha ni dhidhiita, humna guddaadhaanis ni utaala;+Gara waraanaatti ni fiiga.*+ 22  Sodaatti ni kolfa, wanta tokko illees hin sodaatu.+ Goraadee sodaatee duubatti hin deebiʼu. 23  Korojoon xiyyaa isatti kililcha,Eeboo fi bodeenis* isatti calaqqisa. 24  Gammachuudhaan hurgufamaa gara fuulduraatti fiiga,*Sagalee xurumbaa* yommuu dhagaʼu iddoo tokko dhaabbachuu hin dandaʼu.* 25  Yommuu xurumbaan afuufamu, ‘Ishoo!’ jedha. Fagoodhaa foolii waraanaa fuunfata,Iyya injifannoo ajajjoota raayyaa waraanaa fi iyya waraanaa ni dhagaʼa.+ 26  Coroffeen qoochoo ishii gara kibbaatti diriirsiteeKan barristu hubannaa keetiinii? 27  Yookiin risaan gara oliitti kan barristu,+Manʼee ishiis ol gubbaatti kan ijaarrattu,+ 28  Hallayyaa irra kan bultu,Dahoo ishii isa kattaa jabaa* irratti argamu keessa kan jiraattu ajaja keetiinii? 29  Ishiin achi teessee nyaata barbaaddatti,+Ijji ishiis fagootti arga. 30  Cuuciin ishii dhiiga xuuxxi,Bakka raqni jiru hundatti ishiin achitti argamti.”+

Miiljaleewwan

Harree bosonaa Ingiliffaan onaagar jedhamu kan argisiisu dha.
Ykn., “Bidiruu.”
Ykn., “bungulloo siif ni garagalchaa?”
Kal., “Sanyii.”
Jechuunis, goflaan.
Kal., “irraanfachiiseera.”
Rifeensa gateettii kotte duudaa irratti argamu argisiisa.
Kal., “Gara meeshaa waraanaatti gad ni baʼa.”
Jechuunis, eeboo xinnoo.
Kal., “lafa liqimsa.”
Ykn., “fiinoo,” jechuunis, xurumbaa gaanfa irraa hojjetamu.
Ykn tarii, “hin amanu.”
Kal., “ilkaan kattaa.”