Lakkoofsa 7:1-89

  • Kennaawwan eebba godoo qulqulluu (1-89)

7  Museen guyyaa godoo qulqulluu sana dhaabee xumuretti,+ miʼawwan isaa hundumaa, iddoo aarsaa, miʼawwan iddoo aarsaa hundumaa+ fi godoo qulqulluu sana ni dibe,+ akkasumas ni qulqulleesse. Wantoota kana yommuu dibee fi yommuu qulqulleessetti,+  ajajjoonni Israaʼel+ warri dura buutota manneen abbootii isaanii taʼan kennaa ni dhiheessan. Ajajjoonni gosootaa warri hojii galmeessuu ol aantummaadhaan toʼachaa turan kun,  gaariiwwan jaʼaa fi qotiyyoowwan 12, jechuunis ajajjoonni lama gaarii tokko, tokkoon tokkoon isaaniis qotiyyoo tokko tokko fidanii kennaa isaanii Yihowaa duratti ni dhiheessan; kennaawwan kanas godoo qulqulluu duratti ni dhiheessan.  Yihowaanis Museedhaan akkana jedhe:  “Tajaajila dunkaana walgaʼiitiif waan oolaniif wantoota kana isaan irraa fuudhi; tokkoon tokkoon isaaniitiif akka hojii hojii isaaniitiif barbaachisuttis Leewwotaaf kenni.”  Kanaafuu, Museen gaariiwwan sanaa fi loon sana fuudhee Leewwotaaf ni kenne.  Akka hojii isaaniitiif barbaachisuttis gaariiwwan lamaa fi qotiyyoowwan afur ilmaan Geershoniif ni kenne;+  achiis akka hojii isaanii isa qajeelfama Itaamaar ilma Aaron lubichaa jala taʼuudhaan hojjetaniif barbaachisutti gaariiwwan afurii fi qotiyyoowwan saddeet ilmaan Meraariitiif ni kenne.+  Haa taʼu malee, hojiin ilmaan Qehaat iddoo qulqulluutti tajaajiluu waan taʼeef,+ akkasumas isaan wantoota qulqulluu taʼan gateettii isaaniitti waan baataniif,+ inni homaa isaaniif hin kennine. 10  Ajajjoonni sun guyyaa iddoon aarsaa itti dibame sanatti eebba+ iddoo aarsaa sanaa irratti kennaa isaanii ni dhiheessan. Yeroo ajajjoonni sun kennaa isaanii iddoo aarsaa duratti dhiheessanitti, 11  Yihowaan Museedhaan, “Guyyoota walitti aananiif, guyyaa guyyaadhaan ajajaan tokko eebba iddoo aarsaa sanaatiif kennaa isaa ni dhiheessa” jedhe. 12  Naʼaasoon+ ilmi Aminaadaab inni gosa Yihudaa keessaa taʼe guyyaa jalqabaatti kennaa isaa ni dhiheesse. 13  Kennaan isaas akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe* sanaatti,+ saanii meetii sheeqilii* 130 madaalu tokko, akkasumas saanii golboo meetii irraa tolfamee fi sheeqilii 70 madaalu tokko ture; saaniiwwan kun lamaan kennaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makameen kan guutaman turan;+ 14  kana malees, xoofoo* warqii sheeqilii 10 madaaluu fi ixaanaan guutame tokko, 15  aarsaa gubamuuf jibicha tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kormaa gara waggaa tokkoo taʼe tokko,+ 16  aarsaa cubbuutiif xobbaallaa reʼee tokko,+ 17  aarsaa gamtaatiif+ immoo loon lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan shan ni dhiheesse. Kennaan Naʼaasoon ilmi Aminaadaab+ dhiheesse kana ture. 18  Guyyaa lammaffaatti Naataaniʼel+ ilmi Zuʼaar inni ajajaa Yisaakor taʼe kennaa ni dhiheesse. 19  Kennaan inni dhiheesses akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe sanaatti,+ saanii meetii sheeqilii 130 madaalu tokko, akkasumas saanii golboo meetii irraa tolfamee fi sheeqilii 70 madaalu tokko ture; saaniiwwan kun lamaan kennaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makameen kan guutaman turan;+ 20  kana malees, xoofoo warqii sheeqilii 10 madaaluu fi ixaanaan guutame tokko, 21  aarsaa gubamuuf jibicha tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kormaa gara waggaa tokkoo taʼe tokko,+ 22  aarsaa cubbuutiif xobbaallaa reʼee tokko,+ 23  aarsaa gamtaatiif+ immoo loon lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan