Lakkoofsa 26:1-65

  • Gosoonni Israaʼel yeroo lammaffaadhaaf ni lakkaaʼaman (1-65)

26  Dhaʼicha sana booda+ Yihowaan Musee fi Eleʼazaar ilma Aaron lubichaatiin akkana jedhe:  “Guutummaa yaaʼii Israaʼel keessaa warra umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe, akka manneen abbootii isaaniitti warra raayyaa waraanaa Israaʼel keessa galanii tajaajiluu dandaʼan hundumaa lakkaaʼaa.”+  Kanaafuu, Musee fi Eleʼazaar+ lubichi gammoojjii Moʼaab+ isa Yerikoo+ gamatti, Yordaanos biratti argamu keessatti akkana isaaniin jedhan:  “Akkuma Yihowaan Musee ajajetti, warra umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe lakkaaʼaa.”+ Yeroo kanatti ilmaan Israaʼel warri biyya Gibxii keessaa baʼan kanneen kana turan:  Ilmi Israaʼel inni angafaa Ruuben+ yeroo taʼu, ilmaan Ruuben+ kanneen kana turan: Hanook keessaa maatii Hanookotaa, Paaluu keessaa maatii Paalotaa,  Hesroon keessaa maatii Hesroonotaa, akkasumas Kaarmii keessaa maatii Kaarmotaa.  Kanneen kun maatiiwwan Ruubenotaa turan; isaan keessaa kan galmeeffaman walumaa galatti 43,730 turan.+  Ilmi Paaluu Eeliyaab ture.  Ilmaan Eeliyaab Nemuʼel, Daataanii fi Abiraam turan. Daataanii fi Abiraam kun bakka buʼoota yaaʼichaa warra yeroo gareen Qoraa+ Yihowaa loletti+ isaanii wajjin taʼuudhaan Musee fi Aaroniin lolan+ sana turan. 10  Achiis lafattiin banamtee* isaan liqimsite. Qoraan immoo yeroo ibiddi namoota 250 nyaatetti deggertoota isaa wajjin ni duʼe.+ Isaanis fakkeenya akeekkachiisaa taʼan.+ 11  Ilmaan Qoraa garuu hin duune.+ 12  Ilmaan Simiʼoon+ akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan: Nemuʼel keessaa maatii Nemuʼelotaa, Yaamiin keessaa maatii Yaamiinotaa, Yaakiin keessaa maatii Yaakiinotaa, 13  Zeeraa keessaa maatii Zeerotaa, akkasumas Shaawul keessaa maatii Shaawulotaa. 14  Maatiiwwan Simiʼoonotaa kanneen kana turan; isaan 22,200 turan.+ 15  Ilmaan Gaad+ akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan: Zefoon keessaa maatii Zefoonotaa, Haagii keessaa maatii Haagotaa, Shuunii keessaa maatii Shuunotaa, 16  Oznii keessaa maatii Oznotaa, Eerii keessaa maatii Eerotaa, 17  Arood keessaa maatii Aroodotaa, akkasumas Ariʼelii keessaa maatii Ariʼelotaa. 18  Maatiiwwan ilmaan Gaad kanneen kana turan; isaan keessaa kan galmeeffaman 40,500 turan.+ 19  Ilmaan Yihudaa+ Eerii fi Onaan+ turan. Haa taʼu malee, Eerii fi Onaan biyya Kanaʼaan keessatti duʼan.+ 20  Ilmaan Yihudaa akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan: Sheelaa+ keessaa maatii Sheelotaa, Faares+ keessaa maatii Faaresotaa, akkasumas Zeeraa+ keessaa maatii Zeerotaa. 21  Ilmaan Faares kanneen kana turan: Hesroon+ keessaa maatii Hesroonotaa, akkasumas Hamuul+ keessaa maatii Hamuulotaa. 22  Maatiiwwan Yihudaa kanneen kana turan; isaan keessaa kan galmeeffaman 76,500 turan.