Lallaba 5:1-20

  • Sodaa sirrii taʼeen Waaqatti dhihaachuu (1-7)

  • Warri ol jiran warra isaanii gadi jiran ni ilaalu (8, 9)

  • Qabeenyi gatii hin qabu (10-20)

    • Namoonni maallaqa jaallatan hin quufan (10)

    • Hirribni nama hojjetuu miʼaawaa dha (12)

5  Yommuu gara mana Waaqa dhugaa dhaqxu hundumaatti tarkaanfii kee eeggadhu;+ akkuma gowwoonni godhan aarsaa dhiheessuu mannaa dhagaʼuuf+ dhihaachuu wayya;+ isaan wanti gochaa jiran gaarii akka hin taane hin hubatan.  Afaan keetiin dubbachuuf hin ariifatin; garaan kees ariifatee Waaqa dhugaa duratti akka dubbatu hin godhin;+ sababiin isaas, Waaqni dhugaan samii irra jira, ati garuu lafa irra jirta. Wanti dubbattu muraasa+ taʼuu kan qabu kanaafi.  Abjuun yaaddoo baayʼisuu irraa dhufa,+ oduun nama gowwaas dubbii baayʼisuu irraa dhufa.+  Inni gowwootatti waan hin gammanneef,+ yeroo Waaqayyoof wareega wareegdu hundumaatti wareega kee utuu hin turin raawwadhu.+ Wanta wareegde raawwadhu.+  Wareega wareegdee utuu hin raawwatin hafuu mannaa, utuu wareega wareeguu baattee siif wayya.+  Afaan kee akka cubbuu si* hojjechiisu hin godhin;+ maleekaa* durattis wareegni kee dogoggora akka ture hin dubbatin.+ Wanta dubbatteen kan kaʼe Waaqni dhugaan sitti dheekkamee hojii harka keetii+ akka balleessu maaliif goota?  Akkuma yaaddoo baayʼisuun abjuutti nama geessu,+ dubbii baayʼisuunis gara wanta gatii hin qabneetti nama geessa. Ati garuu Waaqa dhugaa sodaadhu.+  Bulchiinsa keessa jiraattu keessatti hacuuccaa hiyyeessa irra gaʼu akkamii iyyuu, akkasumas haqnii fi qajeelummaan jalʼachuu isaa yoo argite waaʼeen kanaa si hin dinqisiisin.+ Sababiin isaas, kan isa irra caalu abbaa taayitaa ol aanaa sana ni ilaala; warri isaan irra caalan kan biroonis jiru.  Kana malees, buʼaan biyyattii irraa argamu hunda isaaniitiif ni hirama; mootichi illee wanta maasii irraa argamutti fayyadama.+ 10  Namni meetii jaallatu matumaa meetii hin quufu, namni qabeenya jaallatus galii argatu hin quufu.+ Kunis wanta gatii hin qabne dha.+ 11  Wanti gaariin yommuu baayʼatu, warri isa nyaatanis ni baayʼatu.+ Abbaan qabeenyaa garuu ijuma isaatiin ilaaluu malee faayidaa maalii irraa argata?+ 12  Namni tajaajilaa taʼe wanti nyaatu xinnoos taʼe hedduu hirribni isaa miʼaawaa dha; sooressi garuu qabeenyi hedduun inni qabu hirriba isa dhowwa. 13  Ani aduu jalatti wanta baayʼee nama gaddisiisu* nan arge: kunis qabeenya hedduu abbaan qabeenyaa of miidhuuf kuufate dha. 14  Qabeenyi kun wanti hamaan waan irra gaʼeef ni bade; namichi yommuu ilma dhalchus wanta isa dhaalchisu tokko illee hin qabu ture.+ 15  Namni tokko akkuma gadameessa haadha isaa keessaa qullaa isaa baʼetti, qullaa isaa deebiʼee deema.+ Hojii jabaatee hojjete hundumaa irraa wanta fudhatee deemuu dandaʼu tokko illee hin qabu.+ 16  Kunis wanta baayʼee nama gaddisiisu* dha: Inni akkuma dhufetti deebiʼee deema; namni bubbeedhaaf jabaatee hojjetu buʼaa maalii argata ree?+ 17  Kana malees inni abdii kutannaa, dhukkubaa fi aarii guddaadhaan+ guyyaa guyyaatti dukkana keessa taaʼee nyaata. 18  Wanti ani gaarii fi sirrii akka taʼe arge kana dha: kun badhaasa* isaa waan taʼeef, namni tokko umurii gabaabaa Waaqni dhugaan isaaf kennetti nyaachuu fi dhuguu, akkasumas hojii jabaatee hojjechuudhaan aduu jalatti itti dadhabe hundumaa irraa gammachuu argachuu qaba.+ 19  Kana malees, Waaqni dhugaan nama tokkoof badhaadhinaa fi qabeenya,+ akka isaanitti gammaduufis dandeettii yommuu kennu, namni sun badhaasa* isaa fudhachuu fi hojii isaa isa jabaatee hojjetetti gammaduu qaba. Kun kennaa Waaqayyoo ti.+ 20  Waaqni dhugaan namni kun gammachuu garaa isaatiin akka qabamu waan godhuuf, inni umurii isaa isa darbaa jiru matumaa hin hubatu.*+

Miiljaleewwan

Kal., “foon kee.”
Ykn., “ergamaa.”
Ykn., “balaa guddaa.”
Ykn., “balaa guddaa.”
Ykn., “gaʼee.”
Ykn., “gaʼee.”
Ykn., “hin yaadatu.”