Wangeela Luqaas 14:1-35

  • Namichi dhukkuba dhaqna dhiitessuun qabame guyyaa Sanbataatti fayyifame (1-6)

  • Keessummaa gad of qabdu taʼi (7-11)

  • Namoota gatii isinii deebisuu hin dandeenye affeeraa (12-14)

  • Fakkeenya keessummoota sababii dhiheessanii (15-24)

  • Aarsaa barataa Yesuus taʼuun gaafatu (25-33)

  • Soogidda miʼaa isaa dhabe (34, 35)

14  Yeroo kan biraatti Yesuus guyyaa Sanbataatti nyaata nyaachuuf geggeessitoota Fariisotaa keessaa gara mana isa tokkootti yommuu seenu, namoonni xiyyeeffannaadhaan isa hordofu turan.  Yeroo kanatti namichi dhukkuba dhaqna dhiitessuun* qabame tokko isa dura jira ture.  Yesuusis, “Guyyaa Sanbataatti fayyisuun seeraan heyyamameera moo hin heyyamamne?”+ jedhee warra Seericha beekanii fi Fariisota gaafate.  Isaan garuu calluma jedhan. Yeroo kanatti namicha qabee isa fayyise; boodas isa geggeesse.  Achiis, “Isin keessaa namni ilmi isaa yookiin qotiyyoon isaa guyyaa Sanbataatti boolla keessatti yoo jalaa kufe+ yeruma sana harkisee achi keessaa hin baasne eenyu?”+ isaaniin jedhe.  Isaanis kanaaf deebii kennuu hin dandeenye.  Achiis namoonni affeeraman sun ofii isaaniitiif iddoo hunda irra caalu filachaa akka jiran+ yommuu argu fakkeenya tokko isaanitti hime. Akkana isaaniin jedhe:  “Namni tokko yommuu cidha gaaʼelaa irratti si affeeru iddoo hunda irra caalu hin taaʼin.+ Tarii namni si caalaa bakka guddaa qabu affeeramee taʼuu dandaʼa.  Achiis namichi lamaan keessan affeere sun dhufee, ‘Iddoo kana nama kanaaf gadhiisi’ siin jedha. Atis qaanoftee dhaqxee iddoo hunda caalaa gad aanaa taʼe teessa. 10  Haa taʼu malee, yommuu affeeramtu namichi si affeere sun dhufee, ‘Michuu koo, iddoo ol aanutti ol siqi’ akka siin jedhutti, dhaqiitii iddoo hunda caalaa gad aanaa taʼe taaʼi. Achiis namoota sii wajjin affeeraman hunda duratti ulfina argatta.+ 11  Sababiin isaas, namni ol of qabu hundi gad ni qabama; namni gad of qabu kam iyyuu garuu ol ni qabama.”+ 12  Itti aansuudhaanis namicha isa affeereen akkana jedhe: “Yommuu laaqana yookiin irbaata qopheessitu, michoota kee yookiin obboloota kee yookiin firoottan kee yookiin olloota kee warra sooreyyii taʼan hin waamin. Sababiin isaas, isaanis si affeeranii gatii kee sii deebisuu dandaʼu. 13  Haa taʼu malee, yommuu affeerrii qopheessitu, hiyyeeyyii, warra naafatan, warra okkolanii fi warra qaro dhabeeyyii taʼan waami;+ 14  isaan gatii sii deebisuu waan hin dandeenyeef, gammachuu argatta. Sababiin isaas, gatiin kee yeroo duʼaa kaʼuu+ qajeelotaatti siif ni deebiʼa.” 15  Warra affeeraman keessaa tokko yommuu kana dhagaʼu, “Namni Mootummaa Waaqayyoo keessatti maaddiitti dhihaatu* gammadaa dha” isaan jedhe. 16  Yesuusis akkana isaan jedhe: “Namni tokko affeerrii irbaataa guddaa qopheessee+ namoota hedduu affeere. 