Keessa Deebii 24:1-22

  • Gaaʼelaa fi wal hiikuu (1-5)

  • Lubbuudhaaf kabaja qabaachuu (6-9)

  • Hiyyeessaaf yaaduu (10-18)

  • Seera qaarmii ilaalchisee kenname (19-22)

24  “Namni tokko haadha manaa fuudhee wanta qaanessaa ishii irratti arguu isaatiin kan kaʼe yoo ishiitti gammaduu baate, waraqaa ragaa ishii hiikuu isaa argisiisu barreessee ishiidhaaf erga kennee booda+ mana isaatii ishii haa baasu.+  Ishiinis mana isaatii erga baatee booda deemtee nama kan biraatti heerumuu ni dandeessi.+  Abbaan manaa ishii inni lammaffaanis ishii jibbee,* waraqaa ragaa ishii hiikuu isaa argisiisu barreessee ishiidhaaf erga kennee booda mana isaatii yoo ishii baase yookiin namni lammaffaan ishii fuudhe kun yoo duʼe,  abbaan manaa ishii inni jalqabaa inni mana isaatii ishii baase sun erga ishiin xurooftee booda deebisee akka ishii fuudhu isaaf hin heyyamamu; sababiin isaas, kun wanta Yihowaa duratti jibbisiisaa taʼe dha. Gara biyya Waaqni kee Yihowaan dhaalaan siif kennutti cubbuu hin fidin.  “Namni tokko reefuu kan fuudhe yoo taʼe, raayyaa waraanaa keessa galee tajaajiluu hin qabu; hojiin kan biraan akkamii iyyuus isaaf kennamuu hin qabu. Waggaa tokkoof hojii irraa bilisa taʼee mana isaa taaʼuudhaan haadha manaa isaa haa gammachiisu.+  “Eenyu iyyuu dhagaa daakuu yookiin majii isaa liqiidhaaf qabsiisa godhee hin fudhatin;+ sababiin isaas, akkana gochuun wanta namni tokko ittiin jiraatu* qabsiisa godhanii fudhachuu dha.  “Namni tokko Israaʼelota obboloota isaa taʼan keessaa nama* tokko humnaan qabee fudhachuudhaan yommuu cunqursuu fi yommuu gurguru yoo argame,+ namichi humnaan qabee isa fudhate sun haa ajjeefamu.+ Wanta hamaa taʼe of gidduudhaa balleessi.+  “Dhukkubni nadaayii* yommuu kaʼu, wanta luboonni Leewwota taʼan isin ajajan hundumaa of eeggannoodhaan raawwadhaa.+ Wantuma ani isaan ajaje of eeggannoodhaan raawwadhaa.  Wanta Waaqni kee Yihowaan yommuu biyya Gibxii keessaa baatanii deemaa turtanitti karaa irratti Miiriyaam irratti godhe yaadadhaa.+ 10  “Nama tokkoof wanta akkamii iyyuu yoo liqeessite,+ wanta inni qabsiisa godhee siif kennu isa irraa fudhachuuf gara mana isaatti hin seenin. 11  Ati ala dhaabbadhu; namichi si irraa liqeeffate sunis wanta qabsiisa godhee kennu alatti siif haa fidu. 12  Namichi rakkataa yoo taʼe, wanta inni qabsiisa godhee siif kenne sana of bira hin bulchin.+ 13  Wanta inni qabsiisa godhee siif kenne sana akkuma aduun lixxeen isaaf deebisuu qabda; innis uffata isaa uffatee ni rafa,+ si eebbisas; kunis Waaqa kee Yihowaa duratti akka qajeelummaatti siif lakkaaʼama. 14  “Obboloota kee keessaa tokkos taʼe nama biyya ormaa biyya keetti magaalota* kee keessa jiraatu, nama rakkataa fi hiyyeessa mindeeffamee hojjetu hin gowwoomsin.+ 15  Inni rakkataa waan taʼeef, akkasumas jireenyi* isaa mindaa isaa irratti kan hundaaʼe waan taʼeef, mindaa isaa guyyuma sanatti utuu aduun hin lixin isaaf kenni.+ Taʼuu baannaan inni sitti mufatee gara Yihowaatti ni iyyata; atis cubbuudhaan itti gaafatamta.+ 16  “Wanta ijoolleen godhaniif abbootiin ajjeefamuu hin qaban; wanta abbootiin godhaniifis ijoolleen ajjeefamuu hin qaban.+ Namni tokko cubbuu ofii isaatiif qofa ajjeefamuu qaba.+ 17  “Murtii nama biyya ormaa yookiin mucaa abbaa hin qabnee* hin jalʼisin;+ uffata dubartii abbaan manaa irraa duʼee liqiidhaaf qabsiisa gootee hin fudhatin.+ 18  Atis biyya Gibxii keessatti garbicha akka turtee fi Waaqni kee Yihowaan achii akka si fure yaadadhu.+ Kana akka gootu kanan si ajaju kanaafi. 19  “Maasii kee irraa midhaan kee yommuu haammattu, maasicha keessatti bissii* tokko yoo irraanfatte isa fudhachuuf hin deebiʼin. Waaqni kee Yihowaan wanta gootu hundumaa irratti akka si eebbisuuf,+ bissiin sun nama biyya ormaatiif, mucaa abbaa hin qabnee fi dubartii abbaan manaa irraa duʼeef dhiifamuu qaba.+ 20  “Firii muka ejersaa kee irra jiru yommuu harcaafattu, irra deddeebitee damee isaa irraa hin hurgufin. Wanti achi irratti hafe nama biyya ormaatiif, mucaa abbaa hin qabnee fi dubartii abbaan manaa irraa duʼeef haa taʼu.+ 21  “Maasii wayinii kee irraa firii wayinii yommuu sassaabbattu, isa hafe funaanuuf hin deebiʼin. Nama biyya ormaatiif, mucaa abbaa hin qabnee fi dubartii abbaan manaa irraa duʼeef isa dhiisi. 22  Atis biyya Gibxii keessatti garbicha akka turte yaadadhu. Kana akka gootu kanan si ajaju kanaafi.

Miiljaleewwan

Kal., “tuffatee.”
Ykn., “lubbuu.”
Ykn., “lubbuu.”
Jechi Afaan Ibrootaa “dhukkuba nadaayii” jedhamee hiikame hiika balʼaa kan qabuu fi dhukkuboota gogaa daddarboo taʼan adda addaa kan dabalatu dha. Tarii dhukkuboota uffata irrattii fi mana keessatti argaman kan dabalatu taʼuu dandaʼa.
Kal., “karrawwan.”
Ykn., “lubbuun.”
Ykn., “warri jalaa duʼanii.”
Jechuunis, nadoo ykn ladoo.