Lallaba 7:1-29
7 Maqaa gaariin* zayitii gaarii irra wayya,+ guyyaan duʼaas guyyaa dhalootaa irra wayya.
2 Gara mana cidhaa deemuu irra gara mana gaddaa deemuu wayya;+ sababiin isaas, duuti dhuma nama hundumaa ti; warri lubbuudhaan jiranis kana yaadatti qabachuu qabu.
3 Gaddi fuulaa garaadhaaf gaarii waan taʼeef,+ kolfa irra gadda wayya.+
4 Garaan ogeeyyii mana gaddaa jira; garaan gowwootaa garuu mana gammachuu* jira.+
5 Faarfannaa gowwootaa dhaggeeffachuu irra ifannaa ogeessaa dhaggeeffachuu wayya.+
6 Kolfi nama gowwaa akkuma qoree bobaʼuu fi distii jalaa xaxxaaxaʼuu ti;+ kunis wanta gatii hin qabne dha.
7 Hacuuccaan nama ogeessa maraachuu dandaʼa; mattaʼaanis garaa namaa mancaasa.+
8 Jalqaba wanta tokkoo irra dhuma wanta sanaa wayya. Of tuuluu irra obsuu wayya.+
9 Aariin bobaa gowwootaa jala waan jiruuf,*+ aariidhaaf hin ariifatin.*+
10 “Guyyoonni duraanii warra ammaa irra kan wayyan maaliifi?” hin jedhin. Sababiin isaas, kana gaafachuun kee ati ogeessa akka hin taane argisiisa.+
11 Ogummaan dhaalaa wajjin yommuu argamu, warra ifa guyyaa arganiif* wanta gaarii taʼee fi faayidaa qabu dha.
12 Sababiin isaas, akkuma maallaqni eegumsa argamsiisu,+ ogummaanis eegumsa argamsiisa;+ caalmaan beekumsaa fi ogummaa garuu nama isaan argate lubbuudhaan jiraachisuu isaanii ti.+
13 Hojii Waaqa dhugaa hubadhu; wanta inni jalʼise eenyutu sirreessuu dandaʼa?+
14 Guyyaa gaariitti atis gaarummaa kana argisiisi;+ guyyaa rakkinaatti garuu, namoonni wanta gara fuulduraatti isaan irra gaʼu kam iyyuu ilaalchisee mirkanaaʼoo taʼuu* akka hin dandeenyeef,+ Waaqayyo isa kanas taʼe isa sana akka godhe hubadhu.+
15 Jireenya koo isa gatii hin qabne+ keessatti, nama qajeelaa isa qajeelummaa isaatiin badu+ irraa jalqabee hamma nama hamaa isa utuma wanta hamaa raawwatuu bara dheeraa jiraatuutti+ wanta hundumaa argeera.
16 Garmalee qajeelaa hin taʼin,+ garmalees ogeessa hin taʼin.+ Maaliif badiisa ofitti fidda?+
17 Akka malee hamaa hin taʼin, gowwaas hin taʼin.+ Umurii kee malee maaliif duuta?+
18 Akeekkachiisa isa tokko utuu hin dhiisin, akeekkachiisa isa kan biraa fudhachuun gaarii dha;+ sababiin isaas, namni Waaqayyoon sodaatu lamaan isaanii iyyuu ni eega.
19 Ogummaan, namni ogeessa taʼe tokko namoota ciccimoo magaalaa keessa jiran kudhan caalaa cimaa akka taʼu godha.+
20 Namni qajeelaan yeroo hundumaa wanta gaarii godhuu fi matumaa cubbuu hin hojjenne tokko illee lafa irratti hin argamu.+
21 Wanta namoonni dubbatan hundumaatiif xiyyeeffannaa hin kennin;+ taʼuu baannaan tajaajilaan kee yommuu si abaaru dhagaʼuu dandeessa;
22 sababiin isaas, atumti iyyuu yeroo baayʼee warra kaan akka abaarte garaan kee akka gaariitti beeka.+
23 Wantoota kana hundumaa ogummaadhaan ergan qoree booda, “Ogeessan taʼa” nan jedhe. Taʼus kun humna kootii ol ture.
24 Wanti amma jiru wanta bira hin gaʼamnee fi wanta akka malee gad fagoo taʼe dha. Eenyutu isa hubachuu dandaʼa?+
25 Ani ogummaa fi sababa wanta tokko duuba jiru beekuuf, qorachuu fi qoʼachuuf, akkasumas gowwummaan hammina taʼuu isaa, maraatummaanis gowwummaa taʼuu isaa hubachuuf nan murteesse.+
26 Achiis kana nan hubadhe: Dubartiin akkuma saaphana adamsituu taate, garaan ishii akkuma saaphana qurxummii taʼe, harki ishiis akkuma funcaa mana hidhaa taʼe duʼa caalaa hadhoofti. Namni Waaqa dhugaa gammachiisu ishii jalaa ni miliqa;+ cubbamaan garuu ishiidhaan ni qabama.+
27 Sassaabdichi+ akkana jedha: “Wanti ani hubadhe kana dha. Xumura tokko irra gaʼuuf wanta garaa garaa nan qoradhe;
28 wantan cimsee barbaade garuu hin arganne. Namoota kuma keessaa dhiira* tokko nan argadhe; garuu isaan keessaa dubartii takka illee hin arganne.
29 Wantin hubadhe kana qofa dha: Waaqni dhugaan ilmaan namootaa qajeeloo godhee tolche;+ isaan garuu karoora hedduu qopheeffatan.”+
Miiljaleewwan
^ Kal., “Maqaan.”
^ Ykn., “mana taphaa.”
^ Kal., “aariidhaaf hafuura keetiin hin ariifatin.”
^ Ykn tarii, “mallattoo nama gowwaa waan taʼeef.”
^ Jechuunis, warra lubbuudhaan jiran.
^ Ykn., “beekuu.”
^ Ykn., “dhiira qajeelaa.”