Lallaba 8:1-17

  • Namoota cubbuu dhaalan jalatti buluu (1-17)

    • Ajaja mootichaatiif ajajami (2-4)

    • Namni aangoo qabaachuun isaa miidhaa qaba (9)

    • Hatattamaan murtiin yoo kennamuu baate (11)

    • Nyaadhu, dhugi, gammadis (15)

8  Namni akka nama ogeessa sanaa taʼe eenyu? Namni furmaata rakkina tokkoo* beeku eenyu? Ogummaan, namni tokko fuulli isaa akka ifu, fuulli isaa inni gurraachaʼes akka gammadu godha.  Ani akkanan jedha: “Waaqayyo duratti kakaa waan kakatteef,+ ajaja mootii eegi.+  Fuula isaa duraa deemuuf hin ariifatin.+ Wanta hamaa taʼe kam iyyuu cinaa hin dhaabbatin;+ sababiin isaas, inni wanta barbaade gochuu dandaʼa;  dubbiin mootii utuu hin raawwatamin hin hafu;+ eenyutu, ‘Maal gochaa jirta?’ isaan jechuu dandaʼa?”  Namni ajaja eegu wanti hamaan isa irra hin gaʼu;+ garaan ogeessa taʼes yeroo sirrii fi adeemsa* sirrii beeka.+  Rakkinni ilmaan namootaa baayʼee hedduu waan taʼeef, wanti hundi yeroo fi adeemsa* qaba.+  Wanta gara fuulduraatti taʼu kan beeku waan hin jirreef, wanti sun akkamitti akka raawwatamu eenyutu isatti himuu dandaʼa?  Namni hafuura* irratti aangoo qabu yookiin hafuura ittisuu dandaʼu akkuma hin jirre, namni guyyaa duʼaa irratti aangoo qabus hin jiru.+ Namni kam iyyuu yeroo waraanaatti dhiisee akka deemu akkuma isaaf hin heyyamamne, hamminnis warri wanta hamaa raawwatan akka miliqan isaaniif hin heyyamu.*  Wanta aduu jalatti raawwatame hundumaa beekuuf ergan carraaqee booda, wantoota kana hundumaa hubadheera. Bara hundumaa keessatti namni nama isa kan biraa irratti aangoo kan qabaate isa miidhuuf jedhee ti.+ 10  Kana malees, hamoonni warri gara iddoo qulqulluutti seenaa fi achi keessaa baʼaa turan yommuu awwaalaman nan arge; taʼus isaan magaalaa akkana gochaa itti turan keessatti yeruma sana ni irraanfataman.+ Kunis wanta gatii hin qabne dha. 11  Gocha hamaa irratti hatattamaan murtiin waan hin kennamneef,+ garaan namootaa wanta hamaa raawwachuuf ni onnate.+ 12  Cubbamaan tokko siʼa dhibba wanta hamaa utuma raawwatuu bara dheeraa kan jiraatu taʼus, warri Waaqa dhugaa sodaatan isa sodaachuu isaaniitiin kan kaʼe gaarii akka isaaniif taʼu nan beeka.+ 13  Namni hamaan garuu Waaqayyoon waan hin sodaanneef, isaaf gaarii hin taʼu;+ umurii isaa isa akka gaaddidduu taʼes hin dheereffatu.+ 14  Wanti gatii hin qabnee* fi lafa irratti raawwatamu tokko jira: Namoonni qajeeloon akka wanta hamaa hojjetanitti ilaalaman jiru;+ namoonni hamoon akka wanta qajeelaa hojjetanitti ilaalamanis jiru.+ Kunis wanta gatii hin qabne taʼuu isaa nan dubbadha. 15  Namni tokko nyaachuu, dhuguu fi gammaduu caalaa aduu jalatti wanti isaaf gaarii taʼe waan hin jirreef, ani gammachuu argachuu nan jajjabeesse;+ inni bara jireenyaa isaa isa Waaqni dhugaan aduu jalatti isaaf kennetti yeroo jabaatee hojjetutti gammachuu argachuu qaba.+ 16  Ani ogummaa argachuuf, akkasumas sochii* lafa irratti raawwatamaa jiru hundumaa beekuuf halkanii fi guyyaa hirriba dhabee* carraaqqii nan godhe.+ 17  Achiis hojii Waaqa dhugaa hundumaa ilaalee, ilmaan namootaa wanta aduu jalatti raawwatamu hubachuu akka hin dandeenye+ nan beeke. Namoonni carraaqqii akkamii iyyuu yoo godhan, kana hubachuu hin dandaʼan. Isaan ogummaa wanta kana beekuuf gargaaru akka qaban yoo dubbatan iyyuu, dhugumaan kana hubachuu hin dandaʼan.+

Miiljaleewwan

Ykn., “hiika dhimma tokkoo.”
Ykn., “murtii.”
Ykn., “murtii.”
Ykn., “bubbee.”
Ykn tarii, “hamminni isaanii hamoota oolchuu hin dandaʼu.”
Ykn., “Wanti abdii nama kutachiisuu.”
Ykn., “hojii.”
Ykn tarii, “namoonni guyyaas taʼe halkan hirriba malee dabarsuu isaanii beekuuf.”