Keessa Deebii 17:1-20
17 “Qotiyyoo yookiin hoolaa mudaa yookiin rakkina akkamii iyyuu qabu Waaqa kee Yihowaadhaaf aarsaa gootee hin dhiheessin; sababiin isaas kun Waaqa kee Yihowaa duratti jibbisiisaa dha.+
2 “Dhiiras taʼe dubartii namni magaalota kee warra Waaqni kee Yihowaan siif kennu kam iyyuu keessatti si gidduu jiraatu tokko wanta Waaqa kee Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwata yookiin kakuu isaa ni cabsa taʼa;+
3 akkasumas karaa irraa goree waaqolii kan biroo ni waaqeffata, isaaniif yookiin aduudhaaf yookiin addeessaaf yookiin raayyaa samii hundumaatiif sagaduudhaan+ wanta ani hin ajajne ni raawwata taʼa.+
4 Dhimmi kun yoo sitti himame yookiin waaʼee isaa yoo dhageesse, dhimmicha akka gaariitti qoradhu. Wanti jibbisiisaan kun Israaʼel keessatti raawwatamuun isaa yoo mirkanaaʼe,+
5 dhiiras taʼe dubartii nama wanta hamaa kana raawwate gara karra magaalattiitti fidi; namni sunis dhagaadhaan tumamee haa ajjeefamu.+
6 Namni duʼuu qabu tokko ragaa* namoonni lama yookiin namoonni sadii dhiheessaniin+ haa ajjeefamu. Namni kun ragaa namni tokko dhiheessuun ajjeefamuu hin qabu.+
7 Isa ajjeesuuf jalqaba ragoonni dhagaadhaan isa haa tuman; sana booda immoo namoonni hundi dhagaadhaan isa haa tuman. Wanta hamaa taʼe of gidduudhaa balleessi.+
8 “Magaalota kee keessaa isa tokko keessatti dhimmi murtii itti kennuuf baayʼee sitti ulfaatu tokko yoo kaʼe, dhimmichis dhiiga dhangalaasuu+ yookiin dhimma seeraa wajjin wal qabate yookiin hammina raawwatame yookiin dhimma falmisiisaa kan biraa yoo taʼe, kaʼiitii gara bakka Waaqni kee Yihowaan filatuu dhaqi.+
9 Leewwota luboota taʼanii fi abbaa murtii+ yeroo sanatti tajaajilu bira dhaqiitii isaan gaafadhu; isaanis murtoo isaa sitti ni himu.+
10 Achiis murtoo isaan bakka Yihowaan filatu irraa sitti himan sana raawwadhu. Qajeelfama isaan siif kennan hundumaa of eeggannoodhaan raawwadhu.
11 Seera isaan sitti argisiisanii fi murtoo isaan sitti himan raawwadhu.+ Murtoo isaan sitti himan irraa gara mirgaatti yookiin gara bitaatti hin jalʼatin.+
12 Namni luba Waaqa kee Yihowaa tajaajilaa jiru yookiin abbaa murtii dhagaʼuu didee gocha of tuulummaa raawwatu haa ajjeefamu.+ Wanta hamaa taʼe Israaʼel keessaa balleessi.+
13 Namoonni hundis kana dhagaʼanii ni sodaatu; sana boodas gocha of tuulummaa hin raawwatan.+
14 “Ati gara biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennutti galtee dhaalaan fudhachuudhaan ishii keessa jiraachuu erga jalqabdee booda, ‘Akkuma saboota naannoo kootti argaman hundumaa anis of irratti mootii nan muuda’ yoo jette,+
15 yeroo kanatti mootii Waaqni kee Yihowaan filatu muuduu qabda.+ Mootii kan muuddu obboloota kee gidduudhaa taʼuu qaba. Nama biyya ormaa obboleessa kee hin taane akka of irratti muuddu siif hin heyyamamu.
16 Haa taʼu malee, mootichi ofii isaatiif fardeen hedduu walitti qabachuu+ yookiin fardeen dabalataa argachuuf sabichi gara biyya Gibxiitti akka deebiʼu gochuu hin qabu;+ sababiin isaas Yihowaan, ‘Isin matumaa lammata karaa kana irra deebiʼuu hin qabdan’ jedheera.
17 Kana malees, garaan isaa karaa irraa akka hin jalʼanneef, haadhotii manaa hedduu fuudhuu hin qabu;+ meetii fi warqii hedduus walitti qabachuu hin qabu.+
18 Teessoo mootummaa isaa irra yommuu taaʼutti, garagalchii Seerichaa isa Leewwota luboota taʼan irraa fudhatame+ kana ofii isaatiif kitaaba* irratti haa garagalfatu.
19 “Innis isa bira haa taaʼu; Waaqa isaa Yihowaa sodaachuu akka baratuuf, akkasumas dubbii Seeraa fi dambiiwwan kana hundumaa raawwachuudhaan akka isaan eeguuf+ bara jireenyaa isaa hundumaatti isa irraa haa dubbisu.+
20 Akkana yoo godhe garaan isaa obboloota isaa irratti hin boonu; ajaja sana irraas gara mirgaatti yookiin gara bitaatti hin goru; kun immoo, innis taʼe ilmaan isaa Israaʼel gidduutti mootummaa isaa irratti yeroo dheeraa akka turan ni godha.