Kitaaba Izraa 10:1-44

  • Haadhotii manaa biyya ormaa geggeessuuf kakuu galame (1-14)

  • Haadhotiin manaa biyya ormaa ni geggeeffaman (15-44)

10  Izraan mana Waaqa dhugaa duratti gombifamee booʼaa, kadhachaa+ fi cubbuu isaa himachaa utuu jiruu, namoonni hedduun jechuunis, dhiironni, dubartoonnii fi ijoolleen Israaʼelota taʼan naannoo isaatti walitti ni qabaman; sabichis garmalee booʼaa ture.  Achiis ilmaan Eelaam+ keessaa ilma Yehiʼel+ kan taʼe Shekaaniyaan Izraadhaan akkana jedhe: “Nuti saboota biyyattii keessaa dubartoota biyya ormaa fuudhuudhaan* Waaqa keenyaaf amanamoo utuu hin taʼin hafneerra.+ Kun taʼus, Israaʼel amma iyyuu abdii qaba.  Amma, qajeelfama Yihowaa fi qajeelfama warra ajaja Waaqa keenyaatiif kabaja qabanii*+ wajjin haala wal simuun, haadhotii manaa keenyaa fi ijoollee isaan irraa dhalatan hundumaa geggeessuuf Waaqa keenyaa wajjin kakuu haa gallu.+ Akka Seerichi jedhuttis tarkaanfii haa fudhannu.  Dhimmi kun itti gaafatamummaa kee waan taʼeef kaʼi; nutis sii wajjin jirra. Jabaadhu, tarkaanfiis fudhadhu.”  Yeroo kanatti Izraan kaʼee, ajajjoonni lubootaa fi Leewwotaa, akkasumas guutummaan Israaʼel wanta jedhame raawwachuuf akka kakatan ni godhe.+ Isaanis ni kakatan.  Yeroo kanatti Izraan mana Waaqa dhugaa fuulduraa kaʼee gara kutaa* Yehohaanaan isa ilma Eliyaashiib taʼetti deeme. Namoonni boojiʼaman sun amanamoo utuu hin taʼin hafuu isaaniitiin kan kaʼe gaddaa waan tureef, achi kan deeme taʼus, nyaata hin nyaanne, bishaanis hin dhugne.+  Achiis isaan warri duraan boojiʼamanii turan hundi Yerusaalemitti akka walitti qabamaniif guutummaa Yihudaa fi Yerusaalem keessatti labsii ni labsan;  akka bulchitoonnii fi jaarsoliin murteessanitti, namni guyyaa sadii keessatti hin dhufne qabeenyi isaa hundi ni saamama;* innis gumii namoota boojiʼamanii turan keessaa ni ariʼama.+  Kanaafuu, namoonni Yihudaa fi namoonni Biiniyaam hundi guyyaa sadii keessatti, jechuunis jiʼa saglaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa 20ffaatti Yerusaalemitti walitti ni qabaman. Namoonni sun hundi mooraa mana Waaqa dhugaa keessa taaʼanii turan; dhimma cimaa sanaa fi bokkaa cimaa roobaa tureen kan kaʼes hollachaa turan. 10  Achiis Izraan lubichi kaʼee akkana isaaniin jedhe: “Isin dubartoota biyya ormaa fuudhuudhaan+ amanamoo utuu hin taʼin haftaniittu; kanaan kan kaʼes, yakka Israaʼel irratti yakka dabaltaniittu. 11  Ammas cubbuu keessan Yihowaa isa Waaqa abbootii keessanii taʼetti himadhaa; fedhii isaas raawwadhaa. Saboota biyyattii fi haadhotii manaa biyya ormaa kana irraas adda of baasaa.”+ 12  Yeroo kanatti guutummaan gumichaa sagalee isaanii ol kaasanii akkana jedhanii deebisan: “Akkuma ati jette gochuun dirqama keenya dha. 13  Haa taʼu malee, namoonni kun baayʼee dha; yeroon isaas waqtii roobaa ti. Ala dhaabbachuun hin dandaʼamu; nuti dhimma kana ilaalchisee Waaqayyo irratti cubbuu guddaa waan hojjenneef, dhimmi kun guyyaa tokko yookiin guyyaa lama qofa kan fudhatu miti. 14  Kanaafuu, maaloo bulchitoonni keenya guutummaa gumichaa bakka haa buʼan;+ dheekkamsi Waaqa keenyaa inni bobaʼaan sababii dhimma kanaatiin nutti dhufe hamma nu irraa deebiʼutti, namoonni magaalota keenyaa warri dubartoota biyya ormaa fuudhan hundi jaarsolii fi abbootii murtii magaalota hundumaa wajjin yeroo murteeffametti haa dhufan.” 