Lakkoofsa 28:1-31

  • Akkaataa aarsaawwan adda addaa itti dhihaatan (1-31)

    • Aarsaawwan guyyaa guyyaadhaan dhihaatan (1-8)

    • Aarsaawwan guyyaa Sanbataa (9, 10)

    • Aarsaawwan jiʼa jiʼaan dhihaatan (11-15)

    • Aarsaawwan Faasikaa (16-25)

    • Aarsaawwan Ayyaana Torbeewwanii (26-31)

28  Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe:  “Akkana jedhii Israaʼelota ajaji: ‘Aarsaa koo, jechuunis nyaata koo dhiheessuu hin dagatinaa. Aarsaawwan koo warri urgaan isaanii gammachiisuu* fi ibiddaan anaaf dhihaatan yeroo isaaniif ramadametti dhihaachuu qabu.’+  “Akkana isaaniin jedhi: ‘Aarsaan ibiddaan dhihaatu inni isin Yihowaadhaaf dhiheessitan kana dha: yeroo hundumaa guyyaa guyyaadhaan hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko guutan lama.+  Xobbaallaa hoolaa kormaa isa tokko ganama, xobbaallaa hoolaa kormaa isa kan biraa immoo yeroo dimimmisaaʼu* ni dhiheessita;+  kanaa wajjinis daakuu bullaaʼaa eefaa* tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko taʼee fi zayitii ejersa tumame irraa argamu hiinii* tokko keessaa harka afur keessaa harka tokkoon makame aarsaa midhaanii gootee ni dhiheessita.+  Kun akka dambii Gaara Siinaa irratti baʼetti aarsaa yeroo hundumaa dhihaatuu+ fi urgaan isaa gammachiisu,* jechuunis aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu sana dha;  tokkoon tokkoon xobbaallaa hoolaa kormaa sanaa wajjinis aarsaan dhugaatii hiinii tokko keessaa harka afur keessaa harki tokko ni dhihaata.+ Dhugaatii alkoolii kanas Yihowaadhaaf aarsaa dhugaatii godhiitii iddoo qulqulluu irratti dhangalaasi.  Xobbaallaa hoolaa kormaa isa kan biraa immoo yommuu dimimmisaaʼu* ni dhiheessita. Isaa wajjinis aarsaa midhaanii fi aarsaa dhugaatii isa ganama dhihaatuu wajjin wal fakkaatu ni dhiheessita; kanas aarsaa ibiddaan dhihaatuu fi urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* gootee ni dhiheessita.+  “‘Haa taʼu malee, aarsaan guyyaa Sanbataatti+ dhihaatu, hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼanii fi mudaa hin qabne lama, akkasumas aarsaa midhaaniitiif akka taʼutti daakuu bullaaʼaan zayitiidhaan makame safartuu eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harki lama aarsaa dhugaatii wajjin haa dhihaatu. 10  Kun aarsaa gubamu isa Sanbataaf dhihaatu dha; innis aarsaa gubamu isa yeroo hundumaa dhihaatu sanaa fi aarsaa dhugaatii isaa wajjin ni dhihaata.+ 11  “‘Jalqaba jiʼa hundumaatti* jibicha mudaa hin qabne lama, korbeessa hoolaa tokkoo fi hoolota xobbaallaa kormaa mudaa hin qabnee fi waggaa tokko taʼan torba aarsaa gubamu gootanii Yihowaadhaaf ni dhiheessitu;+ 12  tokkoon tokkoon jibicha sanaatiif aarsaa midhaanii+ daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka sadii, korbeessa hoolaa sanaaf aarsaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka lama,+ 13  akkasumas tokkoon tokkoon xobbaallaa hoolaa kormaa sanaaf aarsaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko aarsaa gubamu, jechuunis aarsaa urgaan isaa gammachiisuu*+ fi Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu godhaa dhiheessaa. 14  Jibicha sanaaf daadhii wayinii walakkaa hiinii tokkoo,+ korbeessa hoolaa sanaaf hiinii tokko keessaa harka sadii keessaa harka tokko,+ akkasumas xobbaallaa hoolaa kormaa sanaaf hiinii tokko keessaa harka afur keessaa harka tokko aarsaa dhugaatii isaanii gootanii ni dhiheessitu.+ Kun aarsaa gubamu isa waggaa guutuu jiʼa jiʼaan dhihaatu dha. 15  Kana malees, aarsaa gubamu isa yeroo hundumaa dhihaatuu fi aarsaa dhugaatii isaa sana irratti dabalamee xobbaallaan reʼee tokko aarsaa cubbuu taʼee Yihowaadhaaf haa dhihaatu. 