Lallaba 9:1-18

  • Wanti dhuma irratti hunduma isaanii irra gaʼu tokko dha (1-3)

  • Duuti jiraatus jireenyatti gammaduu (4-12)

    • Warri duʼan homaa hin beekan (5)

    • Awwaala keessa sochiin hin jiru (10)

    • Yeroo fi wanta hin eegamne (11)

  • Ogummaadhaaf iddoo guddaan kan kennamu yeroo hunda miti (13-18)

9  Kanaafuu, kana hundumaatiif xiyyeeffannaa nan kenne; qajeelonnii fi ogeeyyiin, akkasumas hojiin isaanii harka Waaqa dhugaa keessa akka jiran+ nan hubadhe. Namoonni jaalalaa fi jibba bara isaanii dura ture hin beekan.  Qajeelonnii fi hamoonni,+ namoonni gaariin, namoonni qulqulluu taʼanii fi namoonni qulqulluu hin taane, akkasumas warri aarsaa dhiheessanii fi warri aarsaa hin dhiheessine hundi wanti dhuma irratti isaan irra gaʼu* tokko dha.+ Namni gaariinii fi namni cubbamaan tokko dha; namni kakaa kakatuu fi namni kakaa kakachuu irratti of eeggatus tokko dha.  Wanti aduu jalatti raawwatamuu fi nama dhiphisu kana dha: Wanti dhuma irratti hunduma isaanii irra gaʼu* tokko waan taʼeef,+ garaan namootaa wanta hamaadhaan kan guutame dha; bara jireenyaa isaaniitti maraatummaan garaa isaanii keessa jira; sana booda isaan ni duʼu!*  Sareen lubbuudhaan jiru leenca duʼe irra waan wayyuuf, namni warra lubbuudhaan jiran gidduutti argamu kam iyyuu abdii qaba.+  Warri lubbuudhaan jiran akka duʼan beeku;+ warri duʼan garuu homaa hin beekan;+ yaadannoon isaanii hundi waan irraanfatameef,+ sana booda isaan gatii* argatan hin qaban.  Kana malees, jaalalli, jibbii fi hinaaffaan isaanii badeera; sana booda wanta aduu jalatti raawwatamu keessaa homaa qooda hin qaban.+  Waaqni dhugaan hojii keetti waan gammadeef,+ dhaqi, nyaata kee gammachuudhaan nyaadhu, daadhii wayinii kees garaa gammadeen dhugi.+  Uffanni kee yeroo hundumaa adii haa taʼu;* mataa kees zayitii dibachuu hin dhiisin.+  Bara jireenyaa kee isa gabaabaa isa inni aduu jalatti siif kenne hundumaatti, guutummaa umurii kee isa gatii hin qabne keessatti haadha manaa tee ishii jaallattuu wajjin gammadi;+ sababiin isaas, kun jireenya kee keessatti carraa* kee ti, hojii cimaa aduu jalatti itti dhamaateefis badhaasa kee ti.+ 10  Awwaala* isa itti deemtu keessa hojiin, karoorri, beekumsis taʼe ogummaan waan hin jirreef,+ wanta gochuu dandeessu kam iyyuu humna kee guutuudhaan raawwadhu. 11  Ani wanta kan biraas aduu jalatti nan arge; warri saffisan yeroo hundumaa dorgommii irratti hin moʼan, jajjaboonni yeroo hundumaa waraana irratti hin moʼan,+ ogeeyyiin yeroo hundumaa nyaata hin argatan, gamnoonni yeroo hundumaa qabeenya hin argatan,+ warri beekumsa qabanis yeroo hundumaa milkaaʼina hin argatan;+ sababiin isaas, yeroo fi wanti hin eegamne* hunduma isaanii irra ni gaʼa. 12  Namni guyyaa ofii hin beeku.+ Akkuma qurxummiin saaphana hamaadhaan, simbirroonis kiyyoodhaan qabamu, ilmaan namootaas yeroo rakkinaa* akkuma tasaa isaan irra gaʼuun ni qabamu. 13  Kana malees ani aduu jalatti ogummaa ilaalchisee kana nan hubadhe, innis na dinqisiise: 14  Magaalaa xinnoon dhiirota muraasa qabdu tokko jirti turte; mootii jabaan tokkos dhufee itti marsee naannoo ishiitti dallaa guddaa ijaare. 15  Namni hiyyeessi ogeessa taʼe tokko ishii keessa jira ture; innis ogummaa isaatiin magaalattii ni oolche. Taʼus namni hiyyeessa sana yaadate tokko illee hin turre.+ 16  Anis, ‘Jabina irra ogummaa wayya,+ taʼus ogummaan hiyyeessa sanaa ni tuffatame, namni dubbii isaa dhaggeeffates hin jiru’+ jedheen yaade. 17  Iyya nama gowwoota gidduutti bulchuu dhaggeeffachuu mannaa dubbii tasgabbaaʼaa nama ogeessa taʼee dhaggeeffachuu wayya. 18  Ogummaan meeshaawwan waraanaa irra wayya; namni cubbamaan tokko qofti garuu wanta gaarii hedduu balleessuu dandaʼa.+

Miiljaleewwan

Ykn., “egereen isaanii.”
Ykn., “Egereen isaanii.”
Kal., “sana booda, gara warra duʼaniitti!”
Ykn., “mindaa.”
Jechuunis, uffata gaddaa utuu hin taʼin, uffata bifa ifu qabuu fi gammachuu qabaachuu argisiisu.
Ykn., “gaʼee.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “taʼeewwan hin hubatamne.”
Ykn., “badiisaa.”