shan ni dhiheesse. Kennaan Naataaniʼel ilmi Zuʼaar dhiheesse kana ture. 24  Guyyaa sadaffaatti Eeliyaab+ ilmi Heloon inni ajajaa ilmaan Zaabiloon taʼe 25  kennaa isaa ni dhiheesse; kennaan inni dhiheesses akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe sanaatti,+ saanii meetii sheeqilii 130 madaalu tokko, akkasumas saanii golboo meetii irraa tolfamee fi sheeqilii 70 madaalu tokko ture; saaniiwwan kun lamaan kennaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makameen kan guutaman turan;+ 26  kana malees, xoofoo warqii sheeqilii 10 madaaluu fi ixaanaan guutame tokko, 27  aarsaa gubamuuf jibicha tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kormaa gara waggaa tokkoo taʼe tokko,+ 28  aarsaa cubbuutiif xobbaallaa reʼee tokko,+ 29  aarsaa gamtaatiif+ immoo loon lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan shan ni dhiheesse. Kennaan Eeliyaab+ ilmi Heloon dhiheesse kana ture. 30  Guyyaa arfaffaatti Elizuur+ ilmi Shedeʼur inni ajajaa ilmaan Ruuben taʼe 31  kennaa isaa ni dhiheesse; kennaan inni dhiheesses, akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe sanaatti,+ saanii meetii sheeqilii 130 madaalu tokko, akkasumas saanii golboo meetii irraa tolfamee fi sheeqilii 70 madaalu tokko ture; saaniiwwan kun lamaan kennaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makameen kan guutaman turan;+ 32  kana malees, xoofoo warqii sheeqilii 10 madaaluu fi ixaanaan guutame tokko, 33  aarsaa gubamuuf jibicha tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kormaa gara waggaa tokkoo taʼe tokko,+ 34  aarsaa cubbuutiif xobbaallaa reʼee tokko,+ 35  aarsaa gamtaatiif+ immoo loon lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan shan ni dhiheesse. Kennaan Elizuur+ ilmi Shedeʼur dhiheesse kana ture. 36  Guyyaa shanaffaatti Shelumiʼel+ ilmi Zurishaadaay inni ajajaa ilmaan Simiʼoon taʼe 37  kennaa isaa ni dhiheesse; kennaan inni dhiheesses, akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe sanaatti,+ saanii meetii sheeqilii 130 madaalu tokko, akkasumas saanii golboo meetii irraa tolfamee fi sheeqilii 70 madaalu tokko ture; saaniiwwan kun lamaan kennaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makameen kan guutaman turan;+ 38  kana malees, xoofoo warqii sheeqilii 10 madaaluu fi ixaanaan guutame tokko, 39  aarsaa gubamuuf jibicha tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kormaa gara waggaa tokkoo taʼe tokko,+ 40  aarsaa cubbuutiif xobbaallaa reʼee tokko,+ 41  aarsaa gamtaatiif+ immoo loon lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan shan ni dhiheesse. Kennaan Shelumiʼel+ ilmi Zurishaadaay dhiheesse kana ture. 42  Guyyaa jaʼaffaatti Eliyaasaaf+ ilmi Dewuʼel inni ajajaa ilmaan Gaad taʼe 43  kennaa isaa ni dhiheesse; kennaan inni dhiheesses, akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe sanaatti,+ saanii meetii sheeqilii 130 madaalu tokko, akkasumas saanii golboo meetii irraa tolfamee fi sheeqilii 70 madaalu tokko ture; saaniiwwan kun lamaan kennaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makameen kan guutaman turan;+ 44  kana malees, xoofoo warqii sheeqilii 10 madaaluu fi ixaanaan guutame tokko, 45  aarsaa gubamuuf jibicha tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kormaa gara waggaa tokkoo taʼe tokko,+ 46  aarsaa cubbuutiif xobbaallaa reʼee tokko,+ 47  aarsaa gamtaatiif+ immoo loon lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan