Kitaaba Izraa 8:1-36
8 Bara bulchiinsa Arxeksis+ Mootichaatti dura buutonni manneen abbootii isaanii fi galmeen hidda dhalootaa namoota anaa wajjin Baabilon keessaa baʼanii kanneen kana turan:
2 ilmaan Finahaas+ keessaa Geershom; ilmaan Itaamaar+ keessaa Daaniʼel; ilmaan Daawit keessaa Haxuush;
3 ilmaan Shekaaniyaa keessaa, ilmaan Paarosh keessaa Zakkaariyaasii fi dhiirota isaa wajjin galmeeffamanii turan 150;
4 ilmaan Paahaat Moʼaab+ keessaa Eliyahoʼenaay ilma Zeraahiyaa fi dhiirota isaa wajjin turan 200;
5 ilmaan Zaatuu+ keessaa Shekaaniyaa ilma Yaahaaziʼelii fi dhiirota isaa wajjin turan 300;
6 ilmaan Adiin+ keessaa Ebeed ilma Yonaataanii fi dhiirota isaa wajjin turan 50;
7 ilmaan Eelaam+ keessaa Yeshaayaa ilma Ataaliyaa fi dhiirota isaa wajjin turan 70;
8 ilmaan Shefaatiyaa+ keessaa Zebaadiyaa ilma Mikaaʼelii fi dhiirota isaa wajjin turan 80;
9 ilmaan Yoʼaab keessaa Obaadiyaa ilma Yehiʼelii fi dhiirota isaa wajjin turan 218;
10 ilmaan Baanii keessaa Shelomiit ilma Yosiifiyaa fi dhiirota isaa wajjin turan 160;
11 ilmaan Bebaay+ keessaa Zakkaariyaas ilma Bebaayii fi dhiirota isaa wajjin turan 28;
12 ilman Azgaad+ keessaa Yohaanaan ilma Haqaaxaanii fi dhiirota isaa wajjin turan 110;
13 ilmaan Adoniqaam+ warri kan dhumaa taʼan maqaan isaanii kana ture: Elifeelet, Yeyiʼelii fi Shemaayaa, akkasumas dhiirota isaanii wajjin turan 60;
14 ilmaan Bigwaay+ keessaa Uutaayii fi Zaabuud, akkasumas dhiirota isaanii wajjin turan 70.
15 Anis laga gara Ahaawaatti+ yaaʼu biratti walitti isaan nan qabe; guyyaa sadiifis achi buufanne. Haa taʼu malee, sabichaa fi luboota yommuun hubadhee ilaalu, achitti Leewwota keessaa nama tokko illee hin arganne.
16 Kanaafuu, ani Eliiʼezar, Ariʼeel, Shemaayaa, Elnaataan, Yaariib, Elnaataan, Naataan, Zakkaariyaasii fi Meshulaam warra geggeessitoota turan, akkasumas Yoyaariibii fi Elnaataan warra barsiisota turan nan waamsise.
17 Achiis gara Idoo isa bakka Kaasiifiyaa jedhamu keessatti geggeessaa taʼe sanaa akka dhaqan isaan nan ajaje. Idoo fi obboloonni isaa warri tajaajiltoota mana qulqullummaa* taʼanii fi Kaasiifiyaa keessa jiraatan, mana Waaqa keenyaatiif tajaajiltoota akka nuuf fidan akka isaan gaafatan isaanitti nan hime.
18 Harki Waaqa keenyaa inni gaariin nuu wajjin waan tureef, isaan ilmaan Maahlii+ isa ilma ilma Leewwii isa ilma Israaʼel taʼe sanaa keessaa Sherebiyaa+ isa nama hubannaa qabu, akkasumas ilmaan isaa fi obboloota isaa walumaa galatti namoota 18 nuu fidan;
19 kana malees, Hashaabiyaa fi isaa wajjin Meraarota+ keessaa Yeshaayaa, akkasumas obboloota isaa fi ilmaan isaanii walumaa galatti namoota 20 nuu fidan.
20 Tajaajiltoonni mana qulqullummaa* warri Daawitii fi bulchitoonni tajaajila Leewwotaatiif isaan kennan 220 turan; hundi isaaniis maqaadhaan galmeeffamanii turan.
21 Waaqa keenya duratti akka gad of qabnuuf, akkasumas adeemsa keenyaaf, nuuf, ijoollee keenyaa fi qabeenya keenya hundumaatiif isa irraa qajeelfama argachuuf achuma laga Ahaawaa biratti sooma nan labse.