17  Namichis saʼaatiin irbaataa yommuu gaʼu dhaqee warra affeeraman sanaan, ‘Amma wanti hundi waan qophaaʼeef kottaa’ jedhee akka waamu garbicha isaa erge. 18  Haa taʼu malee, hundi isaanii iyyuu sababii dhiheessuu jalqaban.+ Inni jalqabaa, ‘Ani lafa waanan bitadheef dhaqee ilaaluun qaba; maaloo, dhiifama naa godhi’ isaan jedhe. 19  Inni tokkos, ‘Ani qotiyyoo cimdii shan waanan bitadheef dhaqeen isaan qora; maaloo, dhiifama naa godhi’ jedhe.+ 20  Inni tokko immoo, ‘Reefuu fuudhuu koo ti; kanaafuu, dhufuu hin dandaʼu’ jedhe. 21  Garbichi sunis dhufee wanta kana gooftaa isaatti hime. Achiis gooftaan mana sanaa aaree garbicha isaatiin, ‘Dafi, daandiiwwan guguddaa fi xixinnaa magaalattiitti baʼiitii hiyyeeyyii, warra naafatan, warra qaro dhabeeyyii taʼanii fi warra okkolan fidi’ jedhe. 22  Boodas garbichi sun, ‘Yaa gooftaa, wanti ati ajajje raawwatameera; garuu ammas iddoon jira’ jedhe. 23  Gooftaan sunis garbicha sanaan akkana jedhe: ‘Gara daandiiwwan magaalattiidhaa ala jiran kan birootti baʼiitii manni koo akka guutuuf namoota dirqisiisii ol galchi.+ 24  Ani isiniin nan jedha, namoota affeeraman keessaa tokko illee irbaata ani qopheesse afaaniin hin qabu.’”+ 25  Namoonni hedduun isaa wajjin deemaa utuu jiranii garagalee akkana isaaniin jedhe: 26  “Namni gara koo dhufu kam iyyuu, abbaa isaa, haadha isaa, haadha manaa isaa, ijoollee isaa, obboloota isaa fi obboleettota isaa, akkasumas lubbuu isaa illee hin jibbu*+ taanaan barataa koo taʼuu hin dandaʼu.+ 27  Namni muka dhiphinaa isaa* baatee ana duukaa hin buune kam iyyuu barataa koo taʼuu hin dandaʼu.+ 28  Fakkeenyaaf, isin keessaa namni tokko gamoo ijaaruu yoo barbaade, dura taaʼee maallaqa gaʼaa ittiin ijaaree xumuru qabaachuu isaa beekuuf baasii isaa kan hin shallagne eenyu? 29  Kun taʼuu baannaan garuu, inni buʼuura isaa erga ijaaree booda gamoo sana xumuruu dadhaba; warri ilaalan hundis isatti qoosuu jalqabu; 30  ‘Namichi kun ijaaruu jalqabee xumuruu dadhabe’ jedhu. 31  Yookiin mootiin mootii kan biraa irratti waraana banu tokko loltoota 10,000 qabatee isa loltoota 20,000 qabatee isatti dhufu moʼuu dandaʼuu fi dhiisuu isaa beekuuf jalqaba taaʼee gorsa hin gaafatuu? 32  Moʼuu hin dandaʼu taanaan garuu, mootiin isa waraanuu dhufu utuma fagoo jiruu ambaasaaddaroota* isatti ergee nagaan akka buʼu kadhata. 33  Haaluma wal fakkaatuun, isin keessaa namni qabeenya isaa hunda hin dhiisne barataa koo taʼuu akka hin dandeenye beekaa.+ 34  “Soogiddi gaarii dha. Soogiddi yoo miʼaa isaa dhabe garuu maaliin miʼeeffamuu dandaʼa?+ 35  Sana booda namoonni baasanii gatu malee biyyoodhaaf yookiin xaaʼoodhaaf hin taʼu. Namni gurra dhagaʼu qabu haa dhagaʼu.”+

Miiljaleewwan

Dhukkuba dhangalaʼaa hedduun qaama keessatti kuufamuu isaatiin kan kaʼe dhufu dha.
Kal., “daabboo nyaatu.”
Ykn., “anaa gaditti hin jaallanne.”
Kun dubbi himaa bulchaa yookiin biyya tokkoo argisiisa.