Iyyoob 40:1-24
40 Yihowaan akkana jedhee Iyyoobiif deebii kennuu isaa itti fufe:
2 “Inni dogoggora funaanu Isa Hundumaa Dandaʼu morkachuu qabaa?+
Inni Waaqa komachuu barbaadu deebii haa kennu.”+
3 Iyyoobis akkana jedhee Yihowaadhaaf deebii kenne:
4 “Kunoo, ani nama gatii hin qabne dha.+
Maalan siif deebisuu dandaʼa ree?
Afaan koo nan qabadha.+
5 Ani takkaa dubbadheera, garuu lammata deebii hin kennu;Siʼa lamas dubbadheera, garuu kana booda homaa hin jedhu.”
6 Achiis Yihowaan obomboleettii keessaa akkana jedhee Iyyoobiif deebii kenne:+
7 “Maaloo, akka dhiiraatti mudhii kee hidhadhu,Ani sin gaafadha, atis naaf deebista.+
8 Haqa koo ni shakkitaa?*
Ati sirrii taʼuu akka dandeessuuf ana ni ceephaataa?+
9 Irree cimaa kan akka Waaqa dhugaa qabdaa?+
Yookiin sagaleen kee akka kan isaatiitti kakawweessaʼuu dandaʼaa?+
10 Maaloo, ulfinaa fi guddinaan of miidhagsi,Kabajaa fi simboos uffadhu.
11 Aarii kee isa cimaa taʼe gadhiisi,Isa of tuulu hundumaa ilaali, gadis isa buusi.
12 Isa of tuulu hundumaa ilaali, gadis isa qabi,Hamoota bakkuma dhaabbatanitti dhidhiiti.
13 Hunda isaanii biyyoo keessa dhoksi,Iddoo dhokataa keessattis isaan* hidhi,
14 Achiis harki kee mirgaa si oolchuu akka dandaʼu illeeAni sin beeksisa.*
15 Behemoot* isa ani akkuman si tolchetti tolche sana ilaali.
Inni akkuma qotiyyootti marga dheeda.
16 Jabina mudhii isaa keessa jiru,Humna maashaalee garaa isaa keessa jirus ilaali!
17 Inni eegee isaa akkuma gaattiraatti ni cimsa,Ribuun luka isaa walitti foʼamaa dha.
18 Lafeen isaa ujummoo sibiila diimaa ti,Harkii fi miilli isaas akkuma ulee sibiila tumamuu ti.
19 Hojiiwwan Waaqayyoo gidduudhaa inni sadarkaa jalqabaa irra jira,*Goraadee isaatiin itti dhihaachuu kan dandaʼu Uumaa isaa qofa dha.
20 Gaaronni bineensonni bosonaa hundi irra taphatanNyaata isaaf ni biqilchu.
21 Inni biqiltuu bishaan keessatti guddatu jala,Gaaddisa shomboqqoo caffee keessa jiru keessas ni ciisa.
22 Biqiltuun bishaan keessatti guddatu gaaddisa isaa isa irra ni buusa,Alaltuun sululaas* isatti ni marsa.
23 Lagni yoo jeeqame inni hin naʼu.
Lagni Yordaanos+ afaan isaatti yoo rukutame iyyuu inni homaa hin sodaatu.
24 Namni utuma inni ilaaluu isa qabuu,Yookiin funyaan isaa hookkoodhaan* uruu dandaʼu jiraa?
Miiljaleewwan
^ Ykn., “gatii ni dhabsiistaa?”
^ Kal., “fuula isaanii.”
^ Ykn., “sin ajaja.”
^ Tarii roobii taʼuu dandaʼa.
^ Kal., “inni kan jalqabaa ti.”
^ Ykn., “laga gogaa.”
^ Kal., “kiyyoodhaan.”