Lallaba 6:1-12

  • Badhaadhinni gammachuu malee gatii hin qabu (1-6)

  • Wanta amma qabdutti gammadi (7-12)

6  Wanta baayʼee nama gaddisiisu* kan biraas aduu jalatti nan arge, innis namoota gidduutti wanta barame dha:  Namni wanta hawwe tokko illee akka hin dhabneef* Waaqni dhugaan badhaadhina, qabeenyaa fi ulfina isaaf ni kenna; haa taʼu malee, Waaqni dhugaan namichi akka isaanitti fayyadamu hin godhu; ormi garuu isaanitti ni fayyadama. Kun wanta gatii hin qabnee fi baayʼee nama gaddisiisu dha.  Namni tokko ijoollee dhibba yoo qabaatee fi waggoota hedduu jiraatee yoo dulloome, garuu immoo duʼuu isaa* dura wantoota gaggaarii qabutti hin gammadu taanaan, isa mannaa mucaa duʼee dhalate wayya nan jedha.+  Sababiin isaas, inni gadameessa keessaa kan baʼe akkanumaani, dukkana keessas deemeera; maqaan isaas dukkanaan haguugameera.  Inni matumaa aduu kan hin arginee fi homaa kan hin beekne taʼus, isa duraa irra wayya.*+  Utuu gammachuu hin argatin siʼa lama waggaa kuma jiraachuun faayidaa maalii qaba? Hundi isaanii bakkuma tokko dhaqu+ mitii?  Namni jabaatee kan hojjetu afaan isaa guuttachuuf+ qofa dha; taʼus fedhiin* isaa matumaa hin guutu.  Namni ogeessi nama gowwaa caalaa faayidaa maalii argata?+ Yookiin hiyyeessi akkamitti akka jiraatu beekuun isaa* faayidaa maalii isaaf argamsiisa?  Hawwii ofii duukaa buʼanii jooruu mannaa,* wanta ijji argutti gammaduu wayya. Kunis wanta gatii hin qabne dha; akkuma bubbee duukaa fiiguu ti. 10  Wanti amma jiru, wantuma kanaan dura maqaan isaaf kenname dha; namni maal akka taʼes ni beekama; inni kan isa caalaa humna qabuu wajjin falmuu hin dandaʼu. 11  Dubbiin yommuu baayʼatu, wanti gatii hin qabnes ni baayʼata; kun namaaf faayidaa maalii argamsiisa? 12  Bara jireenyaa isaa isa gabaabaa fi gatii hin qabne, isa akkuma gaaddidduutti darbutti wanta gaarii namni tokko gochuu qabu eenyutu beeka?+ Namni tokko erga duʼee booda wanta aduu jalatti raawwatame isatti himuu kan dandaʼu eenyu?

Miiljaleewwan

Ykn., “Balaa.”
Ykn., “lubbuu isaatti homtuu akka hin hirʼanneef.”
Ykn., “awwaala bira gaʼuu isaa.”
Kal., “caalaa boqonnaa qaba.”
Ykn., “lubbuu.”
Kal., “warra jiraatoo dura deemuun isaa.”
Ykn., “Lubbuun jooruu isaa mannaa.”