Lakkoofsa 35:1-34

  • Magaalota Leewwotaaf kennaman (1-8)

  • Magaalota itti baqatan (9-34)

35  Yihowaan itti fufuudhaan gammoojjii Moʼaab isa Yerikoo gamatti, Yordaanos+ biratti argamu keessatti Museedhaan akkana jedhe:  “Israaʼelonni dhaala argatan keessaa magaalota Leewwonni keessa jiraatan,+ akkasumas iddoowwan dheedichaa magaalota sanatti marsanii jiran Leewwotaaf akka kennan isaan ajaji.+  Isaanis magaalota sana keessa ni jiraatu; bakki dheedichaa sunis loon isaaniitiif, qabeenya isaaniitiif, akkasumas horiiwwan isaanii kaan hundaaf ni taʼa.  Bakki dheedichaa magaalota sanaa warri Leewwotaaf kennitan, dallaa magaalattiitti marsee jiru irraa kallattii hundumaatiin dhundhuma* 1,000 kan dheeratu ni taʼa.  Isinis magaalattii gidduutti hambistanii magaalattiidhaa alatti gara bahaatiin dhundhuma 2,000, gara kibbaatiin dhundhuma 2,000, gara dhihaatiin dhundhuma 2,000, gara kaabaatiinis dhundhuma 2,000 ni safartu. Bakki dheedichaa magaalota isaanii kanneen kana ni taʼu.  “Magaalota itti baqatan warra namni nama ajjeese akka itti baqatuuf+ kennitan 6+ fi magaalota kan biroo 42 Leewwotaaf ni kennitu.  Isin walumaa galatti magaalota 48 fi iddoowwan dheedichaa isaanii Leewwotaaf ni kennitu.+  Magaalota kana dhaala Israaʼelotaa irraa fuutanii isaaniif kennitu.+ Garee isa guddaa irraa hedduu, garee isa xinnoo irraa immoo xinnoo fuutu.+ Gareen hundi dhaala fudhatee wajjin haala wal gituun magaalota isaa irraa muraasa Leewwotaaf ni kenna.”  Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 10  “Akkana jedhii Israaʼelotatti dubbadhu: ‘Isin Yordaanosiin ceetanii gara biyya Kanaʼaanitti seenuuf jettu.+ 11  Bakka namni utuu itti hin yaadin nama ajjeese* itti baqatu akka taʼanitti, magaalota itti baqatan taʼanii akka tajaajilaniif magaalota isiniif mijatan filadhaa.+ 12  Magaalonni kun namni nama ajjeese yaaʼicha duratti murtiidhaaf dhihaachuu isaa dura akka hin duunetti,+ magaalota nama haaloo baʼu jalaa itti baqattan isiniif ni taʼu.+ 13  Magaalonni itti baqatan warri isin qopheessitan jaʼan faayidaa kanaaf oolu. 14  Magaalota itti baqatan akka taʼaniif, Yordaanos gamanaan magaalota sadii,+ biyya Kanaʼaan keessattis magaalota sadii+ ni qopheessitu. 15  Magaalonni jaʼan kun Israaʼelotaaf, nama biyya ormaatiif,+ akkasumas qubataa isaan gidduu jiraatuuf, magaalota namni utuu itti hin yaadin nama ajjeese* kam iyyuu baqatee kooluu itti galu ni taʼu.+ 16  “‘Haa taʼu malee, namni sun miʼa sibiilaatiin nama tokko yoo rukutee fi namichi yoo duʼe, namni sun nama lubbuu balleesse dha. Namni lubbuu balleesse sun mamii tokko malee ajjeefamuu qaba.+ 17  Inni dhagaa isa ajjeesuu dandaʼuun yoo isa rukutee fi namichi yoo duʼe, namni sun nama lubbuu balleesse dha. Namni lubbuu balleesse sun mamii tokko malee ajjeefamuu qaba. 18  Namichi meeshaa mukaa isa ajjeesuu dandaʼuun yoo isa rukutee fi namni sunis yoo duʼe, namichi nama lubbuu balleesse dha. Namni lubbuu balleesse sun mamii tokko malee ajjeefamuu qaba. 19  “‘Nama lubbuu balleesse sana kan ajjeesu nama haaloo baʼu dha. Inni yommuu isa argatutti ofuma isaatiin isa ajjeesa. 