+ 23  Ilmaan Yisaakor+ akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan: Tolaa+ keessaa maatii Tolootaa, Puuwaa keessaa maatii Puuwotaa, 24  Yaashuub keessaa maatii Yaashuubotaa, akkasumas Shimroon keessaa maatii Shimroonotaa. 25  Maatiiwwan Yisaakor kanneen kana turan; isaan keessaa kan galmeeffaman 64,300 turan.+ 26  Ilmaan Zaabiloon+ akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan: Sereed keessaa maatii Sereedotaa, Eloon keessaa maatii Eloonotaa, akkasumas Yaahliʼel keessaa maatii Yaahliʼelotaa. 27  Maatiiwwan Zaabiloonotaa kanneen kana turan; isaan keessaa kan galmeeffaman 60,500 turan.+ 28  Ilmaan Yoseef+ akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan: Minaasee fi Efreem.+ 29  Ilmaan Minaasee+ kanneen kana turan: Maakiir+ keessaa maatii Maakiirotaa, Maakiir Giiliyaadiin dhalche; akkasumas Giiliyaad+ keessaa maatii Giiliyaadotaa. 30  Kanneen kun ilmaan Giiliyaad turan: Iʼezer keessaa maatii Iʼezerotaa, Heleeq keessaa maatii Heleeqotaa, 31  Asriʼeel keessaa maatii Asriʼeelotaa, Sheekem keessaa maatii Sheekemotaa, 32  Shemidaa keessaa maatii Shemidotaa, akkasumas Hefeer keessaa maatii Hefeerotaa. 33  Zelofehaad ilmi Hefeer ijoollee durbaa malee ijoollee dhiiraa hin qabu ture;+ maqaan ijoollee durbaa Zelofehaad+ Maahlaa, Noh, Hoglaa, Miilkaa fi Tirzaa ture. 34  Maatiiwwan Minaasee kanneen kana turan; isaan keessaa kan galmeeffaman 52,700 turan.+ 35  Ilmaan Efreem+ akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan: Shutelaa+ keessaa maatii Shutelotaa, Bekeer keessaa maatii Bekeerotaa, akkasumas Taahaan keessaa maatii Taahaanotaa. 36  Ilmaan Shutelaa kanneen kana turan: Eeraan keessaa maatii Eeraanotaa. 37  Maatiiwwan ilmaan Efreem kanneen kana turan: isaan keessaa kan galmeeffaman 32,500 turan.+ Ilmaan Yoseef akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan. 38  Ilmaan Biiniyaam+ akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan: Beelaa+ keessaa maatii Beelotaa, Ashbeel keessaa maatii Ashbeelotaa, Ahiraam keessaa maatii Ahiraamotaa, 39  Shefufaam keessaa maatii Shefufaamotaa, akkasumas Hufaam keessaa maatii Hufaamotaa. 40  Ilmaan Beelaa Ardii fi Na’amaan turan:+ Ardii keessaa maatii Ardotaa, akkasumas Naʼamaan keessaa maatii Naʼamotaa. 41  Ilmaan Biiniyaam akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan; isaan keessaa kan galmeeffaman 45,600 turan.+ 42  Ilmaan Daan+ akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan: Shuhaam keessaa maatii Shuhaamotaa. Maatiiwwan Daan akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan. 43  Guutummaa maatiiwwan Shuhaamotaa keessaa kan galmeeffaman 64,400 turan.+ 44  Ilmaan Asheer+ akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan: Yimnaa keessaa maatii Yimnotaa, Yishwii keessaa maati Yishwotaa, Beriʼaa keessaa maatii Beriʼotaa, 45  ilmaan Beriʼaa keessaa: Hebeer keessaa maatii Hebeerotaa, akkasumas Maalkiʼel keessaa maatii Maalkiʼelotaa. 