Wangeela Luqaas 2:1-52
-
Yesuus ni dhalate (1-7)
-
Maleekonni tiksitootatti mulʼatan (8-20)
-
Dhaqna qabaa fi sirna qulqulleeffamuu (21-24)
-
Simiʼoon Kiristoosiin arge (25-35)
-
Haannaan waaʼee mucichaa dubbatte (36-38)
-
Gara Naazireetitti deebiʼan (39, 40)
-
Wanta Yesuus umurii isaa waggaa 12tti mana qulqullummaa keessatti raawwate (41-52)
2 Bara sana namoonni lafa irratti argaman hundi akka galmeeffaman Awugusxos Qeesaar biraa labsiin ni baʼe.
2 (Galmeen inni jalqabaa kun kan geggeeffame, yeroo Qereenewos bulchaa Sooriyaa turetti dha.)
3 Kanaafuu, namni hundi galmeeffamuuf gara magaalaa isaa dhaqe.
4 Yoseefis+ manaa fi sanyii Daawit keessaa kan dhalate waan taʼeef, galmeeffamuuf magaalaa Naazireet ishii Galiilaa keessatti argamtuu kaʼee, gara Yihudaa, gara magaalaa Daawit ishii Beetaliheem+ jedhamtutti ol baʼe.
5 Galmeeffamuu kan dhaqes Maariyaam ishii akkuma kaadhimatee turetti+ fuudhee fi daʼuu jala geessee wajjin ture.+
6 Utuma achi jiraniis yeroon ishiin itti deessu ni gaʼe.
7 Ishiinis ilma ishii isa hangafaa ni deesse;+ bakka keessummoonni bulan keessa iddoon waan hin jirreef, mucicha huccuudhaan martee gongaa* keessa ciibsite.+
8 Naannoo sana keessa tiksitoonni halkan hoolota isaanii eegaa ala bulan jiru turan.
9 Akkuma tasaa, maleekaan Yihowaa* isaan dura dhaabbate; ulfinni Yihowaas* naannoo isaaniitti ibse; isaanis baayʼee sodaatan.
10 Maleekaan sun garuu akkana isaaniin jedhe: “Hin sodaatinaa! Kunoo, ani misiraachoo namoota hundaaf gammachuu guddaa argamsiisu isinitti nan hima.
11 Harʼa magaalaa Daawit+ keessatti fayyisaan isiniif dhalateera;+ innis Kiristoos Goofticha+ dha.
12 Kun mallattoo isiniif taʼa: Mucaan tokko huccuudhaan maramee gongaa* keessa ciisee argitu.”
13 Akkuma tasaa raayyaan samii+ hedduun maleekaa sanaa wajjin mulʼatanii, akkana jedhanii Waaqayyoon jajatan:
14 “Samii irratti Waaqayyoof ulfinni haa taʼu; lafa irrattis namoota isa biratti fudhatama argataniif nagaan haa taʼu.”
15 Yommuu maleekonni sun isaan biraa deemanii gara samiitti deebiʼan tiksitoonni sun, “Kottaa, ammuma gara Beetaliheem dhaqnee wanta taʼe, isa Yihowaan* nu beeksise haa ilaallu” waliin jechuu jalqaban.
16 Kanaafuu, isaan yeruma sana deemanii Maariyaamii fi Yoseefiin, akkasumas mucicha isa gongaa* keessa ciise argan.
17 Yommuu kana arganis, mucicha ilaalchisee ergaa isaanitti himame sana dubbatan.
18 Namoonni kana dhagaʼan hundis wanta tiksitoonni kun isaanitti himan ni dinqisiifatan;
19 Maariyaam garuu wanta dhageesse kana hunda garaa ishiitti qabattee irratti xiinxalti turte.+
20 Tiksitoonni sunis wanti isaan dhagaʼanii fi argan hundi wanta isaanitti himamee wajjin tokko waan taʼeef, Waaqayyoof ulfina kennaa, akkasumas isa jajachaa deebiʼan.
21 Guyyaa saddeettaffaatti yeroon itti dhaqna isa qaban yommuu gaʼu,+ akkuma maleekaan Waaqayyoo haati isaa ulfaaʼuu ishii dura dubbatee turetti maqaa isaa Yesuus jedhanii moggaasan.+
22 Kana malees, akka Seera Museetti yeroon isaan itti qulqullaaʼan yommuu gaʼu,+ mucicha Yihowaa* duratti dhiheessuuf gara Yerusaalemitti fidan;
23 kanas kan godhan akkuma Seera Yihowaa* keessatti, “Dhiirri jalqaba dhalatu hundi* Yihowaadhaaf* qulqulluu haa taʼu”+ jedhamee barreeffametti dha.
24 Akkuma Seera Yihowaa* keessatti, “gugee* bosonaa lama yookiin cuucii gugee lama”+ jedhamee ibsametti aarsaa ni dhiheessan.
25 Yeroo kanatti Yerusaalem keessa namichi Simiʼoon jedhamu tokko jira ture; inni nama qajeelaa fi nama Waaqayyoof bule, akkasumas nama yeroo Waaqayyo Israaʼeliin itti jajjabeessu+ eeggatu ture; hafuurri qulqulluunis isa irra ture.
26 Kana malees, inni Kiristoos isa Yihowaan* ergu utuu hin argin akka hin duune Waaqayyo hafuura qulqulluudhaan isatti mulʼisee ture.
