Lakkoofsa 25:1-18

  • Cubbuu Israaʼel dubartoota Moʼaabii wajjin raawwate (1-5)

  • Finahaas tarkaanfii ni fudhate (6-18)

25  Israaʼel yommuu Shitiim+ keessa jiraachaa turetti, sabichi dubartoota Moʼaabii wajjin ejja raawwate.+  Dubartoonni sunis sabicha gara aarsaawwan waaqolii isaaniitiif dhiheessanitti ni affeeran;+ sabichis isa irraa nyaachuu fi waaqolii isaaniitiif sagaduu jalqabe.+  Kanaafuu, Israaʼel isaanii wajjin waaqeffannaa Baʼaal isa Pheʼor* irratti ni hirmaate;+ Yihowaanis Israaʼelitti ni dheekkame.  Achiis Yihowaan Museedhaan, “Dheekkamsi Yihowaa inni bobaʼaan Israaʼel irraa akka deebiʼuuf, geggeessitoota* saba kanaa hundumaa fuudhiitii guyyaa saafaa* Yihowaa duratti isaan fannisi” jedhe.  Museenis abbootii murtii Israaʼeliin,+ “Tokkoon tokkoon keessan namoota keessan warra waaqeffannaa Baʼaal isa Pheʼor irratti hirmaatan* ajjeesaa” jedhe.+  Haa taʼu malee yeruma sana, utuma isaan balbala dunkaana walgaʼii duratti booʼaa jiranii, Israaʼelota keessaa namichi tokko Musee fi guutummaan yaaʼii Israaʼel utuma isa ilaalanii dubartii biyya Miidiyaan takka gara obboloota isaatti fidee dhufe.+  Ilma Aaron lubichaa, ilma Eleʼazaar kan taʼe Finahaas+ kana yommuu argu, yeruma sana yaaʼii sana gidduudhaa kaʼee eeboo tokko ni fudhate.  Achiis namicha Israaʼel sana duukaa buʼee gara dunkaanichaatti seenuudhaan lamaan isaanii iyyuu ni waraane; namicha Israaʼel sana ni waraane; dubartittiis waraanee garaa* ishii keessa baase. Yeroo kanatti dhaʼichi Israaʼelota rukutaa ture sun ni dhaabbate.+  Namoonni dhaʼicha sanaan duʼanis walumaa galatti 24,000 turan.+ 10  Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 11  “Ilma Aaron lubichaa, ilma Eleʼazaar kan taʼe Finahaas,+ morkii ana ilaalchisee isaan gidduutti kaʼe hundumaa obsaan bira darbuu dhiisuudhaan dheekkamsa koo saba Israaʼel irraa deebiseera.+ Guutummaatti akka naaf bulan kanan barbaadu taʼus, Israaʼelota haxaaʼee kanan hin balleessine kanaafi.+ 12  Kanaafuu, kakuu nagaa koo akkan isaa wajjin galu itti himaa. 13  Inni morkii Waaqa isaa ilaalchisee kaʼe obsaan waan bira hin darbineef,+ akkasumas saba Israaʼeliif araara waan argamsiiseef, kun isaa fi sanyii isaa isa booda dhufuuf kakuu lubummaa dhaabbataa ni taʼa.”+ 14  Namichi Israaʼel inni dubartii biyya Miidiyaanii wajjin ajjeefame sun maqaan isaa Zimrii jedhama ture; inni ilma Saaluu yeroo taʼu, ajajaa mana abbootii Simiʼoonotaa ture. 15  Maqaan dubartittii biyya Miidiyaan ishii ajjeefamte sanaa Koozbii jedhama ture; ishiin intala Zuur+ yeroo taatu, Zuur biyya Miidiyaan+ keessatti geggeessaa qomoowwan mana abbootii isa tokkoo ture. 16  Boodas Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 17  “Miidiyaanota dhiphisaa; akkasumas isaan rukutaa;+ 18  sababiin isaas, isaan Pheʼoriin kan kaʼe,+ akkasumas intala ajajaa Miidiyaan kan taate obboleettii isaanii Koozbii ishii Pheʼor ishii guyyaa dhaʼichi isin irra gaʼetti+ ajjeefamte+ sanaan kan kaʼe haxxummaadhaan cubbuu akka hojjettan gochuudhaan isin dhiphisaniiru.”

Miiljaleewwan

Ykn., “Pheʼoritti ni maxxane.”
Kal., “mataawwan.”
Kal., “aduu fuulduratti.”
Ykn., “maxxanan.”
Ykn., “qaama hormaataa.”