Lallaba 10:1-20

  • Gowwummaa xinnoon ogummaa balleessa (1)

  • Miidhaa dandeettii dhabuun geessisu (2-11)

  • Haala gaddisiisaa nama gowwaa irra gaʼu (12-15)

  • Gowwummaa bulchitoota gidduu jiru (16-20)

    • Simbirri dubbii kee irra deebitee dubbachuu dandeessi (20)

10  Akkuma tisiisni duʼe urgooftuu dandeettii guddaadhaan qophaaʼe faalee ajeessutti gowwummaa xinnoonis ogummaa fi ulfina ni balleessa.+  Namni ogeessi garaan isaa daandii sirrii taʼe irra isa buusa;* namni gowwaan garuu garaan isaa daandii dogoggora taʼe irra isa buusa.*+  Gowwaan daandii kam irra iyyuu yoo deeme hubannaa* hin qabu;+ namni hundi inni gowwaa taʼuu isaa akka beekus ni godha.+  Bulchaan tokko aariin* isaa yoo si irratti bobaʼe iddoo kee hin gadhiisin;+ sababiin isaas, tasgabbiin cubbuu guddaan akka hirʼatu ni godha.+  Aduu jalatti wanta nama dhiphisu tokko nan arge; kunis dogoggora isa namoonni aangoo irra jiran raawwatan fakkaatu dha:+  Gowwoonni aangoo guguddaa argatu, sooreyyiin* garuu aangoo gad aanaa keessatti hafu.  Ani tajaajiltoonni farda irra yommuu taaʼan, bulchitoonni garuu akkuma tajaajiltootaatti miila isaaniitiin yommuu deeman argeera.+  Namni boolla qotu achi keessatti kufuu dandaʼa;+ namni dallaa dhagaa diigus bofaan hiddamuu dandaʼa.  Namni dhagaa baasu dhagaa sanaan miidhamuu dandaʼa; namni muka falaxus muka sanaan balaadhaaf saaxilamuu dandaʼa.* 10  Meeshaan sibiilaa yoo doome, namnis yoo isa qaruu baate, namichi humna baayʼee fixa. Ogummaan garuu milkaaʼina argachuuf gargaara. 11  Bofti dawweeffamuu isaa dura yoo nama hidde, namni dawweessuu irratti dandeettii qabu* faayidaa hin argatu. 12  Dubbiin afaan ogeessaa keessaa baʼu fudhatama isaaf argamsiisa;+ afaan nama gowwaa garuu badiisa isatti fida.+ 13  Dubbiin jalqaba afaan isaa keessaa baʼu gowwummaa dha;+ dubbiin isaa inni dhumaas maraatummaa badiisa geessisu dha. 14  Taʼus, gowwaan dubbachuu isaa hin dhiisu.+ Namni wanta gara fuulduraatti taʼu hin beeku; maarree wanta isa booda dhufu eenyutu isatti himuu dandaʼa?+ 15  Namni gowwaan hojii cimaa hojjechuun isaa isa butucha; sababiin isaas, inni akkamitti gara magaalattii akka dhaqu illee hin beeku. 16  Biyyi tokko mootiin ishii mucaa xinnoo yoo taʼe,+ bulchitoonni ishiis ganamaan affeerraa irratti kan argaman yoo taʼe haalli ishii akkam nama gaddisiisa! 17  Biyyi tokko mootiin ishii ilmaan guguddootaa keessaa tokko yoo taʼe, bulchitoonni ishiis machaaʼuuf utuu hin taʼin+ jabina argachuuf yeroo sirrii taʼetti kan nyaatanii fi kan dhugan yoo taʼe akkam nama gammachiisa! 18  Dhibaaʼummaa guddaa irraa kan kaʼe baaxiin ni dhooqa; harka hojii hiikeen kan kaʼes manni ni dhimmisa.+ 19  Nyaanni kolfaaf qophaaʼa; daadhiin wayiniis jireenyi akka nama gammachiisu godha;+ maallaqni garuu wanta barbaachisu hundumaa ni guuta.+ 20  Yaada keetti* illee mootii hin abaarin;+ kutaa ciisichaa kee keessattis sooressa hin abaarin; sababiin isaas, simbirri* sagalee* sana dabarsuu dandeessi yookiin uumamni qoochoodhaan* barristu wanta jedhame irra deebitee dubbachuu dandeessi.

Miiljaleewwan

Kal., “karaa mirgaa isaa jira.”
Kal., “karaa bitaa isaa jira.”
Kal., “qalbii.”
Kal., “hafuurri.”
Ykn., “warri gaʼumsa qaban.”
Ykn tarii, “muka sana irraa of eeggachuu qaba.”
Kal., “gooftaan arrabaa.”
Ykn tarii, “Siree kee irratti.”
Kal., “uumamni samii keessa barrisu.”
Ykn., “ergaa.”
Jechuunis, goflaadhaan.