22 Nuti mootichaan, “Harki Waaqa keenyaa inni gaariin warra isa barbaaddatan hundumaa wajjin jira;+ jabinni isaa fi dheekkamsi isaa garuu warra isa dhiisan hundumaa irratti ni dhufa”+ jennee waan turreef, loltootaa fi abbootii fardeenii daandii irratti diinota irraa nu eegan akka nuuf kennu isa gaafachuu nan qaanaʼe.
23 Kanaafuu ni soomne; dhimma kana ilaalchisees Waaqa keenya ni kadhanne; innis kadhannaa keenya ni dhagaʼe.+
24 Yeroo kanatti ani ajajjoota lubootaa keessaa namoota 12, jechuunis Sherebiyaa fi Hashaabiyaa,+ akkasumas obboloota isaanii keessaa namoota kudhan adda nan baase.
25 Achiis meetii, warqii fi miʼawwan, jechuunis buusii mootichi, gorsitoonni isaa, bulchitoonni isaa fi Israaʼelonni achitti argaman hundi mana Waaqa keenyaatiif+ godhan madaalee isaanitti nan kenne.
26 Akka kanaan, wantoota kana madaalee harka isaaniitti isaaniif nan kenne: meetii taalaantii* 650, miʼawwan meetii taalaantii 2 madaalan 100, warqii taalaantii 100,
27 saaniiwwan golboo warqii daarikii* 1,000 madaalan 20, akkasumas miʼawwan sibiila diimaa baʼeessa taʼee fi calaqqisu irraa tolfamanii fi akka warqiitti gatii guddaa qaban 2.
28 Achiis akkana isaaniin nan jedhe: “Isin Yihowaadhaaf qulqulluu dha;+ miʼawwan kunis qulqulluu dha; meetichii fi warqichi immoo kennaawwan Yihowaa isa Waaqa abbootii keessanii taʼeef fedhiidhaan kennamani dha.
29 Yerusaalemitti kutaawwan* mana Yihowaa keessatti+ ajajjoota lubootaa fi Leewwotaa, akkasumas bulchitoota manneen abbootii Israaʼel duratti hamma isaan madaaltanitti of eeggannoodhaan isaan eegaa.”
30 Luboonnii fi Leewwonnis gara Yerusaalem gara mana Waaqa keenyaatti isaan fiduuf, meeticha, warqichaa fi miʼawwan warra isaaniif madaalaman sana ni fudhatan.
31 Dhuma irrattis, jiʼa tokkoffaa+ keessaa guyyaa 12ffaatti gara Yerusaalem deemuuf laga Ahaawaa+ biraa ni kaane; harki Waaqa keenyaa nuu wajjin ture; innis karaa irratti harka diinaa fi warra riphanii nama eeggatan irraa nu oolche.
32 Kanaafuu, gara Yerusaalem dhufnee+ guyyaa sadiif achi teenye.
33 Guyyaa arfaffaattis meeticha, warqichaa fi miʼawwan sana mana Waaqa keenyaa+ keessatti madaallee Meremoot+ ilma Uuriyaa lubichaatti kennine; Eleʼazaar ilmi Finahaas isaanii wajjin ture; Leewwota kan taʼan Yozaabaad+ ilmi Yeshuwaa fi Noʼaadiyaan ilmi Binuuyis+ isaanii wajjin turan.
34 Wanti hundi lakkaaʼamee fi madaalamee kan ture yeroo taʼu, madaalliin isaa hundis galmeeffamee ture.
35 Namoonni duraan boojiʼamanii turanii fi boojuudhaa deebiʼan Waaqa Israaʼeliif aarsaawwan gubaman ni dhiheessan; guutummaa Israaʼeliif qotiyyoo+ 12, korbeeyyii hoolaa+ 96, hoolota xobbaallaa kormaa 77 fi korbeeyyii reʼee+ 12 aarsaa cubbuu godhanii ni dhiheessan; kanneen kun hundi Yihowaadhaaf aarsaa gubamu taʼanii dhihaatan.+
36 Achiis labsii mootichaa+ bulchitoota koonyaa* mootichaattii fi bulchitoota naannoo Lagicha*+ Gamaatti ni kennine; isaanis sabichaa fi mana Waaqa dhugaa ni deggeran.+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “Naataaniim.” Kal., “namoota kennaman.”
^ Ykn., “Naataaniim.” Kal., “Namoonni kennaman.”
^ Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
^ Daarikiin saantima warqii warra Faarsi ture. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
^ Ykn., “galmawwan nyaataa.”
^ Afaan jalqabaatiin maqaan ulfinaa Faarsi kun hiika, “eegdota bulchiinsichaa” jedhu kan qabu yeroo taʼu, as irratti bulchitoota koonyaa Bulchiinsa Faarsi keessatti argaman kan argisiisu dha.
^ Ykn., “Efraaxis.”