Wangeela Maarqos 15:1-47
15 Akkuma bariʼeenis, dura buutonni lubootaa, maanguddoonnii fi barsiisonni seeraa, jechuunis guutummaan yaaʼii Saanhedriin erga waliin mariʼatanii booda, Yesuusiin hidhanii geessanii Philaaxositti dabarsanii isa kennan.+
2 Philaaxosis, “Ati Mootii Yihudootaa tii?”+ jedhee isa gaafate. Innis, “Atumti iyyuu jette kaa”+ jedhee deebise.
3 Dura buutonni lubootaa garuu himata hedduu isa irratti dhiheessu turan.
4 Yeroo kanatti Philaaxos irra deebiʼee isa gaafachuu jalqabe; “Deebii tokko illee hin kennituu?+ Himata meeqa si irratti dhiheessaa akka jiran ilaali”+ isaan jedhe.
5 Haa taʼu malee, Yesuus sana booda deebii tokko illee waan isaaf hin kennineef, Philaaxos ni dinqisiifate.+
6 Inni yeroo hunda guyyaa ayyaanaatti nama uummanni sun akka isaaniif hiikamu gaafatan tokko ni hiika ture.+
7 Yeroo sanatti namoota mootummaa irratti fincila kakaasuudhaan nama ajjeesanii hidhaman keessaa namni Barbaan jedhamu tokko jira ture.
8 Kanaafuu, namoonni sun dhufanii wanta Philaaxos isaaniif gochuu amaleeffatee ture akka isaaniif godhu gaafachuu jalqaban.
9 Innis deebisee, “Mootii Yihudootaa akkan isiniif hiiku ni barbaadduu?”+ isaaniin jedhe.
10 Philaaxos kana kan jedhe, dura buutonni lubootaa dabarsanii kan isa kennan hinaaffaadhaan akka taʼe+ waan beekuuf ture.
11 Haa taʼu malee, dura buutonni lubootaa sun, Yesuusiin utuu hin taʼin, Barbaaniin akka isaaniif hiiku akka gaafatan uummaticha kakaasan.+
12 Philaaxos ammas deebisee, “Isa isin Mootii Yihudootaa jettanii waamtan kana hoo maal godhu ree?”+ isaaniin jedhe.
13 Isaan ammas, “Isa fannisi!”* jedhanii iyyan.+
14 Philaaxos garuu, “Maaliif? Balleessaa maalii hojjete?” isaaniin jedhe. Isaan garuu, “Isa fannisi!”* jedhanii ittuma caalchisanii iyyan.+
15 Yeroo kanatti Philaaxos, uummaticha gammachiisuu barbaadee Barbaaniin isaaniif hiike; Yesuusiin immoo erga garafsiisee+ booda muka irratti akka fannifamu dabarsee isa kenne.+
16 Loltoonni sun gara mooraa sanaatti, jechuunis gara mana bulchaa sanaatti erga isa geessanii booda loltoota hunda walitti qaban.+
17 Achiis uffata bifa dhiilgee itti uwwisan; qoree irraas gonfoo dhaʼanii mataa isaa irra kaaʼan;
18 achiis sagalee guddaadhaan, “Yaa Mootii Yihudootaa, nagaan siif haa taʼu!”+ isaan jechuu jalqaban.
19 Akkasumas ulee shomboqqootiin mataa isaa rukutan, itti tufan, jilbeenfataniis isaaf sagadan.
20 Dhuma irrattis erga itti qoosanii booda, uffata bifa dhiilgee sana irraa baasanii uffata isaa deebisanii itti uwwisan. Achiis muka irratti isa fannisuuf fuudhanii deeman.+
21 Namni biyya Qareenaa Simoon jedhamu tokko baadiyyaadhaa utuu dhufuu arganii muka* Yesuus itti fannifamu akka baatu isa dirqisiisan; namichi kun abbaa Iskindirii fi Ruufos ture.+
22 Achiis bakka Golgootaa jedhamutti isa geessan; hiikni isaas, “Bakka Buqqee Mataa”+ jechuu dha.
23 Bakka kanattis daadhii wayinii qumbiidhaan makame isaaf kennuuf yaalan;+ inni garuu fudhachuu dide.
24 Muka irratti erga isa fannisanii boodas, eenyu isa kam akka fudhatu murteessuuf carraa buufatanii uffatawwan isaa warra inni irratti uffatu hiratan.+
25 Yommuu muka irratti isa fannisanis yeroon isaa saʼaatii sadii ture.
26 Barreeffamni himata isa irratti dhihaate ibsuu fi “Mootii Yihudootaa” jedhus barreeffamee ture.+
27 Kana malees, saamtota lama, isa tokko karaa mirga isaa, isa tokko immoo karaa bitaa isaa, isa biratti muka irratti fannisan.+
28 *——
29 Namoonni achiin darbanis isa arrabsu turan; mataa isaanii raasaniis+ akkana jedhu turan: “Muu, yaa isa mana qulqullummaa diigdee guyyaa sadiitti ijaartu nana,+
30 mee muka* irratti fannifamte irraa buʼiitii of oolchi.”
