Lakkoofsa 15:1-41

  • Seera aarsaawwan ilaalchisee kenname (1-21)

    • Lammii biyyattii fi nama biyya ormaatiif seera tokkotu jira (15, 16)

  • Aarsaawwan cubbuu utuu itti hin yaadin raawwatamuuf dhihaatan (22-29)

  • Adaba namni taʼe jedhee cubbuu raawwatu adabamu (30, 31)

  • Namichi seera Sanbataa cabse ni ajjeefame (32-36)

  • Uffatawwan andaara isaanii irratti foʼaa qabaachuu qabu (37-41)

15  Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe:  “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Isin dhuma irratti gara biyya akka keessa jiraattaniif ani isiniif kennutti yommuu galtan,+  horii keessan yookiin bushaayee keessan keessaa, aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu isa urgaan isaa Yihowaa gammachiisu*+ gootanii dhiheessuuf aarsaa gubamu+ yookiin aarsaa wareega addaa raawwachuuf dhihaatu yookiin aarsaa fedhiidhaan dhihaatu+ yookiin aarsaa ayyaanota keessan warra yeroo murtaaʼetti kabajamanitti dhihaatu+ yommuu dhiheessitan,  namni aarsaa isaa dhiheessu, aarsaa midhaanii daakuu bullaaʼaa+ eefaa* tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko taʼee fi zayitii hiinii* tokko keessaa harka afur keessaa harka tokkoon makame Yihowaadhaaf haa dhiheessu.  Kana malees, ati daadhii wayinii hiinii tokko keessaa harka afur keessaa harka tokko aarsaa dhugaatii gootee aarsaa gubamuu wajjin+ yookiin aarsaa xobbaallaa hoolaa kormaa tokkoo wajjin ni dhiheessita.  Yookiin korbeessa hoolaa tokkoof, aarsaa midhaanii daakuu bullaaʼaa safartuu eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harka lama taʼee fi zayitii hiinii tokko keessaa harka sadii keessaa harka tokkoon makame ni dhiheessita.  Daadhii wayinii hiinii tokko keessaa harka sadii keessaa harka tokko aarsaa dhugaatii urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* gootee ni dhiheessita.  “‘Haa taʼu malee, horii kee keessaa jibicha tokko aarsaa gubamu+ yookiin aarsaa wareega addaa+ raawwachuuf dhihaatu yookiin aarsaa gamtaa gootee Yihowaadhaaf kan dhiheessitu+ yoo taʼe,  jibicha sanaa wajjin aarsaa midhaanii+ daakuu bullaaʼaa eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harka sadii taʼee fi zayitii walakkaa hiinii tokkoon makame dhiheessi. 10  Kana malees, daadhii wayinii walakkaa hiinii tokkoo aarsaa dhugaatii+ ibiddaan dhihaatuu fi urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* gootee ni dhiheessita. 11  Tokkoon tokkoon jibichaatiif yookiin tokkoon tokkoon korbeessa hoolaatiif yookiin tokkoon tokkoon hoolota xobbaallaa kormaatiif yookiin tokkoon tokkoon reʼootaatiif akkanuma ni godhama. 12  Aarsaa gootee kan dhiheessitu baayʼinni isaa hammam iyyuu yoo taʼe, akka lakkoofsa isaaniitti tokkoon tokkoon isaaniitiif akkanuma ni goota. 13  Namni dhalootaan sanyii Israaʼel taʼe kam iyyuu aarsaa ibiddaan dhihaatuu fi urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* akka kanaan haa dhiheessu. 14  “‘Namni biyya ormaa isinii wajjin jiraatu yookiin namni bara dheeraadhaaf isin gidduu jiraachaa ture tokko aarsaa ibiddaan dhihaatuu fi urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* dhiheessuu qaba yoo taʼe, akkuma isin dhiheessitanitti haa dhiheessu.+ 15  Isin warri gumicha keessa jirtanis taʼe namni biyya ormaa isinii wajjin jiraatu dambii tokko ni qabaattu. Kun guutummaa dhaloota keessaniitiif dambii dhaabbataa ni taʼa. Namni biyya ormaa Yihowaa duratti akkuma keessanitti ilaalama.+ 16  Isiniifis taʼe nama biyya ormaa isinii wajjin jiraatuuf seerri tokkoo fi heerri tokko haa jiraatu.’” 17  Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 18  “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Gara biyya ani itti isin fidutti galtanii 19  nyaata biyyattii kam iyyuu yommuu nyaattan,+ Yihowaadhaaf buusii godhaa. 20  Oomisha keessan isa jalqabaa keessaa daakuu* isa jalqabaa+ irraa maxinoo bifa amartiitiin tolfame buusii godhaatii kennaa. Buusii kanas akkuma buusii oobdii dhiheessitanitti dhiheessaa. 21  Guutummaa dhaloota keessanii keessatti oomisha keessan isa jalqabaa keessaa daakuu* isa jalqabaa irraa muraasa buusii godhaatii Yihowaadhaaf kennaa. 