Wangeela Maarqos 11:1-33

  • Yesuus injifannoodhaan seene (1-11)

  • Muka harbuu abaaramte (12-14)

  • Yesuus mana qulqullummaa qulqulleesse (15-18)

  • Barumsa muka harbuu gogde irraa argamu (19-26)

  • Aangoo Yesuus morman (27-33)

11  Yesuusii fi barattoonni isaa yeroo gara Yerusaalem, gara Beetafaagee fi Bitaaniyaa+ warra Gaara Ejersaa irra jiranitti dhihaatan, inni barattoota isaa keessaa lama erge;+  akkana isaaniin jedhe: “Ganda fuula keessan duraa mulʼattu sana dhaqaa; akkuma achi seentaniin, ilmoon harree hamma ammaatti namni irra taaʼee hin beekne tokko hidhamtee argitu. Hiikaatii as fidaa.  Eenyu iyyuu, ‘Maal gochaa jirtu?’ yoo isiniin jedhe, ‘Gooftaatu barbaada, inni dafee idduma kanatti deebisa’ jedhaa.”  Kanaafuu, isaan dhaqanii, ilmoon harree sun balbala dura, karaa qarqaratti hidhamtee argatanii hiikan.+  Namoota achi dhaabbatan keessaa tokko tokko garuu, “Maal gochuuf ilmoo harree kana hiiktu?” isaaniin jedhan.  Isaan wanta Yesuus jedhe yommuu itti himan, namoonni sun ni heyyamaniif.  Achiis ilmoo harree+ sana gara Yesuusitti fidanii uffata isaanii irra buusan; innis irra taaʼe.+  Kana malees, namoonni hedduun uffata isaanii karaa irra afan; warri kaan immoo qarqara karichaatii damee baala qabu kutanii afan.+  Namoonni isa duraa fi isa booda deemanis akkana jedhanii iyyu turan: “Akka isa oolchitu si kadhanna!+ Inni maqaa Yihowaatiin* dhufu eebbifamaa dha!+ 10  Mootummaan abbaa keenya Daawit+ inni dhufu eebbifamaa dha! Yaa isa samii irra jirtuu, akka isa oolchitu si kadhanna!” 11  Gara Yerusaalemitti yommuu seenus mana qulqullummaa seenee wanta naannoo isaa jiru hundumaa ilaale; haa taʼu malee, saʼaatiin sokkee waan tureef, warra Kudha Lamaanii wajjin gara Bitaaniyaa dhaqe.+ 12  Guyyaa itti aanutti yeroo Bitaaniyaadhaa baʼan ni beelaʼe.+ 13  Muka harbuu baala lalisaa qabdu tokko fagootti argee, firii akka irraa argatu ilaaluuf gara ishii dhaqe. Yommuu bira gaʼu garuu waqtiin isaa yeroo harbuun itti firii godhatu waan hin turreef, baala malee homaa irraa hin arganne. 14  Kanaafuu, “Eenyu iyyuu kana booda firii si irraa hin nyaatin”+ jedhe. Barattoonni isaas isa dhaggeeffachaa turan. 15  Achiis gara Yerusaalem dhufan. Achittis Yesuus mana qulqullummaa seenee, warra mana qulqullummaa keessatti gurguranii fi bitan achi keessaa ariʼe; minjaala warra maallaqa jijjiiranii fi barcuma warra gugee gurguraniis ni gaggaragalche;+ 16  namni tokko iyyuu miʼa baatee mana qulqullummaa keessa akka hin darbines ni dhowwe. 17  Namootas ni barsiisa ture; akkasumas, “‘Manni koo saboota hundumaatiif mana kadhannaa jedhama’+ jedhamee barreeffameera mitii? Isin garuu holqa saamtotaa gootan”+ isaaniin jedhe. 18  Dura buutonni lubootaa fi barsiisonni seeraa kana dhagaʼanii, karaa itti isa ajjeesan barbaaduu jalqaban;+ sababiin isaas, namoonni hundi barumsa isaa waan dinqisiifataniif isaan isa sodaatu turan.+ 19  Yommuu galgalaaʼus magaalattii keessaa baʼanii deeman. 20  Ganama barii yommuu achiin darbanis mukti harbuu sun hidda ishiitii jalqabee akka gogde argan.+ 21  Yeroo kanatti Pheexiros yaadatee, “Rabbii, ilaa mukti harbuu ati abaarte sun gogdeetti”+ isaan jedhe. 22  Yesuusis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Waaqayyo irratti amantii qabaadhaa. 23  Dhuguman isiniin jedha, namni kam iyyuu gaara kanaan, ‘Asii buqqaʼii galaana keessatti darbatami’ yoo jedhee fi garaa isaatti utuu hin shakkin wanti inni dubbate akka raawwatamu yoo amane, ni raawwatamaaf.+ 24  Kanaafuu, ani isiniin nan jedha, wanta kadhattanii fi gaafattan hunda akkuma argattanitti amanaa, dhugumaan ni argattu.+ 25  Yeroo kadhannaadhaaf dhaabbattan, Abbaan keessan inni samii cubbuu keessan akka isiniif dhiisuuf, balleessaa warri kaan isin irratti raawwatan hundumaa isaaniif dhiisaa.”+ 26 * —— 27  Ammas isaan gara Yerusaalem dhufan. Utuu inni mana qulqullummaa keessa deemaa jiruus, dura buutonni lubootaa, barsiisonni seeraa fi maanguddoonni dhufanii, 28  “Aangoo maaliitiin wantoota kana hojjetta? Yookiin wantoota kana akka hojjettu aangoo kan siif kenne eenyu?”+ isaan jedhan. 29  Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Mee anis gaaffii tokkon isin gaafadha. Isinis naa deebisaa, anis aangoo maaliitiin wantoota kana akkan hojjedhu isinitti nan hima. 30  Cuuphaan Yohaannis+ samii irraa moo nama biraa dhufe?* Naa deebisaa.”+ 31  Kanaafuu, isaan akkana jedhanii walitti dudubbachuu jalqaban: “‘Samii irraa ti’ yoo jenne, ‘Maaliif isa hin amanne ree?’ nuun jedha. 32  Garuu ijuma jabaannee, ‘Nama biraa ti’ jennuu laata?” Taʼus, namoonni sun hundi Yohaannisiin akka raajiitti waan ilaalaniif namoota sana sodaatan.+ 33  Kanaafuu isaan, “Hin beeknu” jedhanii Yesuusiif deebisan. Yesuusis, “Anis wantoota kana aangoo maaliitiin akkan hojjedhu isinitti hin himu” isaaniin jedhe.

Miiljaleewwan

Ykn., “madde?”