Iyyoob 8:1-22

  • Dubbii Bildaad isa jalqabaa (1-22)

    • Ilmaan Iyyoob cubbuu akka hojjetan dubbate (4)

    • ‘Qulqulluu turte utuu taʼee Waaqayyo si eega ture’ (6)

    • Iyyoob nama Waaqa hin qabne akka taʼe dubbate (13)

8  Achiis Bildaad+ Shuʼaatichi+ akkana jedhee deebise:   “Ati hamma yoomiitti akkanatti dubbatta?+ Dubbiin afaan kee keessaa baʼu bubbee cimaa dha!   Waaqayyo haqa ni jalʼisaa? Yookiin Inni Hundumaa Dandaʼu qajeelummaa ni jalʼisaa?   Ilmaan kee isa irratti cubbuu raawwataniiru yoo taʼe,Inni waan isaan fincilaniif akka adabaman godheera;*   Haa taʼu malee, ati gara Waaqayyootti utuu garagaltee,+Akka garaa sii laafuufis Isa Hundumaa Dandaʼu utuu cimsitee kadhattee,   Akkasumas dhugumaan qulqulluu fi qajeelaa turte utuu taʼee,+Silaa inni xiyyeeffannaa siif ni kenna,*Iddoo kee isa sirriittis si deebisa ture.   Jalqabni kee xinnaa taʼu illee,Egereen kee guddaa ni taʼa.+   Mee dhaloota durii gaafadhu,Wantoota abbootiin isaanii qoratanii bira gaʼaniifis xiyyeeffannaa kenni.+   Nuti kan dhalanne kaleessa waan taʼeef, homaa hin beeknu,Guyyoonni lafa irratti dabarsinus akkuma gaaddisaa ti. 10  Isaan si hin barsiisanii? Wanta beekan hoo sitti hin himanii?* 11  Dhallaadduun lafa caffeen hin jirretti ni guddataa? Shomboqqoon hoo bishaan malee ni guddataa? 12  Isaan utuma hudhaa godhatanii jiranii kutamuu isaanii dura,Biqiltuu kan biraa kam iyyuu dura ni goggogu. 13  Wanti namoota Waaqayyoon irraanfatan hundumaa irra gaʼu* kana dha;Sababiin isaas, abdiin nama Waaqa hin qabnee* ni bada; 14  Wanti inni amanatu gatii hin qabu,Wanti inni itti amanamus akkuma mana sarariitii dadhabaa dha. 15  Inni mana isaatti ni hirkata, taʼus manichi hin dhaabbatu;Inni cimsee isa qabuuf ni yaala, taʼus manichi ni kufa. 16  Inni biqiltuu jiidhaa ifa aduu keessa jiru dha,Dameewwan isaas iddoo biqiltuu keessatti ni babalʼatu.+ 17  Hiddawwan isaa tuullaa dhagaa keessatti walitti xaxamu;Inni dhagoota gidduutti mana barbaaddata.* 18  Yommuu iddoo isaatii buqqifamu* garuu,Iddoon sun, ‘Ani matumaa si argee hin beeku’ jedhee isa gana.+ 19  Eeyyee, inni akka kanatti ni bada;*+Achiis warri kaan awwaaricha keessaa ni biqilu. 20  Waaqayyo dhugumaan warra amanamummaa isaanii eegan* hin gatu;Nama hamaas hin deggeru.* 21  Inni ammas akka kolfitu,Akka ililchitus ni godha. 22  Warri si jibban salphina uffatu,Dunkaanni hamootaas ni bada.”

Miiljaleewwan

Kal., “Inni harka fincila isaaniitti isaan ergeera.”
Ykn., “ofii isaa siif ni kaasa.”
Kal., “Jechoota garaa isaanii keessa jiran hin baasanii?”
Kal., “Daandiiwwan warra Waaqayyoon irraanfatanii.”
Ykn., “gantuu.”
Ykn., “Inni mana dhagaa ni ilaala.”
Ykn., “liqimfamu.”
Ykn., “karaan isaa kan mancaʼu akka kanaani.”
Ykn., “warra balleessaa hin qabne.”
Kal., “harka isaa hin qabu.”