22  “‘Isin dogoggora yoo raawwattanii fi ajajawwan Yihowaan Museetti dubbate kana hundumaa, 23  jechuunis ajajawwan Yihowaan karaa Musee kenne hundumaa warra guyyaa Yihowaan ajaja itti kenne irraa jalqabee guutummaa dhaloota keessanii keessatti itti fufan yoo eeguu baattan, 24  kunis kan raawwatame dogoggoraan yoo taʼee fi yaaʼichi kana hin beekne yoo taʼe, guutummaan yaaʼichaa aarsaa gubamuu fi urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* godhee jibicha tokko haa dhiheessu; isaa wajjinis akkuma yeroo hundumaa godhamutti+ aarsaa midhaanii isaa fi aarsaa dhugaatii isaa haa dhiheessu; aarsaa cubbuutiif akka taʼutti immoo xobbaallaa reʼee tokko haa dhiheessu.+ 25  Lubichis guutummaa yaaʼii Israaʼeliif araara ni argamsiisa; kun dogoggoraan waan raawwatameef, isaanis aarsaa ibiddaan dhihaatuu fi urgaan isaa Yihowaa gammachiisu waan dhiheessaniif, akkasumas dogoggora isaaniitiif aarsaa cubbuu isaanii Yihowaa duratti waan dhiheessaniif dhiifamni isaaniif ni godhama.+ 26  Kun wanta guutummaan sabichaa dogoggoraan raawwate waan taʼeef, guutummaa yaaʼii Israaʼeliifis taʼe nama biyya ormaa isaan gidduu jiraatuuf dhiifamni ni godhama. 27  “‘Namni* kam iyyuu dogoggoraan cubbuu yoo hojjete, aarsaa cubbuutiif reʼee goromtii gara waggaa tokkoo taate takka haa dhiheessu.+ 28  Namichi utuu itti hin yaadin Yihowaa duratti cubbuu hojjechuudhaan dogoggora raawwate sun araara akka argatuuf, lubichi araara isaaf ni argamsiisa; cubbuun isaas isaaf ni dhiifama.+ 29  Wanta utuu itti hin yaadin raawwatamee wajjin haala wal qabateen, Israaʼelotaafis taʼe nama biyya ormaa isaan gidduu jiraatuuf seerri tokko haa jiraatu.+ 30  “‘Haa taʼu malee, isin keessaas taʼe nama biyya ormaa keessaa namni* tokko taʼe jedhee cubbuu yoo raawwate,+ namni sun Yihowaa waan arrabseef saba isaa gidduudhaa haa balleeffamu.* 31  Inni dubbii Yihowaa waan tuffateef, akkasumas ajaja isaa waan cabseef, namni* sun mamii tokko malee haa balleeffamu.+ Balleessaan isaa isuma irra ni taʼa.’”+ 32  Israaʼelonni utuma lafa onaa keessa jiranii namni tokko guyyaa Sanbataatti utuu qoraan funaanuu argan.+ 33  Namoonni utuu inni qoraan funaanuu isa argan sunis gara Musee, gara Aaronii fi gara guutummaa yaaʼichaatti isa fidan. 34  Wanti isa irratti raawwatamuu qabu waan hin beekamneef toʼannaa jala akka turu isa godhan.+ 35  Yihowaanis Museedhaan, “Namichi mamii tokko malee haa ajjeefamu;+ guutummaan yaaʼichaas buufatichaa alatti dhagaadhaan isa haa tumu”+ jedhe. 36  Kanaafuu, akkuma Yihowaan Musee ajajetti guutummaan yaaʼichaa buufatichaa alatti isa baasee hamma inni duʼutti namicha dhagaadhaan ni tume. 37  Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 38  “Israaʼelonni guutummaa dhaloota isaanii keessatti andaara uffata isaanii irratti foʼaa akka tolfatan isaanitti himi; foʼaa andaara uffata isaaniitii olittis foʼaa bifa cuquliisaa tokko haa godhan.+ 39  ‘Isin yommuu isa ilaaltanitti ajajawwan Yihowaa hundumaa akka yaadattanii fi akka eegdaniif andaarri uffata keessanii foʼaa kana haa qabaatu.+ Garaa fi ija keessan warra karaa hafuuraa sagaagalummaa raawwachuutti isin geessan hin hordofinaa.+ 40  Ajajni kun kana yaadachuuf isin gargaara; isinis ajajawwan koo hundumaa ni eegdu; Waaqa keessaniifis qulqulluu ni taatu.+ 41  Ani Waaqa keessan Yihowaa isa Waaqa keessan taʼuu koo mirkaneessuuf biyya Gibxii keessaa isin baase dha.+ Ani Waaqa keessan Yihowaa dha.’”+

Miiljaleewwan

Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”
Eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harki tokko 2.2 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Hiiniin tokko 3.67 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”
Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”
Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”
Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”
Kal., “daakuu hin bulloofne.”
Kal., “daakuu hin bulloofne.”
Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”
Ykn., “Lubbuun.”
Ykn., “lubbuun.”
Ykn., “haa ajjeefamu.”
Ykn., “lubbuun.”