Kitaaba Izraa 5:1-17

  • Yihudoonni mana qulqullummaa deebisanii ijaaruu jalqaban (1-5)

  • Xalayaa Taatenaay Daariyos Mootichatti erge (6-17)

5  Sana booda Haageen+ raajichii fi ilma ilma Idoo+ kan taʼe Zakkaariyaas+ raajichi maqaa Waaqa Israaʼel isa isaanii olitti argamuun Yihudoota warra Yihudaa fi Yerusaalem keessa jiranitti raajii dubbatan.  Bara sanatti Zarubaabel+ ilmi Saalaatiʼelii fi Yeshuwaan+ ilmi Yehozaadaaq mana Waaqayyoo isa Yerusaalem keessatti argamu deebisanii ijaaruu jalqaban;+ raajonni Waaqayyoos isaanii wajjin turan; akkasumas isaan ni deggeru turan.+  Yeroo kanatti Taatenaay inni bulchaa naannoo Lagicha* Gamaa taʼee fi Shetaar Bozenaay, akkasumas michoonni isaanii gara isaanii dhufanii, “Mana kana akka ijaartanii fi ijaarsa* kana akka xumurtan eenyutu isin ajaje?” jedhanii isaan gaafatan.  Achiis, “Maqaan namoota mana kana ijaaraa jiranii eenyu?” jedhanii isaan gaafatan.  Haa taʼu malee, Waaqayyo jaarsolii Yihudootaatiif eegumsa gochaa* waan tureef,+ ergaan gara Daariyositti ergamee, xalayaan dhimma kana ilaallatu isa biraa hamma deebiʼutti hojicha isaan dhaabsisuu hin dandeenye.  Garagalchiin xalayaa Taatenaay inni bulchaa naannoo Lagicha Gamaa taʼe, Shetaar Bozenaayii fi michoonni isaa warri bulchitoota gad aanoo naannoo Lagicha Gamaa taʼan, Daariyos Mootichaaf ergan kana ture;  isaan ergaa akkana jedhu barreessanii isaaf ergan: “Daariyos Mootichaaf: “Nagaan siif haa taʼu!  Nuti gara koonyaa Yihudaa gara mana Waaqa isa guddaa akka dhaqne, manichis dhagoota guguddaadhaan ijaaramaa fi girgiddaawwan isaa irra saanqaawwan kaaʼamaa akka jiran mooticha biratti haa beekamu. Namoonni sun hojicha ciminaan hojjechaa jiru; hojichis carraaqqii isaaniitiin saffisaan hojjetamaa jira.  Nutis, ‘Mana kana akka ijaartanii fi ijaarsa* kana akka xumurtan eenyutu isin ajaje?’ jennee jaarsolii isaanii gaafanne.+ 10  Kana malees, maqaa isaanii barreessinee si beeksisuuf, maqaa namoota geggeessitoota taʼanii akka nutti himan isaan gaafannee turre. 11  “Deebiin isaan nuuf kennan kana dha: ‘Nuti tajaajiltoota Waaqa samii fi lafaa ti; mana waggoota hedduu dura ijaarame, isa mootiin Israaʼel inni guddaan ijaaree xumure+ sana deebisnee ijaaraa jirra. 12  Haa taʼu malee, abbootiin keenya Waaqa samiiwwanii waan dheekkamsiisaniif+ inni harka Nebukadnezaar+ mootii Baabilon Kaladichaatti dabarsee isaan kenne; innis mana kana diigee+ sabicha boojuudhaan gara Baabilonitti fudhate.+ 13  Haa taʼu malee, waggaa jalqabaa Qiiros mootii Baabilonitti, Qiiros Mootichi manni Waaqayyoo deebisee akka ijaaramu ajaja kenne.+ 14  Kana malees, Qiiros Mootichi miʼawwan warqii fi meetii mana Waaqayyoo warra Nebukadnezaar mana qulqullummaa Yerusaalem keessaa fudhatee mana qulqullummaa Baabilonitti geesse+ sana mana qulqullummaa Baabilon keessaa ni baase. Miʼawwan kunis namicha Sheshbaazaar*+ jedhamuu fi Qiiros bulchaa+ isa godhetti kennamanii turan. 15  Qiirosis, “Miʼawwan kana fuudhi. Dhaqiitii mana qulqullummaa isa Yerusaalem keessatti argamu keessa kaaʼi; manni Waaqayyoos bakka isaa duriitti deebiʼee haa ijaaramu” isaan jedhe.+ 16  Achiis Sheshbaazaar kun dhufee buʼuura mana Waaqayyoo isa Yerusaalem keessatti argamu ni kaaʼe;+ manichi yeroo sanaa jalqabee hamma ammaatti ijaaramaa kan jiru taʼus hin xumuramne.’+ 17  “Ammas mootichi gaarii fakkaatee yoo isatti mulʼate, manni Waaqayyoo inni Yerusaalem keessatti argamu deebisee akka ijaaramu Qiiros Mootichi ajajuu fi dhiisuu isaa ilaalchisee, mana qabeenyaa* mootichaa isa Baabilon keessatti argamu irratti qorannaan haa godhamu;+ dhimma kana ilaalchisee murtoon mootichi godhes nuuf haa ergamu.”

Miiljaleewwan

Ykn., “Efraaxis.”
Ykn., “baattuuwwan baaxii.”
Kal., “ijji Waaqa isaanii jaarsolii Yihudootaa irra.”
Ykn., “baattuuwwan baaxii.”
Tarii Iz 2:2; 3:8 irratti isa Zarubaabel jedhame taʼuu dandaʼa.
Ykn., “mana galmee.”