Lallaba 1:1-18

  • Wanti hundi gatii hin qabu (1-11)

    • Lafti bara baraaf jiraatti (4)

    • Marsaan uumamaa itti fufa (5-7)

    • Aduudhaa gaditti wanti haaraan hin jiru (9)

  • Ogummaan namootaa daangaa qaba (12-18)

    • Bubbee duukaa fiiguu (14)

1  Dubbii sassaabdichi*+ ilmi Daawit, mootichi Yerusaalem+ keessa jiru dubbate.   Sassaabdichi akkana jedha: “Homaa gatii hin qabu! Homaa gatii hin qabu! Wanti hundi gatii hin qabu!”+   Namni hojii isaa isa itti dadhabe,Isa aduudhaa gaditti itti dhamaʼe hundumaa irraa buʼaa maalii argata?+   Dhaloonni ni darba, dhaloonni ni dhufa,Lafti garuu bara baraaf jiraatti.*+   Aduun ni baati,* aduun ni lixxi;Achiis gara iddoo deebitee itti baatutti deebiʼuuf ariifatti.*+   Bubbeen gara kibbaatti bubbisa, naannaʼees gara kaabaatti qajeela;Utuu wal irraa hin citin bifa geengootiin ni naannaʼa; bubbeen naannaʼuu isaa ittuma fufa.   Lageen* hundi gara galaanaatti yaaʼu, taʼus galaanichi hin guutu.+ Lageen gara iddoo keessaa yaaʼanitti deebiʼu, isaan yaaʼuu isaanii itti fufuuf achumatti deebiʼu.+   Wanti hundi nuffisiisaa dha;Namni waaʼee isaa dubbachuu dandaʼu illee hin jiru. Ijji ilaaluu hin quufu;Gurris dhagaʼuudhaan hin guutu.   Wanti kanaan dura ture gara fuuldurattis ni taʼa,Wanti kanaan dura raawwatame ammas ni raawwatama;Aduudhaa gaditti wanti haaraan hin jiru.+ 10  Wanti namni tokko waaʼee isaa, “Ilaa, wanta haaraa kana” jechuu dandaʼu jiraa? Wanti sun wanta bara dheeraa dura ture dha;Bara keenya dura iyyuu jira ture. 11  Namni namoota bara durii yaadatu hin jiru;Warra yeroo booda dhufanis kan yaadatu tokko illee hin jiru;Isaanis warra yeroo booda dhufan biratti hin yaadataman.+ 12  Ani sassaabdichi Yerusaalem keessatti Israaʼel irratti mootii nan taʼe.+ 13  Wanta samii jalatti raawwatame hundumaa, jechuunis hojii gaddisiisaa ilmaan namootaa ittiin qabaman isa Waaqayyo isaaniif kenne ogummaadhaan+ qoʼachuu fi qorachuuf nan murteesse.+ 14  Hojii aduudhaa gaditti hojjetame hundumaa nan arge,Kunoo, wanti hundi gatii hin qabu, akkuma bubbee duukaa fiiguu ti.+ 15  Wanti jalʼaan sorooroo taʼuu hin dandaʼu,Wanti hin jirres matumaa lakkaaʼamuu hin dandaʼu. 16  Anis garaa kootti, “Kunoo, namoota na dura Yerusaalem keessa turan hundumaa caalaa ogummaa guddaa nan argadhe;+ garaan koos ogummaa fi beekumsa hedduu ni argate”+ jedheen yaade. 17  Waaʼee ogummaa, waaʼee maraatummaa* fi waaʼee gowwummaa beekuuf nan carraaqe;+ kunis akkuma bubbee duukaa fiiguu ti. 18  Sababiin isaas, ogummaan baayʼachuun isaa gadda baayʼisa,Namni beekumsa dabalu kam iyyuu rakkinas ni dabala.+

Miiljaleewwan

Ykn., “qindeessichi.”
Kal., “dhaabbatti.”
Ykn., “ni ifti.”
Ykn., “harganaa deebiti.”
Ykn., “Lageen gannaa; Lageen waqtii isaaniitti yaaʼan.”
Ykn., “gowwummaa guddaa.”