shan ni dhiheesse. Kennaan Eliyaasaaf+ ilmi Dewuʼel dhiheesse kana ture. 48  Guyyaa torbaffaatti Elishaamaan+ ilmi Amihuud inni ajajaa ilmaan Efreem taʼe 49  kennaa isaa ni dhiheesse; kennaan inni dhiheesses, akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe sanaatti,+ saanii meetii sheeqilii 130 madaalu tokko, akkasumas saanii golboo meetii irraa tolfamee fi sheeqilii 70 madaalu tokko ture; saaniiwwan kun lamaan kennaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makameen kan guutaman turan;+ 50  kana malees, xoofoo warqii sheeqilii 10 madaaluu fi ixaanaan guutame tokko, 51  aarsaa gubamuuf jibicha tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kormaa gara waggaa tokkoo taʼe tokko,+ 52  aarsaa cubbuutiif xobbaallaa reʼee tokko,+ 53  aarsaa gamtaatiif+ immoo loon lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan shan ni dhiheesse. Kennaan Elishaamaan+ ilmi Amihuud dhiheesse kana ture. 54  Guyyaa saddeettaffaatti Gamaali’el+ ilmi Pedaazur inni ajajaa ilmaan Minaasee taʼe 55  kennaa isaa ni dhiheesse; kennaan inni dhiheesses, akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe sanaatti,+ saanii meetii sheeqilii 130 madaalu tokko, akkasumas saanii golboo meetii irraa tolfamee fi sheeqilii 70 madaalu tokko ture; saaniiwwan kun lamaan kennaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makameen kan guutaman turan;+ 56  kana malees, xoofoo warqii sheeqilii 10 madaaluu fi ixaanaan guutame tokko, 57  aarsaa gubamuuf jibicha tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kormaa gara waggaa tokkoo taʼe tokko,+ 58  aarsaa cubbuutiif xobbaallaa reʼee tokko,+ 59  aarsaa gamtaatiif+ immoo loon lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan shan ni dhiheesse. Kennaan Gamaaliʼel+ ilmi Pedaazur dhiheesse kana ture. 60  Guyyaa saglaffaatti Abidaan+ ilmi Giidewonii inni ajajaa+ ilmaan Biiniyaam taʼe 61  kennaa isaa ni dhiheesse; kennaan inni dhiheesses, akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe sanaatti,+ saanii meetii sheeqilii 130 madaalu tokko, akkasumas saanii golboo meetii irraa tolfamee fi sheeqilii 70 madaalu tokko ture; saaniiwwan kun lamaan kennaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makameen kan guutaman turan;+ 62  kana malees, xoofoo warqii sheeqilii 10 madaaluu fi ixaanaan guutame tokko, 63  aarsaa gubamuuf jibicha tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kormaa gara waggaa tokkoo taʼe tokko,+ 64  aarsaa cubbuutiif xobbaallaa reʼee tokko,+ 65  aarsaa gamtaatiif+ immoo loon lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan shan ni dhiheesse. Kennaan Abidaan+ ilmi Giidewonii dhiheesse kana ture. 66  Guyyaa kurnaffaatti Ahiʼezer+ ilmi Amishaadaay inni ajajaa ilmaan Daan taʼe 67  kennaa isaa ni dhiheesse; kennaan inni dhiheesses, akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe sanaatti,+ saanii meetii sheeqilii 130 madaalu tokko, akkasumas saanii golboo meetii irraa tolfamee fi sheeqilii 70 madaalu tokko ture; saaniiwwan kun lamaan kennaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makameen kan guutaman turan;+ 68  kana malees, xoofoo warqii sheeqilii 10 madaaluu fi ixaanaan guutame tokko, 69  aarsaa gubamuuf jibicha tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kormaa gara waggaa tokkoo taʼe tokko,+ 70  aarsaa cubbuutiif xobbaallaa reʼee tokko,+ 71  aarsaa gamtaatiif+ immoo loon lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan shan ni