Keessa Deebii 23:1-25

  • Warra gumii Waaqayyootti akka hin seenne dhowwaman (1-8)

  • Qulqullina buufatichaa eeguu (9-14)

  • Garbicha baqatee dhufe (15, 16)

  • Sagaagalummaan dhowwamuu isaa (17, 18)

  • Dhalaan liqeessuu fi wareega (19-23)

  • Wanta namni karaa irra darbu akka nyaatu isaaf heyyamame (24, 25)

23  “Namni cidhaan isaa tumamee kolaafame yookiin namni qaamni saalaa isaa irraa murame kam iyyuu gara gumii Yihowaatti hin seenin.+  “Ilmi diqaalaan gara gumii Yihowaatti hin seenin.+ Hamma dhaloota kurnaffaatti illee sanyii isaa keessaa eenyu iyyuu gara gumii Yihowaatti hin seenin.  “Namni biyya Amoon yookiin namni biyya Moʼaab gara gumii Yihowaatti hin seenin.+ Hamma dhaloota kurnaffaatti illee sanyii isaanii keessaa eenyu iyyuu matumaa gara gumii Yihowaatti hin seenin.  sababiin isaas, isaan yommuu isin biyya Gibxii keessaa baatanii deemaa turtanitti nyaataa fi bishaan isiniif kennuudhaan isin hin gargaarre;+ akkasumas Bala’aam ilmi Be’or inni nama biyya Phetoor ishii Mesophotaamiyaa taʼe akka si abaaru sitti bitaniiru.+  Waaqni kee Yihowaan garuu Balaʼaamiin hin dhageenye.+ Kanaa mannaa, Waaqni kee Yihowaan waan si jaallateef,+ Waaqni kee Yihowaan abaarsicha gara eebbaatti siif jijjiire.+  Atis bara jireenyaa kee hundumaatti matumaa nageenya yookiin badhaadhina isaaniif hin hawwin.+  “Inni obboleessa kee waan taʼeef nama biyya Edoom hin jibbin.+ “Ati biyya isaa keessatti nama biyya ormaa waan turteef, nama biyya Gibxii hin jibbin.+  Ijoollee isaaniif dhalatan keessaa dhaloonni sadaffaan gara gumii Yihowaatti seenuu ni dandaʼu.  “Yommuu diinota keetti marsitutti, wanta hamaa* taʼe akkamii iyyuu of irraa fageessi.+ 10  Dhiirri tokko halkan keessa dhangalaʼaa qaama isaa keessaa yaaʼuun yoo xuraaʼe,+ inni buufaticha keessaa gad haa baʼu; deebiʼees gara buufatichaatti hin seenin. 11  Yommuu galgalaaʼus bishaaniin haa dhiqatu; achiis yommuu aduun lixxu gara buufatichaatti deebiʼuu dandaʼa.+ 12  Buufatichaa alatti iddoo booliitiif bakki tokko adda haa baafamu; atis achi dhaqi. 13  Meeshaawwan kee wajjinis wanta qara qabu qabadhu. Yommuu gad taaʼuuf baatus boolla ittiin qotiitii bobbaa keetti biyyoo deebisi. 14  Sababiin isaas, Waaqni kee Yihowaan si oolchuu fi diinota kee harka keetti dabarsee kennuuf buufata kee keessa ni deddeebiʼa;+ kanaafuu, inni wanta qaanessaa taʼe akkamii iyyuu si keessatti akka hin arginee fi si biraa akka hin deebineef buufanni kee qulqulluu haa taʼu.+ 15  “Garbicha gooftaa isaa jalaa baqatee gara kee dhufe tokko gooftaa isaatti dabarsitee hin kennin. 16  Inni magaalota kee keessaa si gidduutti bakkuma filate tokko jiraachuu ni dandaʼa. Isa hin cunqursin.+ 17  “Ijoollee durbaa Israaʼelotaa keessaa ishiin tam iyyuu sagaagaltuu mana qulqullummaa hin taʼin;+ ijoollee dhiiraa Israaʼelotaa keessaas kam iyyuu sagaagaltuu mana qulqullummaa hin taʼin.+ 18  Gatii dubartii sagaagaltuu taateef kaffalamu yookiin gatii* dhiira sagaagaltuu* taʼeef kaffalamu wareega raawwachuuf gara mana Waaqa kee Yihowaatti hin fidin; sababiin isaas, lamaan isaanii iyyuu Waaqa kee Yihowaa duratti jibbisiisoo dha. 19  “Obboleessa keetiif maallaqa, nyaata yookiin wanta kan biraa yommuu liqeessitu, dhala isa hin kaffalchiisin.+ 20  Nama biyya ormaa dhala kaffalchiisuu ni dandeessa;+ haa taʼu malee, Waaqni kee Yihowaan biyya dhaalaan fudhachuuf jettu keessatti hojii kee hundumaa irratti akka si eebbisuuf+ obboleessa kee dhala hin kaffalchiisin.+ 21  “Waaqa kee Yihowaadhaaf wareega yoo wareegde,+ wareega sana raawwachuuf suuta hin jedhin.+ Sababiin isaas, Waaqni kee Yihowaan dhugumaan wareega sana si irraa ni barbaada; kana gochuu baannaan garuu cubbuu sitti taʼa.+ 22  Haa taʼu malee, wareega wareeguu irraa yoo of qusatte, cubbuudhaan itti hin gaafatamtu.+ 23  Wanta afaan keetiin dubbatte eeguu qabda;+ wareega Waaqa kee Yihowaadhaaf akka aarsaa fedhiidhaan dhihaatuutti afaanuma keetiin wareegdes raawwachuu qabda.+ 24  “Gara maasii wayinii nama tokkootti yoo seente, hamma quuftutti firii wayinii nyaachuu dandeessa; taʼus, korojoo keetti naqachuu hin qabdu.+ 25  “Gara maasii midhaanii nama tokkootti yoo seente, midhaan gaʼe sana harka keetiin cirachuu dandeessa; taʼus, midhaan nama sanaa haamtuudhaan haamuu hin qabdu.+

Miiljaleewwan

Ykn., “xuraaʼaa.”
Ykn., “mindaa.”
Kal., “saree.”