Kitaaba Izraa 9:1-15

  • Israaʼel keessatti gaaʼelaan wal makuu (1-4)

  • Kadhannaa Izraan cubbuu himachuuf dhiheesse (5-15)

9  Wantoonni kun akkuma raawwatamaniin, bulchitoonni gara koo dhufanii akkana naan jedhan: “Sabni Israaʼel, akkasumas luboonnii fi Leewwonni saboota biyyoota sanaa fi gochawwan jibbisiisoo+ Kanaʼaanonni, Heetonni, Pheriizonni, Yebuusonni, Amoononni, Moʼaabonni, Gibxoonnii+ fi Amooronni+ raawwatan irraa adda of hin baasne.  Isaan ijoollee durbaa saboota kanaa keessaa tokko tokko fuudhaniiru; ilmaan isaaniis fuusisaniiru.+ Warri sanyii qulqulluu+ taʼan kun saboota biyyoota sanaa wajjin wal makaniiru.+ Bulchitoonnii fi bulchitoonni gad aanoon gama kanaan adda durummaadhaan amanamoo utuu hin taʼin hafaniiru.”  Anis wanta kana akkuman dhagaʼeen, uffata koo fi qoloo koo tarsaasee, rifeensa mataa koo fi areeda koos of irraa ciree naasuudhaan gad nan taaʼe.  Achiis namoonni boojiʼamanii turan amanamoo utuu hin taʼin hafuu isaaniitiin kan kaʼe, namoonni dubbii Waaqa Israaʼeliif kabaja qaban* hundi naannoo kootti walitti ni qabaman; yeroo kanatti hamma aarsaan midhaanii inni galgalaa dhihaatutti+ naasuudhaan nan taaʼe.  Yeroo aarsaan midhaanii inni galgalaa itti dhihaatuttis+ uffanni koo fi qoloon koo akkuma tarsaʼee jirutti, gadda koo irraa nan kaʼe; achiis jilbeenfadhee harka koo gara Waaqa koo Yihowaatti nan diriirse.  Achiis akkanan jedhe: “Yaa Waaqa koo, dogoggorri keenya mataa keenya irratti waan baayʼatee fi yakki keenya hamma samiitti waan tuulameef, yaa Waaqa koo, ani fuula koo gara keetti ol kaasuuf nan qaanaʼe, nan saalfadhes.+  Bara abbootii keenyaatii jalqabee hamma harʼaatti yakki keenya guddaa dha;+ dogoggora keenyaan kan kaʼes, akkuma harʼa arginu kanatti nuti, mootonni keenyaa fi luboonni keenya harka mootota biyyoota kanaatti, goraadeetti,+ boojuutti,+ saamichattii+ fi salphinatti dabarfamnee kennamneerra.+  Haa taʼu malee, warri hafan akka oolan gochuudhaan, akkasumas iddoo isaa isa qulqulluu keessatti bakka tasgabbaaʼaa* nuuf kennuudhaan,+ amma yeroo gabaabaadhaaf Waaqa keenya Yihowaa biraa araarri nuu dhufeera; yaa Waaqa keenya, kanas kan goote ijji keenya akka ifuu fi garbummaa keenya irraa xinnoo akka bayyanannuufi.  Nuti garboota yoo taane iyyuu,+ Waaqni keenya garbummaa keenya keessatti nu hin dhiisne; kanaa mannaa, bayyanannee mana Waaqa keenyaa akka ol kaasnuuf,+ isa diigame deebisnee akka ijaarruuf, akkasumas Yihudaa fi Yerusaalem keessatti dallaa dhagaa* akka argannuuf, mootota Faarsi duratti jaalala isaa isa amanamaa nutti argisiiseera.+ 10  “Yaa Waaqa keenya, kana booda maal jechuu dandeenya? Nuti ajajawwan kee dhiisneerra; 11  ajajawwan ati karaa raajota warra tajaajiltoota kee taʼanii akkana jechuudhaan kennite dhiisneerra: ‘Lafti isin dhaaluuf jettan, xuraaʼummaa saboota biyyoota sanaa fi gochawwan jibbisiisoo warra guutummaatti xuraaʼummaa isaaniitiin ishii guutaniin kan kaʼe xuroofteetti.+ 12  Kanaafuu, ijoollee durbaa keessan ijoollee dhiiraa isaaniitiif hin kenninaa; ijoollee durbaa isaaniis ijoollee dhiiraa keessaniif hin fudhatinaa;+ isin cimaa akka deemtanii fi wanta gaarii lafti sun kennitu akka nyaattaniif, akkasumas ijoollee keessaniif dhaala bara baraa ishii gochuu akka dandeessaniif, nagaa isaanii fi badhaadhina isaanii matumaa hin barbaadinaa.’+ 13  Wantoota gocha hamaa taʼee fi yakka guddaa raawwanneen nutti dhufan kana hundumaa boodas, yaa Waaqa keenya, ati akka dogoggora keenyaatti nu irratti hin murteessine;+ kanaa mannaa, nuti warri as jirru akka oollu heyyamteetta;+ 14  maarree, nuti ammas ajajawwan kee cabsuu fi saboota gochawwan jibbisiisoo kana raawwatanitti gaaʼelaan firoomuu qabnaa?+ Ati hoo namni hafu yookiin namni oolu tokko illee akka dhabamu gochuudhaan guutummaatti hamma nu balleessitutti dheekkamuu hin qabduu? 15  Yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, ati qajeelaa dha;+ nutis badiisa irraa oollee hamma guyyaa harʼaatti lubbuudhaan jirra. Kanaan kan kaʼe, si dura dhaabbachuun kan hin dandaʼamne taʼus, kunoo, nuti yakka keenyaa wajjin si dura jirra.”+

Miiljaleewwan

Kal., “hollatan.”
Kal., “hookkoo.”
Ykn., “dallaa eegumsaa.”