15  Haa taʼu malee, Yonaataan ilmi Asaahelii fi Yaahzeyaan ilmi Tiquwaa wanta kana ni morman; Meshulaamii fi Shaabetaay+ warri Leewwota taʼanis isaan ni deggeran. 16  Warri duraan boojiʼamanii turan garuu wanta irratti walii galame ni raawwatan; Izraan lubichii fi dura buutonni manneen abbootii isaanii warri maqaadhaan galmeeffaman hundis jiʼa kurnaffaa keessaa guyyaa jalqabaatti dhimma kana qorachuuf kophaatti walitti ni qabaman; 17  jiʼa tokkoffaa keessaa guyyaa jalqabaattis isaan haala dhiirota dubartoota biyya ormaa fuudhan hundumaa qoratanii xumuran. 18  Ilmaan lubootaa tokko tokkos dubartoota biyya ormaa fuudhanii akka turan ni hubatame:+ ilmaan Yeshuwaa+ keessaa, ilma Yehozaadaaqii fi obboloota isaa kan taʼan Maaʼaaseyaa, Eliiʼezar, Yaariibii fi Gedaaliyaa. 19  Haa taʼu malee, isaan haadhotii manaa isaanii geggeessuuf waadaa galan;* yakka waan raawwataniifis yakka isaaniitiif bushaayee* isaanii keessaa korbeessa hoolaa tokko ni dhiheessan.+ 20  Ilmaan Iimer+ keessaa, Hanaanii fi Zebaadiyaa; 21  ilmaan Hariim+ keessaa, Maaʼaaseyaa, Eeliyaas, Shemaayaa, Yehiʼelii fi Ooziyaa; 22  ilmaan Paashuur+ keessaa, Eliyoʼenaay, Maaʼaaseyaa, Ishmaaʼel, Naataaniʼel, Yozaabaadii fi Elʼaasaa. 23  Leewwota keessaa, Yozaabaad, Shimeʼii, Qelaayaa (jechuunis Qeliixaa), Petaahiyaa, Yihudaa fi Eliiʼezar; 24  faarfattoota keessaa Eliyaashiib; karra eegdota keessaa, Shaalum, Teleemii fi Uurii. 25  Saba Israaʼel keessaa, ilmaan Paarosh+ keessaa, Raamiyaa, Yiziiyaa, Maalkiyaa, Miyaamiin, Eleʼazaar, Maalkiyaa fi Benaayaa; 26  ilmaan Eelaam+ keessaa, Maataaniyaa, Zakkaariyaas, Yehiʼel,+ Abdii, Yeremootii fi Eeliyaas; 27  ilmaan Zaatuu+ keessaa, Eliyoʼenaay, Eliyaashiib, Maataaniyaa, Yeremoot, Zaabaadii fi Aziizaa; 28  ilmaan Bebaay+ keessaa, Yehohaanaan, Hanaaniyaa, Zaabaayii fi Atlaay; 29  ilmaan Baanii keessaa, Meshulaam, Maaluuk, Adaayaa, Yaashuub, Sheʼaalii fi Yeremoot; 30  ilmaan Paahaat Moʼaab+ keessaa, Adnaa, Kelaal, Benaayaa, Maaʼaaseyaa, Maataaniyaa, Bezaaliʼel, Binuuyii fi Minaasee; 31  ilmaan Hariim+ keessaa, Eliiʼezar, Yishishiyaa, Maalkiyaa,+ Shemaayaa, Shimeʼon, 32  Biiniyaam, Maaluukii fi Shemaariyaa; 33  ilmaan Hashuum+ keessaa, Maatenaay, Maataataa, Zaabaad, Elifeelet, Yeremaay, Minaasee fi Shimeʼii; 34  ilmaan Baanii keessaa, Maaʼaadaay, Amraam, Uuʼel, 35  Benaayaa, Bediyaa, Keluuhii, 36  Waaniyaa, Meremoot, Eliyaashiib, 37  Maataaniyaa, Maatenaayii fi Yaaʼaasuu; 38  ilmaan Binuuy keessaa, Shimeʼii, 39  Shelemiyaa, Naataan, Adaayaa, 40  Maaknaadebaay, Shaashaay, Shaaraay, 41  Azaarel, Shelemiyaa, Shemaariyaa, 42  Shaalum, Amaariyaa fi Yoseef; 43  ilmaan Neboo keessaa, Yeyiʼel, Maataatiyaa, Zaabaad, Zebinaa, Yaadaay, Yooʼelii fi Benaayaa. 44  Kanneen kun hundi haadhotii manaa biyya ormaa fuudhanii turan;+ isaanis haadhotii manaa isaanii ijoollee isaanii wajjin ni geggeessan.+

Miiljaleewwan

Ykn., “gara manneen keenyaatti fudhachuudhaan.”
Kal., “hollatanii.”
Ykn., “galma nyaataa.”
Ykn., “ittisa jala galfama.”
Kal., “harka isaanii ni kennan.”
Bushaayeen hoolaa fi reʼee argisiisa.