dhiheesse. Kennaan Ahiʼezer+ ilmi Amishaadaay dhiheesse kana ture. 72  Guyyaa 11ffaatti Paagiʼel+ ilmi Okraan inni ajajaa ilmaan Asheer taʼe 73  kennaa isaa ni dhiheesse; kennaan inni dhiheesses, akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe sanaatti,+ saanii meetii sheeqilii 130 madaalu tokko, akkasumas saanii golboo meetii irraa tolfamee fi sheeqilii 70 madaalu tokko ture; saaniiwwan kun lamaan kennaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makameen kan guutaman turan;+ 74  kana malees, xoofoo warqii sheeqilii 10 madaaluu fi ixaanaan guutame tokko, 75  aarsaa gubamuuf jibicha tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kormaa gara waggaa tokkoo taʼe tokko,+ 76  aarsaa cubbuutiif xobbaallaa reʼee tokko,+ 77  aarsaa gamtaatiif+ immoo loon lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan shan ni dhiheesse. Kennaan Paagiʼel+ ilmi Okraan dhiheesse kana ture. 78  Guyyaa 12ffaatti Ahiiraan+ ilmi Enaan inni ajajaa ilmaan Niftaalem taʼe 79  kennaa isaa ni dhiheesse; kennaan inni dhiheesses, akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe sanaatti,+ saanii meetii sheeqilii 130 madaalu tokko, akkasumas saanii golboo meetii irraa tolfamee fi sheeqilii 70 madaalu tokko ture; saaniiwwan kun lamaan kennaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makameen kan guutaman turan;+ 80  kana malees, xoofoo warqii sheeqilii 10 madaaluu fi ixaanaan guutame tokko, 81  aarsaa gubamuuf jibicha tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kormaa gara waggaa tokkoo taʼe tokko,+ 82  aarsaa cubbuutiif xobbaallaa reʼee tokko,+ 83  aarsaa gamtaatiif+ immoo loon lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan shan ni dhiheesse. Kennaan Ahiiraan+ ilmi Enaan dhiheesse kana ture. 84  Iddoon aarsaa sun yeroo dibametti kennaan eebba+ iddoo aarsaa sanaatiif ajajjoonni Israaʼel fidan kana ture: saaniiwwan meetii 12, saaniiwwan golboo meetii irraa tolfaman 12, xoofoowwan warqii 12,+ 85  saaniiwwan meetii sun tokkoon tokkoon isaanii sheeqilii 130, saaniiwwan golboon sun immoo tokkoon tokkoon isaanii sheeqilii 70 kan madaalan yeroo taʼu, miʼawwan meetii hundi akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe sanaatti+ walumaa galatti sheeqilii 2,400 taʼu turan; 86  xoofoowwan warqii ixaanaan guutaman 12n tokkoon tokkoon isaanii akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe sanaatti sheeqilii 10 kan madaalan yeroo taʼu, warqiin xoofoowwan sanaa hundi walumaa galatti sheeqilii 120 taʼa ture. 87  Loon aarsaa gubamuuf dhihaatan walumaa galatti jiboota 12, korbeeyyii hoolaa 12, hoolota xobbaallaa kormaa tokkoon tokkoon isaanii waggaa tokko taʼan 12 fi aarsaawwan midhaanii isaanii, akkasumas aarsaa cubbuutiif xobbaallaa reʼee 12 turan; 88  loon aarsaa gamtaatiif dhihaatan walumaa galatti jiboota 24, korbeeyyii hoolaa 60, korbeeyyii reʼee 60 fi hoolota xobbaallaa kormaa tokkoon tokkoon isaanii waggaa tokko taʼan 60 turan. Iddoon aarsaa sun erga dibamee+ booda kennaan eebba+ iddoo aarsaa sanaatiif dhihaate kana ture. 89  Museen Waaqayyoo* wajjin dubbachuuf yeroo gara dunkaana walgaʼiitti seenu+ hundumaatti, qadaada taabota Dhugaa Baatuu sana gubbaa irraa, jechuunis kiruubelota lamaan gidduudhaa+ sagalee isa isaa wajjin dubbatu ni dhagaʼa ture;+ Waaqayyos isaa wajjin ni dubbata ture.

Miiljaleewwan

Ykn., “akka sheeqilii qulqulluu.”
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “saanii golboo xinnoo.”
Kal., “isaa.”