Wangeela Maarqos 16:1-8

  • Yesuus duʼaa kaafame (1-8)

16  Sanbanni+ erga darbee boodas, Maariyaam ishiin Magdalaa, Maariyaam+ haati Yaaqoobii fi Salomeen dhaqanii reeffa isaa dibuuf urgooftuu bitan.+  Guyyaa jalqabaa torban sanaatti ganama barii akkuma aduun baateen gara awwaalichaa* dhufan.+  Isaan, “Eenyutu afaan awwaalichaa irraa dhagicha nuuf gangalcha?” waliin jechaa turan.  Yommuu ol jedhanii ilaalan garuu, dhagichi akka malee guddaa taʼus, afaan awwaalichaa irraa akka gangalfame argan.+  Yommuu gara awwaalichaatti seenanis dargaggeessa uffata adii uffatee karaa mirgaa taaʼe tokko arganii baayʼee naʼan.  Innis akkana isaaniin jedhe: “Hin naʼinaa.+ Isin Yesuus nama Naazireet isa muka irratti fannifamee ture sana barbaadaa jirtu. Inni duʼaa kaafameera.+ Amma as hin jiru. Kunoo, bakka isaan reeffa isaa kaaʼanii turan ilaalaa.+  Haa taʼu malee dhaqaatii, ‘Inni isin dursee gara Galiilaa ni dhaqa.+ Akkuma isinitti himee tures achitti isa ni argitu’ jedhaatii barattoota isaa fi Pheexirositti himaa.”+  Kanaafuu, isaan achii baʼanii hollachaa fi ajaaʼibsiifachaa awwaalicha biraa baqatan. Isaan sodaadhaan kan kaʼe nama tokkotti iyyuu homaa hin dubbanne.*+

Miiljaleewwan

Ykn., “awwaala yaadannoo.”
Akka barreeffamoonni bara durii dhugaa taʼan ibsanitti, Wangeelli Maarqos jechoota lakk. 8 irratti argamaniin xumurama. Kutaa Dabalataa A3 ilaali.