Wangeela Luqaas 5:1-39

  • Dinqiidhaan qurxummii qaban; barattoota jalqabaa (1-11)

  • Namni dhukkuba nadaayiitiin qabame ni fayye (12-16)

  • Yesuus nama lamshaaʼe fayyise (17-26)

  • Yesuus Leewwii waame (27-32)

  • Gaaffii sooma ilaalchisee kaʼe (33-39)

5  Yeroo tokko utuu Yesuus haroo Genesaarex*+ bira dhaabbatee jiruu namoonni hedduun dubbii Waaqayyoo dhaggeeffachuuf gara isaatti wal dhiibu turan.  Innis bidiruuwwan lama qarqara galaanichaa dhaabbatanii arge; namoonni qurxummii qaban garuu bidiruuwwan sana irraa buʼanii saaphana isaanii miiccaa turan.+  Yesuus bidiruuwwan sana keessaa isa kan Simoon taʼe yaabbatee lafa irraa xinnoo akka achi siqsu isa gaafate. Sana booda bidiricha irra taaʼee namoota hedduu sana barsiisuu jalqabe.  Dubbii isaa yommuu xumurus Simooniin, “Bakka bishaanichi gad fagaatutti siqi; qurxummii qabuufis saaphana keessan darbadhaa” jedhe.  Simoon garuu deebisee, “Barsiisaa, halkan guutuu dhamaʼaa bullee homaa hin qabanne;+ garuu ati waan jetteef saaphana kana nan darbadha” isaan jedhe.  Yommuu saaphana isaanii darbatanis qurxummii hedduu qaban. Kanaan kan kaʼes, saaphanni isaanii tatarsaʼuu jalqabe.+  Kanaafuu, hiriyoonni isaanii warri bidiruu isa kan biraa irra jiran dhufanii akka isaan gargaaran mallattoodhaan isaan waaman; isaanis dhufanii bidiruuwwan lamaan sana qurxummiidhaan guutan; kanaan kan kaʼes, bidiruuwwan sun liqimfamuu jalqaban.  Simoon Pheexirosis yommuu kana argu jilba Yesuus irratti gombifamee, “Yaa Gooftaa, ani nama cubbamaa waanan taʼeef, ana irraa fagaadhu” jedhe.  Kanas kan jedhe, innii fi warri isaa wajjin turan qurxummii hedduu qabuu isaaniitti baayʼee waan dinqisiifataniif ture; 10  ilmaan Zabdewos Yaaqoobii fi Yohaannis+ warri Simoonii wajjin hojjetanis akkasuma ni dinqisiifatan. Yesuus garuu Simooniin, “Hin sodaatin. Ammaa jalqabee namoota lubbuudhaan jiran kan qabdu taata”+ jedhe. 11  Kanaafuu, bidiruuwwan sana gara qarqaraatti erga baasanii booda, wanta hunda dhiisanii isa duukaa buʼan.+ 12  Yeroo kan biraa immoo, Yesuus magaalota sana keessaa isa tokko keessa yommuu turetti, namni guutummaan qaama isaa dhukkuba nadaayiitiin qabame tokko isa argee lafatti gombifamee, “Yaa Gooftaa, yoo fedhii kee taʼe na fayyisuu* dandeessa”+ jedhee isa kadhate. 13  Kanaafuu, inni harka isaa diriirsee isa qaqqabee, “Nan fedha! Fayyi!”* isaan jedhe. Yeruma sanas dhukkubni nadaayii sun isa irraa bade.+ 14  Yesuusis eenyutti iyyuu akka hin himne namicha ajaje. Achiis, “Garuu dhaqiitii lubichatti of argisiisi. Isaaniif ragaa akka taʼuttis akkuma Museen ajajetti+ qulqullaaʼuu keetiif kennaa dhiheessi”+ isaan jedhe. 15  Haa taʼu malee, oduun waaʼee isaa ibsu babalʼachuu isaa ittuma fufe; namoonni hedduunis isa dhaggeeffachuu fi dhukkuba isaanii irraa fayyuuf walitti qabaman.+ 16  Inni garuu kadhachuuf yeroo baayʼee bakka namni hin jirre dhaqa ture. 17  Gaaf tokko utuu inni barsiisaa jiruu, Fariisonnii fi barsiisonni Seeraa gandeen Galiilaa fi Yihudaa hunda keessaa, akkasumas Yerusaalem irraa dhufan achi taaʼanii turan; Yihowaan* akka inni namoota fayyisuuf humna isaa isaaf kennee ture.+ 18  Yeroo kanatti namoonni namicha lamshaaʼe tokko sireedhaan baatanii dhufan; isaan namicha ol galchanii Yesuus duratti dhiheessuuf yaalii godhan.