31 Haaluma wal fakkaatuun, dura buutonni lubootaas barsiisota seeraa wajjin akkana jedhanii isatti qoosan: “Warra kaan oolcheera; of oolchuu garuu hin dandeenye!+
32 Nuti arginee akka isatti amannuuf, mee Kiristoos Mootiin Israaʼel amma muka* irratti fannifame irraa haa buʼu.”+ Warri isaa wajjin muka irratti fannifaman illee isa arrabsu turan.+
33 Saʼaatii jaʼaa jalqabee hanga saʼaatii sagaliitti guutummaan lafaa ni dukkanaaʼe.+
34 Saʼaatii sagalitti Yesuus sagalee guddaadhaan, “Eelii, Eelii, laamaa saabaaqtaanii?” jedhee iyye; hiikni isaas, “Yaa Waaqa koo, yaa Waaqa koo, maaliif na dhiiste?”+ jechuu dha.
35 Warra naannoo sana dhaabbatan keessaa tokko tokko yommuu kana dhagaʼan, “Ilaa, Eeliyaasiin waammachaa jira” jedhan.
36 Yeroo kanatti namichi tokko fiigee ispoonjii tokko daadhii wayinii dhangaggaaʼaa keessa erga cuuphee booda ulee shomboqqootti diree akka inni dhugu isaaf kennee,+ “Dhiisaa! Mee Eeliyaas dhufee akka gad isa buusu ilaalla” jedhe.
37 Yesuus garuu sagalee guddaadhaan erga iyyee booda ni duʼe.*+
38 Golgaan mana qulqullummaas+ gararraadhaa hamma gajjallaatti bakka lamatti tarsaʼe.+
39 Ajajaan dhibbaa fuuldura isaa dhaabbatee ture sun inni haala akkanaatiin duʼuu isaa yommuu argu, “Dhuguma iyyuu namni kun Ilma Waaqayyoo ture”+ jedhe.
40 Dubartoonni fagoo dhaabbatanii ilaalanis jiru turan; isaan keessaa Maariyaam ishii Magdalaa, Maariyaam haadha Yaaqoob isa xinnichaa* fi Yosees, akkasumas Salomee turan.+
41 Dubartoonni kun warra yommuu inni Galiilaa turetti isaa wajjin turanii fi isa tajaajilaa turani dha;+ dubartoonni isaa wajjin gara Yerusaalem dhufan kan biroon hedduunis jiru turan.
42 Guyyaa Qophii, jechuunis jala bultii Sanbataa waan taʼeef, guyyicha keessaa gara galgalaatti
43 namni biyya Armaatiyaa Yoseef jedhamuu fi miseensa beekamaa Mana Marii Yihudootaa taʼe ni dhufe; namichi kun Mootummaa Waaqayyoo eeggata ture. Inni ija jabinaan Philaaxos duratti dhihaatee reeffi Yesuus akka isaaf kennamu gaafate.+
44 Philaaxos garuu inni duʼuu isaa mirkaneeffachuu waan barbaadeef, ajajaa dhibbaa sana ofitti waamee Yesuus kan duʼe taʼuu isaa isa gaafate.
45 Ajajaa dhibbaa sana irraa erga mirkaneeffatee boodas, reeffa isaa akka fudhatu Yoseefiif heyyame.
46 Innis uffata quncee talbaa baʼeessa bitee, reeffa isaa erga mukicha irraa buusee booda, uffatichaan kafanee awwaala* kattaa keessatti qophaaʼe tokko keessa kaaʼe;+ achiis dhagaa tokko gara afaan awwaalichaatti gangalche.+
47 Maariyaam ishiin Magdalaa fi Maariyaam haati Yosees garuu reeffa isaa eessa akka kaaʼan ilaalaa turan.+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “Muka irratti isa fannisi.”
^ Ykn., “Muka irratti isa fannisi.”
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Kutaa Dabalataa A3 ilaali.
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “hafuura isaa isa dhumaa baafate.”
^ Ykn., “gabaabaa.”
^ Ykn., “awwaala yaadannoo.”