16  “‘Jiʼa isa jalqabaatti, jiʼicha keessaas guyyaa 14ffaatti Faasikaan Yihowaa ni kabajama.+ 17  Jiʼa kana keessaa guyyaa 15ffaatti immoo ayyaanni tokko ni kabajama. Guyyaa torbaaf maxinoon ni nyaatama.+ 18  Guyyaa jalqabaatti walgaʼii qulqulluun ni godhama. Guyyaa kanatti hojii cimaa akkamii iyyuu hin hojjetinaa. 19  Isin jibicha lama, korbeessa hoolaa tokkoo fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan torba aarsaa gubamu isa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu gootanii ni dhiheessitu. Horiiwwan mudaa hin qabne dhiheessaa.+ 20  Isaanii wajjinis aarsaa midhaanii isaanii akka taʼutti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame,+ jibicha sanaaf safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka sadii, korbeessa hoolaa sanaaf immoo safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka lama dhiheessaa. 21  Hoolota xobbaallaa kormaa torban sanaaf tokkoon tokkoon xobbaallaa hoolaa kormaa sanaaf safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko dhiheessaa; 22  kana malees, araara akka isiniif argamsiisuuf aarsaa cubbuutiif reʼee tokko dhiheessaa. 23  Isin aarsaa gubamu isa ganamaa, jechuunis aarsaa isa yeroo hundumaa gubamu sana malees wantoota kana ni dhiheessitu. 24  Haaluma wal fakkaatuun wantoota kana guyyaa guyyaadhaan guyyaa torbaaf akka nyaataatti,* aarsaa ibiddaan dhihaatu isa urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* gootanii ni dhiheessitu. Kunis aarsaa gubamu isa yeroo hundumaa dhihaatu sanaa fi aarsaa dhugaatii isaa wajjin haa dhihaatu. 25  Guyyaa torbaffaatti walgaʼii qulqulluu godhadhaa.+ Guyyaa kanatti hojii cimaa akkamii iyyuu hin hojjetinaa.+ 26  “‘Guyyaa firii jalqaba bilchaateetti,+ jechuunis yeroo kennaa midhaanii isa haaraa Yihowaadhaaf dhiheessitanitti,+ ayyaana torbeewwanii keessaniitti walgaʼii qulqulluu godhadhaa.+ Guyyaa kanatti hojii cimaa akkamii iyyuu hin hojjetinaa.+ 27  Jibicha lama, korbeessa hoolaa tokkoo fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan torba aarsaa gubamu isa urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* gootanii ni dhiheessitu;+ 28  aarsaa midhaanii isaanii akka taʼutti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame, tokkoon tokkoon jibicha sanaatiif safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka sadii, korbeessa hoolaa sanaaf safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka lama, 29  hoolota xobbaallaa kormaa torban sanaaf tokkoon tokkoon xobbaallaa hoolaa kormaa sanaaf safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko dhiheessaa; 30  kana malees, araara akka isiniif argamsiisuuf xobbaallaa reʼee tokko dhiheessaa.+ 31  Isin aarsaa gubamu isa yeroo hundumaa dhihaatuu fi aarsaa midhaanii isaa sana irratti dabaltanii wantoota kana aarsaa dhugaatii isaanii wajjin ni dhiheessitu. Horiiwwan kun mudaa kan hin qabne haa taʼan.+

Miiljaleewwan

Ykn., “garaa ciibsuu; qabbaneessuu.” Kal., “boqochiisuu.”
Kal., “galgaloota lamaan gidduutti.”
Eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harki tokko 2.2 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Hiiniin tokko 3.67 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “garaa ciibsuu; qabbaneessuu.” Kal., “boqochiisuu.”
Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”
Kal., “galgaloota lamaan gidduutti.”
Kal., “jiʼoota keessaniitti.”
Ykn., “garaa ciibsuu; qabbaneessuu.” Kal., “boqochiisuu.”
Kal., “daabbootti.”
Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”
Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”