+ 19  Haa taʼu malee, baayʼina namootaatiin kan kaʼe manatti isa galchuu waan dadhabaniif, baaxii manichaa irra yaabbatanii xuubii isaa irraa kaasan; achiis akkuma namichi siricha irra ciisetti warra Yesuus fuuldura jiran gidduutti gad isa buusan. 20  Yesuusis amantii isaanii yommuu argu, “Namicha nana, cubbuun kee siif dhiifameera”+ jedhe. 21  Yeroo kanatti barsiisonni seeraa* fi Fariisonni, “Namichi Waaqa arrabsu kun eenyu? Waaqa tokkicha malee eenyutu cubbuudhaaf dhiifama gochuu dandaʼa?”+ jedhanii yaaduu jalqaban. 22  Yesuus garuu yaada isaanii hubatee akkana jedhee isaaniif deebise: “Wanti garaa keessanitti yaaddan maali dha? 23  ‘Cubbuun kee siif dhiifameera’ jechuu moo, ‘Kaʼiitii deemi’ jechuutu salphata? 24  Haa taʼu malee, Ilmi namaa lafa irratti dhiifama cubbuu gochuuf aangoo qabaachuu isaa akka hubattaniif” erga jedhee booda, namicha lamshaaʼe sanaan, “Ani siin nan jedha, kaʼiitii siree kee baadhuu gara mana kee deemi”+ jedhe. 25  Namichis isaanuma duratti kaʼee dhaabbate; siree isaa baatees Waaqayyoof ulfina kennaa gara mana isaa deeme. 26  Yeroo kanatti namoonni sun hundi baayʼee dinqisiifatanii Waaqayyoof ulfina kennuu jalqaban; baayʼee sodaataniis, “Harʼa wantoota dinqisiisoo taʼan argine!” jedhan. 27  Kana booda achii baʼee utuu deemuu namichi Leewwii jedhamuu fi qaraxa sassaabu tokko bakka qaraxni itti sassaabamu utuu taaʼuu argee, “Duuka buutuu koo taʼi”+ isaan jedhe. 28  Innis wanta hunda dhiisee kaʼee isa duukaa buʼuu jalqabe. 29  Achiis Leewwiin mana isaatti affeerraa guddaa Yesuusiif qopheesse; namoonni qaraxa sassaabanii fi namoonni kan biroon hedduunis isaanii wajjin nyaachaa* turan.+ 30  Yeroo kanatti Fariisonnii fi barsiisonni seeraa,* “Isin warra qaraxa sassaabanii fi cubbamootaa wajjin kan nyaattanii fi kan dhugdan maaliifi?” jedhanii barattoota isaatti gungumuu jalqaban.+ 31  Yesuusis akkana jedhee isaaniif deebise: “Namoota dhukkubsataniif malee, namoota fayyaadhaaf ogeessi fayyaa hin barbaachisu.+ 32  Ani namoota qajeeloo waamuuf utuu hin taʼin, cubbamoonni akka yaada geddaratan waamuufan dhufe.”+ 33  Isaanis, “Barattoonni Yohaannisii fi barattoonni Fariisotaa yeroo baayʼee ni soomu, wawwaannaas ni dhiheessu; barattoonni kee garuu ni nyaatu, ni dhugus”+ isaan jedhan. 34  Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Michoonni misirrichaa utuu misirrichi isaanii wajjin jiruu akka sooman gochuu ni dandeessuu? 35  Garuu guyyaan misirrichi+ isaan irraa itti fudhatamu ni dhufa; isaan guyyaa sanatti ni soomu.”+ 36  Dabalataanis akkana jedhee fakkeenya tokko isaanitti hime: “Namni uffata haaraa irraa erbee muree uffata moofaa irratti hodhu hin jiru. Akkana yoo godhe erbeen haaraan sun irraa ni kaʼa; erbeen haaraan sun isa moofaa wajjin wal hin simu.+ 37  Kana malees, eenyu iyyuu daadhii wayinii haaraa qalqalloo moofaatti hin naqu. Akkana yoo godhe garuu, daadhiin wayinii haaraan sun qalqalloo sana ni dhoosa; wayinichi ni dhangalaʼa; qalqalloon sunis faayidaadhaa ala taʼa. 38  Haa taʼu malee, daadhii wayinii haaraan qalqalloo haaraatti naqamuu qaba. 39  Eenyu iyyuu daadhii wayinii bilchaate erga dhugee booda daadhii wayinii haaraa hin barbaadu; sababiin isaas, ‘Inni bilchaate baʼeessa dha’ jedha.”

Miiljaleewwan

Jechuunis, Galaana Galiilaa.
Kal., “qulqulleessuu.”
Kal., “Qulqullaaʼi.”
Kal., “barreessitoonnii.”
Ykn., “maaddiitti dhihaatanii.”
Kal., “barsiisonni seeraa isaanii.”