27 Inni yeroo kanatti hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee gara mana qulqullummaa dhufe; yommuu warri isaa wanta Seerichi ajaju isaaf gochuuf Yesuus mucicha fuudhanii seenan,+
28 Simiʼoon mucicha fuudhee hammatee akkana jedhee Waaqayyoon jajate:
29 “Yaa Gooftaa Ol Aanaa, akkuma dubbattetti amma garbichi kee nagaadhaan akka boqotu godhi;+
30 sababiin isaas, ijji koo karaa ati fayyina ittiin argamsiistu+ argeera;
31 kunis isa ati namoota hundumaa duratti qopheessite dha;+
32 inni ifa+ saboota irraa haguuggii fuudhuu+ fi saba kee Israaʼeliif ulfina taʼe dha.”
33 Abbaa fi haati mucichaas, wantoota waaʼee mucichaa dubbataman ni dinqisiifatu turan.
34 Kana malees, Simiʼoon isaan eebbise; Maariyaam haadha mucichaatiinis akkana jedhe: “Kunoo, mucaan kun Israaʼel keessatti kufaatii+ fi kaʼumsa namoota hedduutiif sababa taʼa;+ akkasumas mallattoo tuffatamu ni taʼa;+
35 (eeyyee, goraadee dheeraan si* keessa ni darba)+ kunis kan taʼu, yaadni garaa namoota hedduu keessa jiru ifatti akka baʼuufi.”
36 Raajittiin gosa Asheer keessaa taatee fi Haannaa jedhamtu tokko jirti turte; ishiin intala Faanuʼeel turte. Dubartiin tun umuriidhaan kan sokkite turte; erga heerumtee boodas* abbaa manaa ishii wajjin kan jiraatte waggaa torbaaf qofa ture;
37 ishiin dubartii abbaan manaa irraa duʼe yommuu taatu, yeroo kanatti umuriin ishii waggaa 84 ture. Ishiin mana qulqullummaa keessaa utuu hin dhabamin soomaa fi wawwaannaa dhiheessaa halkanii fi guyyaa tajaajila qulqulluu dhiheessiti turte.
38 Ishiinis saʼaatii sanatti dhihaattee Waaqayyoof galata galchuu, warra fayyina Yerusaalem eeggatan+ hundumaattis waaʼee mucichaa dubbachuu jalqabde.
39 Yoseefii fi Maariyaam wanta hunda akka Seera Yihowaatti*+ erga raawwatanii booda, gara magaalaa isaanii Naazireet+ ishii Galiilaatti argamtutti deebiʼan.
40 Mucichis guddachaa fi cimaa, akkasumas ogummaadhaan guutamaa deeme; deggersa Waaqayyoos qaba ture.+
41 Warri isaa waggaa waggaadhaan Ayyaana Faasikaa+ kabajuuf gara Yerusaalem deemuu amaleeffatanii turan.
42 Yeroo umuriin isaa waggaa 12 taʼutti akkuma yeroo hunda godhan ayyaanichaaf+ gara Yerusaalemitti ol baʼan.
43 Yommuu guyyoonni ayyaanichaa xumuramanii gara mana isaaniitti deebiʼuu jalqabanis, Yesuus mucichi Yerusaalemitti hafe; warri isaa garuu kana hin hubanne.
44 Namoota waliin deemaa jiranii wajjin kan jiru waan isaanitti fakkaateef adeemsa guyyaa tokkoo deeman; achiis firoottanii fi namoota beekan gidduu isa barbaaduu jalqaban.
45 Yeroo isa dhaban garuu, gara Yerusaalemitti deebiʼanii cimsanii isa barbaadan.
46 Guyyaa sadii boodas, mana qulqullummaa keessatti utuu inni barsiisota gidduu taaʼee isaan dhaggeeffatuu fi gaaffii isaan gaafatuu isa argatan.
47 Namoonni isa dhaggeeffatan hundis hubannaa fi deebii inni kennu baayʼee dinqisiifatu turan.+
48 Warri isaas yeroo isa argan baayʼee dinqisiifatan; haati isaas, “Yaa ilma koo, maaliif akkana nu goote? Anii fi abbaan kee baayʼee dhiphannee si barbaadaa turre” isaan jette.
49 Inni garuu, “Maaliif na barbaaddan? Mana Abbaa koo+ keessa taʼuu akkan qabu hin beektanii?” isaaniin jedhe.
50 Isaan garuu wanta inni isaaniin jedhe hin hubanne.
51 Achiis isaanii wajjin gad buʼee gara Naazireetitti deebiʼe; isaaniif bitamuu* isaas itti fufe.+ Haati isaas wantoota jedhaman kana hunda garaa ishiitti qabatti turte.+
52 Yesuusis ogummaa fi qaamaan guddachaa deeme, Waaqayyoo fi namoota duratti fudhatama argachuu isaas itti fufe.
Miiljaleewwan
^ Jechuunis, bidiruun horiin keessaa nyaatan.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Jechuunis, bidiruun horiin keessaa nyaatan.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Jechuunis, bidiruun horiin keessaa nyaatan.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Kal., “Dhiirri gadameessa saaqu hundi.”
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Ykn., “makoodii; andarii.”
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Ykn., “lubbuu kee.”
^ Kal., “durbummaa ishiitiii kaasee.”
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Ykn., “ajajamuu.”