46  Maqaan intala Asheer Seeraa ture. 47  Maatiiwwan ilmaan Asheer kanneen kana turan; isaan keessaa kan galmeeffaman 53,400 turan.+ 48  Ilmaan Niftaalem+ akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan: Yaahziʼel keessaa maatii Yaahziʼelotaa, Guunii keessaa maatii Guunotaa, 49  Yezeer keessaa maatii Yezeerotaa, akkasumas Shiilem keessaa maatii Shiilemotaa. 50  Maatiiwwan Niftaalem akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan; isaan keessaa kan galmeeffaman 45,400 turan.+ 51  Israaʼelota keessaa kan galmeeffaman walumaa galatti 601,730 turan.+ 52  Sana booda Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 53  “Akka maqaa maqaadhaan galmeeffamanitti lafattiin dhaalaan namoota kanaaf haa hihiramtu.+ 54  Gareewwan guguddaa taʼaniif dhaala hedduu taʼe kenni; gareewwan xixinnoo taʼaniif immoo dhaala xinnoo taʼe kenni.+ Dhaalli tokkoon tokkoon gareetiif kennamu lakkoofsa warra galmeeffaman sanaa wajjin kan wal gitu haa taʼu. 55  Haa taʼu malee, lafichi carraadhaan hiramuu qaba.+ Isaan akka maqaawwan gosoota abbootii isaaniitti dhaala isaanii haa fudhatan. 56  Dhaalli hundi carraadhaan ni murteeffama; akkasumas gareewwan guguddaa fi gareewwan xixinnaadhaaf ni hihirama.” 57  Leewwota keessaa akka maatii maatii isaaniitti kan galmeeffaman kanneen kana turan:+ Geershon keessaa maatii Geershonotaa, Qehaat+ keessaa maatii Qehaatotaa, akkasumas Meraarii keessaa maatii Meraarotaa. 58  Maatiiwwan Leewwotaa kanneen kana turan: maatii Libnotaa,+ maatii Kebroonotaa,+ maatii Maahlotaa,+ maatii Muushotaa,+ akkasumas maatii Qorootaa.+ Qehaat Amraamiin dhalche.+ 59  Maqaan haadha manaa Amraam Yokebeed+ yeroo taʼu, ishiin intala Leewwii ishii biyya Gibxii keessatti dhalatte dha. Ishiinis Aaronii fi Musee, akkasumas obboleettii isaanii Miiriyaamiin Amraamiif ni deesse.+ 60  Achiis Aaron Naadaabiin, Abihuu, Eleʼazaarii fi Itaamaariin ni dhalche.+ 61  Haa taʼu malee, Naadaabii fi Abihuun Yihowaa duratti ibidda hin heyyamamne waan dhiheessaniif ni duʼan.+ 62  Dhiironni umuriin isaanii jiʼa tokkoo fi isaa ol taʼee galmeeffaman hundi walumaa galatti 23,000 turan.+ Israaʼelota gidduutti dhaalli akkamii iyyuu waan isaaniif hin kennamneef,+ isaan Israaʼelotaa wajjin hin galmeeffamne.+ 63  Kanneen kun warra Musee fi Eleʼazaar lubichi yeroo gammoojjii Moʼaab isa Yerikoo gamatti, Yordaanos biratti argamu keessatti Israaʼelota galmeessanitti galmaaʼan sana dha. 64  Haa taʼu malee, namoota yommuu Musee fi Aaron lubichi lafa onaa Siinaa keessatti Israaʼelota lakkaaʼanii turanitti galmaaʼan keessaa namni tokko illee warra galmaaʼan kana keessatti hin argamu ture.+ 65  Kunis kan taʼe, Yihowaan isaaniin ilaalchisee, “Isaan mamii tokko malee lafa onaa keessatti ni duʼu”+ waan jedheef ture. Kanaafuu, Kaaleb ilma Yofunee fi Iyyaasuu ilma Nuuniin alatti isaan keessaa namni tokko illee hin hafne.+

Miiljaleewwan

Kal., “afaan ishii bantee.”