Kitaaba Izraa 4:1-24

  • Hojiin mana qulqullummaa deebisanii ijaaruu mormiin irra gaʼe (1-6)

  • Diinonni mormii isaanii Arxeksis Mootichatti ergatan (7-16)

  • Deebii Arxeksis (17-22)

  • Ijaarsi mana qulqullummaa ni dhaabbate (23, 24)

4  Diinonni Yihudaa fi Biiniyaam+ namoonni boojuudhaa deebiʼan+ Yihowaa Waaqa Israaʼeliif mana qulqullummaa ijaaraa akka jiran yommuu dhagaʼan,  yeruma sana Zarubaabelii fi dura buutota manneen abbootiitti dhihaatanii, “Nutis isinii wajjin haa ijaarru; nuti akkuma keessan Waaqa keessan+ waaqeffanna;* akkasumas bara Eesaar Hadoon+ mootii Asoor isa as nu fide+ irraa jalqabee isaaf aarsaa dhiheessaa turreerra” isaaniin jedhan.  Haa taʼu malee, Zarubaabel, Yeshuwaanii fi dura buutonni manneen abbootii Israaʼel kaan, “Akkuma Qiiros mootiin Faarsi nu ajajetti,+ Yihowaa Waaqa Israaʼeliif mana kan ijaaru nu qofa waan taʼeef, isin mana Waaqa keenyaa ijaaruu irratti nuu wajjin qooda hin qabdan”+ isaaniin jedhan.  Achiis namoonni biyyattii namoota Yihudaa hamilee cabsuu* fi manicha akka hin ijaarre abdii isaan kutachiisuu isaanii itti fufan.+  Guutummaa bara Qiiros mootii Faarsii jalqabee hamma bulchiinsa Daariyos+ mootii Faarsitti, karoora isaanii fashaleessuuf gorsitoota isaanitti bitan.+  Isaan jalqaba bulchiinsa Ahaashwerositti, jiraattota Yihudaa fi Yerusaalem irratti barreeffamaan himata dhiheessan.  Bara Arxeksis mootii Faarsitti, Bishlaam, Mitredaat, Taabeʼelii fi michoonni isaa warri kaan, Arxeksis Mootichaaf xalayaa ni barreessan; xalayichas gara Afaan Aaraamitti+ hiikanii, qubee afaan Aaraamiin barreessan.*  * Rehuum inni dura buʼaa abbaa taayitaa mootummaa taʼee fi Shimshaay inni barreessaa taʼe Yerusaalemiin mormanii akkana jedhanii Arxeksis Mootichaaf xalayaa barreessan:  (Xalayaa kana kan ergan, Rehuum isa dura buʼaa abbaa taayitaa mootummaa taʼe, Shimshaay isa barreessaa taʼe, michoota isaanii warra kaan, abbootii murtii fi bulchitoota gad aanoo, barreessitoota, saba Eereek,+ Baabilonota, jiraattota Susaa,+ jechuunis Eelaamota,+ 10  saboota warra Asnaafar inni guddichii fi kabajamaan boojuudhaan fudhatee magaalota Samaariyaa+ keessa qubachiise kaan, akkasumas namoota naannoo Lagicha* Gamaa keessa jiraatan kaan turan; 11  garagalchiin xalayaa isaaf ergan sanaa kana ture.) “Arxeksis Mootichaaf, tajaajiltoota kee warra naannoo Lagicha Gamaa jiraatan irraa: Ammas 12  Yihudoonni warri si biraa gara keenya dhufan Yerusaalem gaʼuun isaanii mooticha biratti kan beekame haa taʼu. Isaan magaalaa finciltuu fi hamtuu taate sana deebisanii ijaaraa jiru; dallaawwan+ ishii xumuraa jiru; buʼuurawwan ishiis haaressaa jiru. 13  Ammas, magaalaan kun deebitee yoo ijaaramtee fi dallaawwan ishii yoo xumuraman, isaan qaraxa, gibira+ yookiin qaraxa kellaa hin kaffalan; kun immoo maallaqni moototaaf walitti qabamu akka hirʼatu godha. 14  Nuti soogidda mana mootummaa waan nyaannuuf* faayidaan mootichaa yommuu tuqamu callisnee ilaaluun keenya sirrii miti; kanaan kan kaʼes, dhimmi kun mooticha biratti akka beekamuuf dhaamsa kana ergineerra; 15  kanaafuu, kitaaba seenaa abbootii keetii irratti qorannaan haa godhamu.+ Kitaaba seenaa irraas magaalaan kun magaalaa finciltuu, moototaa fi koonyaawwan kan miitu akka taate, bara duriitii jalqabees warri fincila kakaasan ishii keessa akka turan ni hubatta. Magaalaan kun kan balleeffamte kanaaf ture.+ 16  Magaalaan kun deebitee yoo ijaaramtee fi dallaawwan ishii yoo xumuraman, ati naannoo Lagicha Gamaa+ toʼachuu* akka hin dandeenye si beeksisuu barbaanna.” 17  Mootichis Rehuum isa dura buʼaa abbaa taayitaa mootummaa taʼetti, Shimshaay isa barreessaa taʼettii fi michoota isaanii warra Samaariyaa keessa jiraatan kaanitti, akkasumas naannoo Lagicha Gamaa kaanitti dhaamsa akkana jedhu erge: “Nagaan isiniif haa taʼu! Ammas, 18  xalayaan isin nuuf ergitan na duratti ifatti dubbifameera.* 19  Ajaja kootiin qorannaan kan godhame yeroo taʼu, bara duriitii jalqabee magaalattiin mootota irratti fincila kaasaa akka turte, ishii keessattis mormii fi fincilli geggeeffamaa akka ture hubatameera.+ 20  Yerusaalem mootota humna guddaa qabanii fi guutummaa naannoo Lagicha Gamaa bulchan qabdi turte; isaan qaraxa, gibiraa fi qaraxa kellaa ni kaffalchiisu turan. 21  Ammas, hamman ajaja kennutti magaalattiin deebitee akka hin ijaaramneef namoonni kun hojicha akka dhaaban ajaja dabarsaa. 22  Faayidaan mootichaa caalaatti akka hin tuqamnetti+ dhimma kana ilaalchisee tarkaanfii fudhachuu irraa duubatti akka hin jenne of eeggadhaa.” 23  Garagalchiin xalayaa Arxeksis Mootichaa Rehuum, Shimsaay isa barreessaa taʼee fi michoota isaanii duratti erga dubbifamee booda, isaan hatattamaan gara Yerusaalem, gara Yihudootaa dhaqanii dirqisiisanii hojicha isaan dhaabsisan. 24  Hojiin mana Waaqayyoo inni Yerusaalem keessatti argamu kan dhaabbate yeroo kanatti ture; hamma waggaa lammaffaa bulchiinsa Daariyos mootii Faarsittis hojichi bakkuma jirutti ni dhaabbate.+

Miiljaleewwan

Kal., “barbaaddanna.”
Kal., “harka laaffisuu.”
Ykn tarii, “jalqaba irratti Afaan Aaraamiin barreeffame, achiis ni hiikame.”
Iz 4:8 hamma 6:18tti jalqaba irratti kan barreeffame Afaan Aaraamiin ture.
Ykn., “Efraaxis.”
Ykn., “mindaa keenya kan fudhannu mana mootummaa irraa waan taʼeef.”
Kal., “jiru irratti qooda qabaachuu.”
Ykn tarii, “hiikamee dubbifameera.”