20  Namni sun isa jibbee isa darbachuu isaatiin yookiin hamminaan kakaʼee* wanta tokko isatti darbachuu isaatiin yoo duʼe+ 21  yookiin isa jibbee harka isaatiin isa rukutuu isaatiin kan kaʼe namichi yoo duʼe, namni isa rukute sun mamii tokko malee ni ajjeefama. Inni nama lubbuu balleesse dha. Namni haaloo baʼu yommuu isa argatutti, nama lubbuu balleesse sana ni ajjeesa. 22  “‘Haa taʼu malee, kan isa darbate utuu itti hin yaadin yoo taʼee fi isa jibbee miti taanaan yookiin wanta tokko kan isatti darbate hamminaan kakaʼee* miti taanaan+ 23  yookiin utuu isa hin argin dhagaa yoo isa irra buusee fi namichi yoo duʼe, taʼus kana kan godhe diina isaa taʼee yookiin isa miidhuu barbaadee miti taanaan, 24  yaaʼichi murtoowwan kanaa wajjin haala wal simuun namicha isa rukutee fi namicha haaloo baʼu sana gidduutti murtii haa kennu.+ 25  Yaaʼichi nama lubbuu balleesse sana harka nama haaloo baʼu sanaa irraa oolchee, gara magaalaa itti baqatan isa namichi itti baqatee ture sanatti isa haa deebisu; namichis hamma lubni ol aanaan inni zayitii qulqulluudhaan dibame+ sun duʼutti achi keessa jiraachuu qaba. 26  “‘Haa taʼu malee, namni lubbuu balleesse sun daangaa magaalaa itti baqatamuu isa itti baqate sana keessaa yoo baʼe, 27  namni haaloo baʼu sunis namicha lubbuu balleesse sana daangaa magaalaa itti baqate sanaa alatti argatee yoo isa ajjeese, namni kun dhiiga isaatiif itti hin gaafatamu. 28  Sababiin isaas, inni hamma lubni ol aanaan duʼutti magaalaa itti baqatamu keessa jiraachuu qaba. Lubni ol aanaan sun erga duʼee booda garuu, namichi lubbuu balleesse sun gara lafa isaatti deebiʼuu ni dandaʼa.+ 29  Iddoowwan jireenyaa keessan hundumaa keessatti guutummaa dhaloota keessaniitiif kun dambii yeroo murtii kennitan hordoftan taʼee ni tajaajila. 30  “‘Namni nama* ajjeese kam iyyuu ragoonni yoo isa irratti ragaa baʼan+ nama lubbuu balleesse waan taʼeef haa ajjeefamu;+ haa taʼu malee, eenyu iyyuu ragaa namni tokko qofti isa irratti baʼuun ajjeefamuu hin qabu. 31  Namni lubbuu balleesse mamii tokko malee ajjeefamuu waan qabuuf, lubbuu nama duʼuu qabu kanaatiif furii hin fudhatinaa.+ 32  Namni magaalaa itti baqatamutti baqate tokko lubni ol aanaan duʼuu isaa dura deebiʼee lafa isaa irra akka jiraatu gochuuf furii hin fudhatinaa. 33  “‘Dhiigni lafattii waan xureessuuf, lafa irra jiraattan hin xureessinaa;+ dhiiga nama dhiiga sana dhangalaase sanaatiin yoo taʼe malee, dhiiga lafa irratti dhangalaʼeef wanti araara argamsiisu hin jiru.+ 34  Ani Yihowaan saba Israaʼel gidduu waanan jiraadhuuf, biyya keessa jiraattan isa ani irra jiraadhu hin xureessinaa.’”+

Miiljaleewwan

Dhundhumni tokko 44.5 cm dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “lubbuu rukute.”
Ykn., “lubbuu rukute.”
Kal., “ciisee eeggachuudhaan.”
Kal., “ciisee eeggachuudhaan.”
Ykn., “lubbuu.”